WannaCry Miidhaa saayibarii: Ameerikaan WaannaaKraay'f Kooriyaa Kaabaa komatte

Madda suuraa, Reuters
Bulchiinsi Ameerikaa miidhaa intarneetii 'WannaCry malwaare' hosipitaalota, daldalaafi baankiiwwan irratti jalqaba bara kanaa addunyaa gutiuutti qaqabeef Koriyaan Kaabaan 'kallattiin itti gaafatamtuudha' jedha.
Miidhaan kunis biyyoota 150 keessatti kompitaroota 300,000 ol ta'an irraa miidhaa qaqabsiisuun kaasaaraa doolaara biliyoonota qaqabsiiserra.
Himannaan kun kan dhihaate, gargaara pirezidaant Doonaald Tiraamp, kan ta'an Toomaas Booseertiin gaazeexaa Wool Istiriit jedhamu irratti ture.
Rakkoo kanaaf Ameerikaan yeroo jalqabaatiif ifatti biyyattii komatte.

Madda suuraa, EPA
Gorsaan dhimma nageenyaa pirezidaantichaa Mr Booseerti, himannichi ''ragaa irratti kan hundaa'eedha'' jedhaniiru.
Mootummaan Ingliziis ji'a Sadaasa keessas 'dhuguma garuu walumaagalatti' Kooriyaa Kaabaatu miidhicha qaqabsise jedhee ture.
Ji'a Eblaa keessaa fooddaawwan kompitarootaa waan miidhaan irra hageefu qabiyyeewwan isaanii cufamuun, fayyadamaan odeefannoo isaanii deebiisanii argachuuf kanfaltii akka raawwataniif gaafatamaa turan. Europool qaamni poolisii Gamtaa Awuroppaas sadarkaa miidhaa kanaa wayita dubatetti kan ''hinyaadamiin'' jechuun ibseera.

Madda suuraa, EPA
Mr Boosarti akka jedhanitti, Kooriyaan Kaabaa ''gaafatamu' qabdi. Ameerikaanis miidhaa walfakkaata irraa of qolachuufi dandeetti cimfachuuf ''tarsiimoo dhiibbaa olaanaaitti'' fayyadamu itti fuftii jedhaniiru.
Bu'aa argameef deebii kennuuf Ameerikaan maal gochuuf akka karoorfatte addaatti waan himan hinturre.
Biyyattii erga baatii darbe keessa muddama yaalii sagantaa nikuleeraa fi misaa'eelii Kooriyaan Kaabaa jidduutti tureen shororkessummaa mootummaan irra deebiin wixineefame hordofteen booda addbbii dinagdee olaanaan irratti kaa'amuun isaa ni yaadatama.
''Kooriyaan kaabaa Waggoota kudhaniin oliif waanti isheen agarsiisaa turtee baay'ee gaarii kan hintaanee fi kan to'atamaa hinturreedha; amala jal'inaa haalaan sukkanneesaa ta'etu keessatti guddataa jira. Waannaakraay kun ammo hundumaa irratti kan raawwate hojii maal-nadhiibee isa cimaadha,'' jechuun barreessan Mr Boosarti.
''Akkuma interneetii nagaa gochaa adeemnuunis, warra gocha dhuunfaa isaanitiin ykn dakka bu'iinsa dhaabbilee yakkamtootaatiin ykn biyyoota jeeqxootaa bu'uun nu miidhanii fi nu sodaachisan itti gaafatamoo taasifnaa,'' jechuun dabalanii dubbataniiru.
''Gochawwan motummoonni abbaa irree raawwatan, tufatanii dhiisuuf guddoo sodaachisaadha.''
Kibxata dhufaa Waayit Hawuus gochaa isheetiin ibsa seera qabeessa Pyoongyaang irratti akka kennu eegama.
'Haleellaa hin eegamiin'
Inglizii Keessatti, Tajaajilli Fayya Biyyooleessa (NHS) miidhaa intarneetii qaqabe guddaa kan hubame wayita ta'u, giddu galawwan waldhaansaa 48 keessatti dhukkubsatoonni baalamaa fi isaan waldhaansa qaqaqsanii walaanaman ileen akka dedeebi'in taasifamiiru.
Biyyoota addunyaa kan biroottis, keessattu miidhaa Raashiyaan baayyee hubamu kan himameenis tajaajila poosta isheerragahee akka ture gabaafameera.

Madda suuraa, kcna/afp












