Kiim Jongi-un Kooriyaa Kibbaa waliin 'seenaa haaraa' hojjechuuf waadaa galan

Kim Jong-un fi Moon Jae-in

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kim Jong-un wayita daangaa ce'anii Kooriyaa Kibbaa seenan

Dursaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joongi-Un yaa'iin isaan Kooriyaa Kibbaa waliin itti jiran nageenyaaf "ka'umsa" jedhan.

Erga waraanni Kooriyoota lamaan gargar baase bara 1953 keessa goolabamee as yeroo jalqabaaf daangaa ce'uun Kooriyaa Kibbaa daawwachuudhaan qondaala jalqabaati, Kim Jong-un.

Guyyaa seena qabeessa kanarratti Kim Jong-un dursaa Kooriyaa Kibbaa Moon Jae-in waliin daangaarratti harka walfuudhaniiru.

Obbo Kim marii dhugaarratti hundaa'e Kooriyaa Kibbaa waliin akka geggeessan abdatu.

Marii geggeessan irratti dhimmi nageenyaa fi gabbisa niwukilaraa ajandaa gurguddoodha jedhameera.

Qabxiiwwan ijoo mariisaaniirratti dursanii walii galaniiru. Garuu xiinxaltoonni baayyeen as dhidhiyaannaa warra Kaabaa kana ija shakkii fi xiyyeeffannaadhaan ilaalaatti jiru.

Taateewwan hin barreeffamne

Lammiileen Kooriyaa Kibbaa hundi battala hooggantoonni biyyoota lameenii harka walfuudhan kana hawwiin eegaa turan.

Wayita jalqaba Kooriyaa Kaabaatti achiimmoo kibbatti deebi'uun hooggantoonni biyyoota lameen daangaa biyyoota lameen addaan footoo irra deddeebi'uun harka walfuudhan namoonni miira abdiin guutameen daawwachaa turan.

Taateewwan kunneen wal duraan ta'an homaa karoora barreeffamee lafa taa'e hin qaban.

Waggoota kurna caalan keessatti yeroo jalqabaaf hooggantoonni lameen walargan

Madda suuraa, Getty Images

Seenaan haaraan eegalameera

Hooggantoonni wayita wal argan agarsiisa aadaa Kooriyaa Kibaatiin dabaalaman. Sanaan booda waahiloonni lameen gammachuudhaan gara Mana Nageenyaa 'peace house' kan Panmunjom keessatti argamutti qajeelan. Bakki kun iddoo biyyoota lameen gargar qooddu mooraa waraanaa kan meeshaa waraanaarraa walabaawaadha.

''Amma seenaa haaraan eegalameera, jalqabbiin seenaa haaraa fi barri nageenyaa dhiyaatteetti,'' jechuun galmee keessummoonni yaada irratti kennanirratti barreessan Kim Jong-un.

Kim Jong-un fi Moon Jae-in iddoo meeshaa waraanaarraa walabaa keesatti harka walqabatanii wayita deeman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Walga'iinsaanii waraanaa waggoota kurna hedduuf ture hambisuurratti xiyyeeffata

Xiyyeeffannaa marii

Mariinsaanii sagantaa gabbisa niwukilaraa Kooriyaa Kaabaa isa walxaxaa ta'erratti xiyyeeffata.

Dhimma niwukilara Kooriyaa Kaabaarratti waliigalteerra ga'uun ni cimata jetti Se'ul. Sababni isaa Kooriyaan Kaabaa gama niwukilra misoomsuutiin baayyee deemteetti, dhimma bu'uura jireenyashee ta'e kana salphaatti dhaabsisuun ni cima jetteetti.

Hooggantoonni lameen mariisaaniin dura waliin wayita deeman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hooggantoonni lameen mariisaaniin dura waliin wayita deeman

Obbo Kim yaalii niwukilraa yeroof akka dhaaban torbee darbe beeksisanii turan. Tarkaanfiin kun US fi Kooriyaa Kibbaa biratti akka waan gaariitti ilaalameera.

Karaa cina kaaniimmoo hooggantoonni kunneen akkaataa waraana bara 1950 -53tti ture sana beekamtii kennanii hambisuun danda'amurratti ni mari'atu, dhimmi nageenyaa fi diinagdee cimaa uumuus ajandaa gurguddoodha.