Viidiyoo IS 'yeroo loltoonni US Niijar keesatti dhoksaan haleelaman agarsiisa'

Madda suuraa, AFP
Gareen Islaamaa (IS) viidiyoo loltoonni US afur Onkoloolessa darbe keessa Niijar keessatti dhokatanii haleeluun yoo ajjeefaman agarsiisu gadi dhiisan.
Viidiyoon kun maaliif erga amma kanaa turee booda fuula ergaa app Telegram warra IS irratti amma akka gadi dhiifame ifa miti.
Caalmaan qabiyyee viidiyoo kanaa waraabbii battalumatti taasifame akka fakiiwwan heelmeetii kaameraa loltoota keessaa tokko ta'een waraabame kan agarsiisu dabalata.
Viidiyoon kun halleellaan sun akka waan milishoota IS'n raawwatame fakkeessa.
Fakii miseensonni garee Jamaat Nusrat al-Islam wal-Muslimin (JNIM) kan al-Qaeda- waliin walitti hidhannaa qabu jedhaman yeroo gaggeessaa IS Abu Bakr al-Baghdadiif waadaa galan mullisuun jalqaba.
Waadaa walii galuun jedhame kun xiinxaltoota hedduun ji'a darbe keessa gabaafamus ulaawwan IS Telegram ba'ee hin beekamne.
Du'aatiin loltoota kanaa boodarra yeroo ergaan bilbillaa Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi gaddaa itti dhaga'ame ibsuuf hima inni " maaliif akka mallatteesse beeki" jedhe akka boossu ishee taasise mormii kaasisee ture.
Viidiyoon kun loltoonni hidhatan naannolee gammoojiii keessa gara dhakatanii osoo hin beekiin haleellaa qaqqabsiisutti yeroo deemaniifi fiigan akka agarsiisu, BBC Monitoring gabaaseera.
Itti aansuun ammoo waraabbii loltoota US tiin waraabame fakkaatu agarsiisa. Bakka tokkotti waraabbiin loltoonni US warreen isaan haleelan sana waliin walitti dhukaasaa jiran kan fakkaatu agarsiisa.
Achumaan loltuun tokko kan du'e kan fakkeessuti mullata.
Wal waraansi hanga loltoonni biroo isa fiilmicha waraabaa jiru sana dabalatee hanga ajjeefamanitti kan itti fufe.












