Tamasgan Dassaaleny har'a hidhaa gadhiifame

Madda suuraa, Taariku Dasaaleny
Gaazexeessaa Tamasgan Dassaaleny hidhaa waggoota sadiif itti murtaa'e xumuruun har'a mana amala sirreessaa Baatuutii gadi dhiifamu isaa maatiin beeksisan.
Tamasgan hidhaa itti murtaa'ee xumuruun Jibaata darbee ni hiikama jedhamee eegamee kan ture yoo ta'u, osoo gadi hinlakkiifamiin hafuusaa gabaasuun keenya ni yaadatama.
Gaazexeessaa Tamasgan abbaa qabeenyaa barruu 'Fitih' jedhamuun beekamtuuf kan amma maxxanfamaa hinjirreete. Innis himannaawwan gocha maqaa balleessu, jeequmsaaf kakaasuufi maxxansa sobaa maxxansuu jedhamaniin himatamee ture kan hiidhaan itti murtaa'e.
Himannaa irratti dhiyaatenis Onkoloolessa 2015 kaasee waggoottan sadan darbaniif erga mana hiidhaa keessa tureen booda har'a gadi dhiifameera.









