Tiraampiin kan ari'aman Tiilarsan dhimma Raashiyaa irratti akeekkachiisa laatan

Ministirummaa Haajaa Alaa Ameerikaa irraa Doonaald Tiraampiin kan ari'aman Reeksi Tiilarsan, waa'ee ''amala rakkisaa fi gocha Raashiyaa'' irratti akeekkachiisa kennan.
Dubbii isaaniin Tiraampiin galateeffachuus ta'e imaammata isaanii jajuu irraa of qusatanii jiru.
Hoogganaa 'Eekson Moobiil' duraanii kan turan Tiilarsan, angoo isaaniirraa ka'uusaanii fi daayirektarri 'CIA' isaaniin bakka bu'uu Tiraamp 'twitter' irratti maxxansanii turan.
Tiilarsan ari'amuu isaaniif deebii akkamii kennan?
Haasawa Waajjira Ministeera Haajaa Alaatti taasisaniin, walitti dhufeenya Chaayinaa fi dhimma niikuleraa Kooriyaa Kaabaa irratti hojiin dansaa hojjatamuu isaa Tiilarsan dubbatanii jiru.
Garuu dhimma ''amala rakkisaa fi gocha Raashiyaa'' ilaalchisuun gama Mootummaa Raashiyaatiin hojiin guddaan akka hafu dabaluun himanii jiru.
''Raashiyaan gochi ishee lammiilee biyyattii fi addunyaa bal'aa akkamiin akka fayyadu gamaaggamuu qabdi. Haala amma jiruun itti fufnaan, addunyaarraa fo'amuu isaaniiti, haalli kunis fedhii qaama kamiyyuu miti.''
Afuura fudhachuuf kan rakkatan fi hollataa kan turan kan fakkaatan Tiilarsan, guyyoota dhufan ilaalchisuun Tiraamp waliin akka haasa'an dubbataniiru.
Miistar Tiilarsan hanga Bitootessa 31'tti waajjira kan turan ta'us, hanga muudama Poopewoo'tti waajjiricha kan hoogganan itti aanaa isaanii Joon Suulivaan ta'u.













