Hidhamtooti siyaasaa akka gadi dhiifaman murtaa'e

Madda suuraa, EBC
Namootni siyaasaas ta'e kannen biroo dhimmi isaanii abbaa alangaatiin ilaalamaa jiruufi kan itti murtaa'e, waliigaltee biyyoolessaa fooyyee qabu uumuufi dirree diimookiraasii bal'isuuf jecha, himatni isaanii adda cite yookan ammo dhiifamaan akka gadi dhiifaman murtaa'eera jedhan Ministirri Muummee Hayilamaariyaam Dassaalenyi.
Gama biraan, bara mootummaa Dargii maqaa qorannaan gochoonni gara jabinaa adda adda keessatti raawwatamaa ture kan jedhan, jiddugalli qorannoo yakkaa 'Maa'ikalaawii' jedhamu cufamee Godambaa akka ta'us murtaa'eera jedhan Obbo Hayilamaariyam.
Jiddugalli qorannoo yakkaa sadarkaa Idil-addunyaa eeggate mana maree bakka bu'oota uummataan akka dhaabbatu murtaa'uu isaas dubbataniiru Ministirri Muummee Hayilamaariyaam.
Ibsi kun kan kenname wayita dursitoonni paartilee miseensota ADWUI afran kora dhaabichaa guyyoota 17'f gaggeessan booda har'a kennan irrattidha.
Murteen kun jalqabbii gaariidha kan jedhan dura taa'aa itti aanaan Koongirasii Federaalistii Oromoo garuu gahaa miti jedhu.
"Biyya kanaaf nagaa fiduun kan danda'amu yoo ADWUI'n waan amma itti jiru irraa deebi'ee, saba wajjiin taa'ee mootummaa ce'uumsaa uumuu danda'e qofadha," jedhu.
"Waggaa 26 namni nu harkatti du'aa tureera, dhiigni dhangala'aa tureera, jireenya namaa babbadee, namootni hedduun biyyaa baqataniiru kanaaf gaaffii kana qofa deebisuun araarri nu bu'a jennee hin yaadnu," jedhan Obbo Mulaatuun.
Murteen amma fudhatan kun nagaa buusuuf tarkaanfii gaariidha jennee ilaalla, itii fufu qabas jedhan.
Gama biraan Mana Murtii Olaanaa Federaalaa damee Lidataatti dhaddachi yakkaa 19ffaa ragaalee viidiyoo fi suuraa abbaa alangaa har'a ilaaluuf ture osoo hin ilaaliin hafeera.
CD'wwan 8 akka ragaatti Dr. Mararaa irratti dhiyaatan keessa 7 argachuu isaanii mana murtiif kan himan abukaatoon isaanii, koppiin ragaalee kanneenii Dr. Mararaaf kennamanii isaanis akka ilaalan mana murtii gaafatan.
Manni murtii gaaffii isaanii barreeffaman akka dhiyeessan ajajuun ALI Amajjii 24 bara 2010tti beellama qabatee jira.













