Filannoo Laayibeeriyaa: Taphataan duraanii Joorj Wiihaa dursaa jiru

Madda suuraa, AFP
Bu'aan filannoo gad-lakkifame guutuu ta'u baatus taphataan duraanii kubbaa miilaan gurra horatan, Joorj Wiihaa, dursaa jiraachuu agarsiisa.
Akka komishiniin filannoo biyyattii agarsiisutti sagaleen kenname danuun reefu lakkaa'amuf ta'uus Wiihaan bulchiinsota 15 keessaa 11 keessatti dursaa jiru.
Morkataan isaanii cimaan itti-aanaan pirezidaantii Joosef Bowakaayi bulchiinsa tokko keessatti dursuun ala kaan hedduu keessatti lammaffaa dha.
Teessuma pirezidaantii biyyatti koruuf dorgomaan tokko sagalee dhibbantaa 50 ol argachuu qaba.
Dorgomtoota kana keessaa tokkoon isaaniiyyuu kana yoo dhaban filannoon marsaa lammataa ji'a dhufu ni taasifama.
Filannoon taasifamaa jiru kun pirezidaantii dubartii Afrikaa jalqabaa fi badhaasa Noobeli argatan - Elan Joonsan Sarliif bakka buusuufi.
Osoo dhuma bu'aan filannoo guutuun hin gadhiifamin garuu, leenjisaan kilaba Arsenaal Arsan Veengar odeeffannoo sobaan dogongorani mo'e jedhaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
''Taphataa koo duraanii pirezidaantii Laayibeeriya ta'e baga gammadde jechuun barbaada,'' jechuun ripportarootaaf dubbatan.
''Taphataan duraanii yeroo pirezidaantii biyyaa ta'u baay'ee hin mul'atu. Baga irra-aante, Joorj,'' jedhaniiru.
Dura taa'aan komishinii filannoo Laayibeeriyaa Jeromee Koykoyaa gabaasa sobaa akka ta'ee fi haga danda'ametti bu'aa filannoo guutuu baasuuf hojjetaa akka jiran beeksisan.
''Komishiniin kuni abaluun mo'eera hin jenne,'' jedhaniiru.
Filannoo gaafa Kibxataan rakkoo gurguddaa akka hin agarre taajjabdonni filannoo idila-addunyaa dubbataniiru.
Haa ta'u malee, paartileen siyaasaa dorgomtoota teessuma pirezidaantiif dorgoman keessaa sadii deeggaran rakkoon akka jiruu fi akka morman Rooytars gabaaseera.

Madda suuraa, AFP
Marsaa lamaan booda aangoorraa kan bu'uuf deeman addee Sarliif filannoon taasifame milkaa'eera jedhaniiru.
''Lammiileen Laayibeeriyaa filannoo kanaaf qophaa'uu isaanii amanna. Kana keessa hirmaachuu isaaniifillee isaan galateeffanna,'' jedhaniiru.
Laayibeeriyaan jaarraa 19ffaa keessa garboota Ameerikaan kan hundoofte yoo ta'u waggoota 73'f aangoon karaa nagaan walirraa darbaa hin turre.
Addee Sarliif A.L.A bara 2006 pirezidaantii duraanii biyyattii finciltotaan aangoo irraa buufaman, Chaarlis Teeylar, bakka bu'uun gara aangoo dhufan.
Teeylar yakka waraanaa biyya ollaa isaanii Seeraaliyoonitti raawwataniin waggaan shantama itti murtaa'e mana hidhaa Yunaayitid Kingdam keessatti argamu.
Joorj Wiihaan haadha warraa duraanii Teeylar, Jewel Howaard Teeylar, akka waliin dorgoman filachuun isaanii ni yaadatama.












