Keenyaatti lolaan yaaddoo uumeera

Madda suuraa, @KenyaRedCross
Sababa bokkaa cimaa roobaa jiruun Keenyaa keessatti bishaan cufaman/hidhaman lama guutanii dhangala'uun jireenya namoota kuma hedduutti lakkaa'amanitti yaaddoo uumuusaa dhaabbanni Fannoo Diimaa biyyattii BBC'tti himaniiru.
Sodaa lolaa dhufuuf malu jala ooluudhaaf namoonni gara Bahaafi Giddu-galeessaa jiran gara lafa ol ka'aatti akka godaanan Dura Ta'aan Fannoo Diimaa Keenyaa Abbaas Gulleet gorsa kennaniiru.
Dura Ta'aan kun hanga ammaatti sababii lolaatiin namoonni 200,000 ta'an qe'eerraa buqqa'anii manneen barumsaafi dirreerra qubtaniiru jedha.
Daandiiwan heduun liqimfamanii bakka hedduuttis lafti sigigaateera.

Madda suuraa, AFP
Hidhaan/cufaan lamaan - Masiingaafi Kambuuruun lolaa Gaara Keenyarraa lola'uti itti guuta.
Roobni kun daawwannaa Pirezedaanti Uhuruu Kenyaattaa Keenyaa Dhihaatti taasisuuf turan akka haqan dirqisiisuun haasaa yaa'iirratti argamanii taasisuun isaanirra ture akka karaa toora viidiyootiin taasisan godheera.










