Itoophiyaan Ministira Muummee yeroon bakka buusu maaliif dhabde

Ministirri Muummee fi dura taa'aan ADWUI aangoo gad-lakkisuuf gaaffii dhiheessuu isaanii erga ifa godhani ji'a tokko guutuus hanga yoonaa gaaffii isaaniif deebiis ta'e hogganaan isaan bakka bu'u hin filatamne.
Inumaa waldhabdee biyyattii keessatti mul'ataa jiru to'achuuf yaada jedhuun ministirri muummee aangoo irraa akka bu'an erga dubbatani bulee dhuma isaa mootummaan labsii yeroo muddamaa labseera.
Paartiin biyya bulchu hanga yoonaa attamin ministira muummee filachuu dhabe jennee hayyuu fi nama siyaasaa gaafanne akka jedhanitti sababni kuni akka hin taane taasisan jiraachuu malu.
Miseensi paartii mormituu kanaan dura qofaa isaanii miseensa paarlaamaa Itoophiyaa turan, Girmaa Sayifuu, akka jedhanitti hanga yoonaa nama bakka buusuu dhabuun aangoo qabachuuf walmorkiin akka jiru agarsiisa.
''Gama tokkon maqaa duratti qaban dhabuu hin barbaadan. Gama kaaniin immoo gaaffiin ummataa jira. Sababa kanaaf, waan walii galtee dhaban natti fakkaata.''
Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa seenaa kan ta'an Obbo Ababaayyahu Ayyyaaloo akka jedhanitti immoo, ''miseensota paartii biyya bulchaa jiru keessatti wal dhabdeen uumameera.''
Hayyuun kun akka jedhanitti hogganaan tokko fedhii kootiin aangoo gad-lakkiseera erga jedhe yeroosuma bakka-bu'aan filatamu qaba. kanaan achi garuu aangoo qabachuuf walmorkiin akka taasifamu karaa saaqa jedhan.
''Barana walgahiiwwan yeroo dheeraa fudhatan taa'aa kan jiru paartiin biyya bulchaa jiru haala kanaan dura hin baramneen gaaffiiwwan ummataafi dhaabbilee siyaasaa miseensa isaa ta'anirraa ka'un qoramu hin dhabu.''
Yeroo biyyattiin bulchaa dhabde kanatti osoo rakkoon guddaan tokko mudate kan itti gaafatamu qabu paartii biyya bulchaa jirudha jedhu xinxaltoonni kunneen.
Obboo Girmaan durumaa isa ministirrii muummee aangoo gad-lakkiseera jedhani dubbatan ifa miti yaada jedhu qabu. Erga nama bakka buusan qopheessanii booda osoo nutti himani sirrii ta'a ture jechuun himu.
Waajjirri paartii biyya bulchaa jiru, ADWUI, garuu ibsa yeroo addaa addaatti kenneen waan hunduu sirnaan akka raawwataa jiruufi waldhabdeen paartilee biyya bulchu gidduu akka hin jirre dubbata.
Koreen hojii raawwachiiftuu ADWUI Dilbataa eegalee walgahiirra jira. Itti gaafatamaan waajjirichaa Obbo Shifarraaw Shigguxee kaleessa ibsa kennanin walakeessa torban dhufu keessa miseensonni koree giddugaleessaa walgahuun hoggantoota fila.
Itoophiyaan ji'a dura yeroo lammataaf labsii yeroo muddamaa kan labsite yoo ta'u biyyoota michuu Itoophiyaa ta'an dabalatee dhaabbileen mirga namoota rakkoo biyyattin irra jirtuuf furmaata hin ta'u jedhaniiru. Lammileen biyyattii kana mormuuf daanditti bahan illee loltoota waliin waldhabuun lubbuun namootaa darbeera.















