'Booranni ammalleen gara Keeniyaatti buqqa'aa jira'

Bulchaan itti aanaa Kaawuntii Marsaabit baqattoota naannoo Seesii jedhamutti dhaqanii daawwataniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Bulchaan itti aanaa Kaawuntii Marsaabit baqattoota naannoo Seesii jedhamutti argaman dhaqanii daawwataniiru

Lammiileen Itoophiyaa waraana biyyattii sodaachuun daangaa ce'anii ammalleen gara Keeniyaatti imalaa jiraachuu bulchaan itti-aanaa kaawuntii Marsabit, Kaaba Keeniyaa, Salamoon Guuboo himan.

''Seesii, Buutiyyee, Soomarree, Dadaa Kormaa, Kukkubaa, Danbalaa Facanaa kana cufti keessa jira namni,'' jechuun lafa baqattoonni qubatan BBC'tti himaniiru.

Hanga guyyaa kaleessaattis baqattoonni kumi 8 fi 200'tti tilmaamaman simachuu isaanii himaniiru.

Hanga ammaatti bakka qubatan, bishaan, waan soorataniifi qoricha kennaafi jirras jedhan.

Ijoolleef aannan illeen kenniinneera kan jedhan bulchaan bulchiinsa kaawuntii Marsabit, namoonni ammaanu dhukkubsachu eegalanii jiru jechuun haala fayyaa baqattootaa himaniiru.

Qorichaafi gargaarsa haalaan kennuuf ammoo lakkoofsi namootaa dursa adda baafamuu waan qabaatuuf jedhanii turan.

''Nami cufti gara Keeniyaa baqachuu jiru ammaan tana. Maatiin ijoollee guurate, nami guddaan horii, loonii, lukkuu, harree gaala waan san cufti gurrachuu baqachuutti jiru.''

Dhaabbileen kanneen akka qaxxaamura diimaa nyaataafi waan irra rafan kan kenneef yoo ta'u, ummanni Booranaa Keenyaa keessa jirullee isaan simateera jedhaniiru.

''Gara Mooyyalee kana horiillee itti qalle, re'eellee guddoo itti qaluu jirra.''

Kana malees Bulchaan itti-aanaa kaawuntii Marsabit, Salamoon Guuboo har'a guyyaa Roobii Kaaba Keeniyaa bakka Seesii jedhamutti uummata buqqa'ee kana dhaqanii dubbisaniiru.

Gaafa Sambata darbe lammiileen nagaa 10 loltoota mootummaatiin erga ajjeefamanii booda jiraattoonni magaalaa fi baadiyyaa aanaa Mooyyalee sodaa balaan walfakkaatu nurratti raawwata jedhun gara biyya ollaatti baqataa jiru.