Kaanaadaan dippiloomaatii Venezuweelaa biyyatti waliin atakaaroo keessa seene ari'atte

Madda suuraa, AFP
Kaanaadaan Otoowaatti ambaasaaddara Venezuweelaa kan ta'an Wilmeer Baariyentoos Fernaandeezii fi hoogganaa Imbaasichaa Anjeel Hereeraa biyyaa ari'achuu beeksifte.
Ministirri haajaa alaa Kaanaadaa Kristiyaa Freelaand akka jedhanitti murteen kun torbee darbe magaala guddoo Venzuweelaa Kaaraakaas keessaa dipiloomaatiin ishee ariyatamuu isaaf deebii kennite dha.
Venezuweelaan Kaanadaan dhimma koo keessa galtee jeeqaa jirti jechuun komatteetti.
Kaanaadaan ammoo bulchiinsa pireezident Nikolaas Maaduroo qabannaa mirgootaa namoomaarratti qeeqaa jirti.
Jalqaba bara kanaatti hiriira mormii mootummaa ji'a tokkooof tureen namoonni 120 ol ta'an ajjeefamaniiru.
'Mootummaan Veenzuweelaa mirgoota bu'uuraa dhala namaa fi dimookraatawaa uummata veenzuweelaa irraa mulqaa, deeggarsa namoommaa akka hin argannes dhorkaa jiru kana waliin Kaanaadaan hin dhaabatu' jedhu aadde Freelaand.
'Biyyootaa naannoo sanatti michuuwwan keenya ta'an waliin ta'uun sirna bulchiinsaa Maaduuroo faallaa dimookraasii ta'e irratti dhiibbaa uumuun mirgi lammiilee biyyattii akka deebi'ee kabajamu hojii eeggalle itti fufnas' jedhaniiru.
Akka aadde Freelaand jedhanitti ambaasadar Baariyentoos biyya keessa kan hin jirre ta'uu fi dhufanis akka biyyaattii seenan hin hayyamamuuf. bakka isaan hin jirreettii eembaasicha kan hoogganaan Hereeraanis biyya gadhiisanii akka bahan gaafatamaniiru.
Gidduugaltummaa badaa
Kaanaadaan dursitee qondaaltota Veenzuweelaa gameeyyii irratti qoqqobbi kaahuun ishee mootummaa Veenzuweelaa aarsee jira.

Madda suuraa, Reuters
Hoogganaa mana maree Veenzuwelaa kan ta'an Deelsiiy Roodriigeez ibsa sanbata darbe kennaniin hoogganaa Eembaasii kaanaadaa kan magaalaa Kaarakaasitti argamuu Kirii'ag Koowaliikiin nama fudhatama hin qabne ittin jedhaniiru.
Obbo Roodriigeez Koowaliikiin 'otuu addaan hin kutiin nama nama dhiibu, badaa fi gidduugaltummaa hiikaa hin qabne' nama godhani jechuun qeeqaniiru
Ambaasadara Biraazil Ruuyi Peri'eeraas olaantummaa seeraa mootummaa sarban jechuun biyyaa ari'atteetti.

Madda suuraa, Reuters
Mootummaan Ameerikaas Obbo Maaduuroorratti qoqqobbii kan kaa'e yommuu ta'u, bulchiinsi Traamp Maaduuroon 'Abbaa irree' ittin jedheera.
Mormitoonni sirnichaa, Maaduroo fi hoogganaan duraanii Huugoo Chaaveez imaammata sooshaaliistii hordofaniin diinagdee biyyattii mancaasaniiru jechuun qeequ.
Veenzuweelaan addunyaa irratti biyyoota qaalayinsa jireenyaan miidhaman keessaa adda duree yommuu taatu hanqina meeshaalee bu'uuraa qoricha dabaltee ishee mudateenis heddu miidhamteetti.
Turtiin aangoo Obbo Maaduroo marsaa duraa waggaa 6 bara 2019 tti kan xumuramu yoo ta'u filannoo bara dhufu gaggeessuuf karoorfame irrattis marsaa lammaffaaf ni dorgomu jedhamee yaadama.












