Jireenya Iboolaa booda
Erga vaayirasiin Iboolaa biyyoota Lixa Afrikaa Laayibeeriyaa, Giiniifi Siyeraaliyoon keessatti mudachuun isaa dhagahame waggaa afur ta'eera. Ogeessi kaameraa Hiwu Kinsellaa Kaaningihaam namoota yaaddoo dhukkubichi itti dhiisee deeme hubachuuf imalee ture.

Madda suuraa, Hugh Kinsella Cunningham
Vaayirasichi akka jiru bara 1976 kan barame. Ergasii eegale namoota ajjeese caalaa bara 2014'tti danuu ajjeese.
Vaayirasiin kuni bakkeewwan gadadoon itti cimu kanneen akka West Poyint Laayibeeriyaa argamtutti hammaate.
Bakki West Poyint magaalaa Monoroviyaatti kan argamuufi namni danuu bakka tokko jiraatudha.

Madda suuraa, Hugh Kinsella Cunningham
Ilmi ishiin akkoo taatuuf yeroo mootummaan dhukkubicha to'achuuf yaalii taasisu namoota morman keessa waan tureef poolisiin ajjeefame.
Waggoota booda du'a isaaf akka beenyaatti ijoollee afur maatii ishee keessa jiran mana barumsaatti ergiteetti.
Rittaa Kaarol obboleettii ishee dhukkuba kanaan dhabde. Daandiirra nyaata gurgurti ture. Haa ta'u malee, isumarraayyuu qusattee firijii bitachuun cabbii hojjechaa jireenya fooyya'aa jiraachuu yaaddiyyuu ture. Hin taane malee.

Madda suuraa, Hugh Kinsella Cunningham

Madda suuraa, Hugh Kinsella Cunningham
Ittaa Robartis kilinika Kahwetti narsii ta'un tajaajilti.
Hundeessaan kilinikichaa Rejinaald Kahweh maatii isaa Iboolaadhaan waan dhabef buufanni fayyaa kuni akka ijaaramu arjoome. ''Namni hunduu hawaasa jireenya fooyya'e qabu akka jiraatu hojjechuu qaba...bakki kuni namoota du'an yaadachuuf hundeeffame.''

Madda suuraa, Hugh Kinsella Cunningham
Iboolaan eegumsa fayyaa Laayiberiyaaf waan hamaa fide. Waggoota 14'f wal waraansa waliin waan turteef bu'uraaleen misoomaa rakkoo keessa turani.
Yeroo ammaa, bakkeewwan akka West Poyintitti shakkiin yoo jiraate qondaalli fayyaa ramadame kallattiin jaarmiyaa eegumsa hawaasaa biyyaalessatti beeksisa.

Madda suuraa, Hugh Kinsella Cunningham

Madda suuraa, Hugh Kinsella Cunningham
J Robartisan erga haadha warraa isaa Iboolaadhaan dhabe as hojii haaraa eegale. ''Haati warraa koo hin awwaalamte osoo hin taane hin gubani. Kanaafuu, ni deebiti jedhe hin yaadu. Ijoollee keenya afur irratti xiyyeeffachuun murteesse, qarshiin isaan barbaachisa.''

Madda suuraa, Hugh Kinsella Cunningham
Namoota Iboolaan du'an kan owwaalan hiyyeessota. Hedduun isaaniis akka tasaa hojii waan argatanif itti seenani.

Madda suuraa, Hugh Kinsella Cunningham

Madda suuraa, Hugh Kinsella Cunningham
Mohaammad Kaanun yeroo Iboolaan hammaate sanatti namoota du'an owwaaluuf mootummaan mindeeffame. Ergasii hojii biraa hin arganne. Kanfaltiidhuma xiqqaan hojii dur hojjetu hojjechaa jira.
Sirna owwaalchaa namoota Iboolaan du'an xuqanin dhukkubichi kaanitti darbeera. Kan gadadoo fi qollifannaaf saaxilamanis jiru.
Namni biraa bakka owwaalchaa hojjetu Morlaa Kargiboo, kana yeroo ibsu: ''Namoota Iboolaan du'an yoo owwaltetta ta'e namoonni mana siif kireessuullee hin barbaadan.''

Madda suuraa, Hugh Kinsella Cunningham
Maddi suuraa hundumaa kan Hiwu Kinsellaa Kaaningihaam.












