Barattoonni Chennaayi Hindiitti argaman barataan erga of-ajjeeftee booda yunivaristii gubani

Kaartaa Chennayi Hindii argamu agarsiisu

Barattuun qormaata osoo hattu qabamte of-ajjeefte jedhamnaan mormiin cimaa yunivaristii Hindii keessatti dhalate.

Barattoonni yunivaristii Satyabhamaa Channaayi argamu galgala kaleessaa meehsaalee irra-taa'aan adda addaa kaampaasii isaanii keessatti argamu ibidda itti qabsiisuu isaanii miidiyaaleen naannoo sanaa gabaasaniiru.

Hojjettonni yunivarisitichaa barattuu qormaata hatte jedhamte salphisaniiru jedhaniiru barattoonni.

Barattuun umurii 18 qormaata hatteetti jedhamtee kutaa qormaataa keessaa baasan kutaa ishee keessatti of-huute.

Miidiyaan 'The Times India' jedhamu obbolaa ishee lakkuu lamaaniifi hiriyoonni ishee lama bakka duute arguu isaanii hogganaan yunvarsiitichaa dubbataniiru jedheera.

Du'uun ishee erga dhagahame booda barattoonni hiriira nagaa bahan. Viidiyoo fi suurri miidiyaa hawaasaa Tiwitarii irratti bahe waan irra ciisanii fi meeshaalee taa'umsaa adda addaa yeroo guban agarsiisa.

Mormiin barattootaa poolisiin Kamisa ganama dallaa yunivaristii erga seene booda dhaabateera.