Israa'el: baqattoonni afriikaa akka bahan ykn akka hidhaman itti himame

Madda suuraa, AFP
Motummaan Israa'el baqattoonni afriikaa kumaatamaan lakkaa'aman biyyattii gadiisuun akka bahan, yookn ammoo akka hidhaman beksiisa akkeekachisaa baafte.
Baqattoonni kunneenis guyyoota 90 keessatti biyyattii akka bahaniif dolaarri kuma 3,500 ni kennamaaf.
Isaanis akka gara biyya isaanitti ykn gara biyya sadaffaa deemaniif filannoon ni kennamaaf.
Kan hinbaane yoo ta'e ammoo, Amajjii kana irraa kaassee akka mana hidhaatti geeffaman abbootii taayitaa Israa'el akkeekachiisan.
Dhabbata motumoota gamtomanitti ejansiin baqqattootaa garuu karoorri kun kan seerawwan addunyaafi kan Israa'el cabseedha jedheera.
Motummaan Israa'el gammoo deebii'un isaan kunis kan ofi eeggannoo taasifameefi 'fadharratti kan hundaa'e' jedha.
Ajajjichis daa'imman, namoota duloomaniifi kanneen balaa garbumaa, fi dadabarsaa namootaatiif saaxilaman hinilaalatu.

Madda suuraa, Getty Images
Dubbi himaan Abbaa taayitaa ummata Israa'eeliifi Kolu galtootaa BBC'tti akka himeetti, wayita ammaa kanattis namoota karaa seeraan alaatiin Israa'el galan kumi 38 akka argamaniifi isaan keessaa 1,420 dhaabbilee hidhaa keessa jiruu jedheera.
Israa'eelis jecha 'seeraan ala gala' jedhu kanas kan fayyadamtu, namoota karaa daangaa seeraatiin hingallee jechuuf fayyadamti.
Baqattoonni baayyeen isaanii Sudaaniifi Ertiraa irraa ta'an kunnenis, jeequnsaafi ajjeechaa baqachuun kolu galtummaa barbaacha kan gara Israa'el dhufan yoo ta'an, abbootiin taayitaa Israa'el garuu akka baqattoota dinagdeetti nu fudhate jechaa jiru.












