Ardii Afrikaa keessatti haalaan guddaa fi ammayyaa kan ta'e agarsiisi artii magaalaa Keep Taawoonitti baname

Madda suuraa, EPA
Afriikaa keessatti isa guddichaa kan ta'e daawwachiisi aartii ammayyaa kan ardii Afrikaa fi Afriikanota biyya ambaa keessa jiraataniin qophaa'e Afriikaa Kibba magaalaa Keep Taawon keessatti baname.
Godambaan aartii Afrikaa ammayyaa Zeitz Mookaa bakka agarsiisni kun qophaa'e dha.
Gamoo godambaa kanaa dizaayinaraa manaa kan ta'e lammii biyya Ingiliiz Toomaas Helzeerwiik bifa boca hanqaaquu itti baasuun mana kutaalee hedduu qabutti jijjiire.
Namoonni daawwannaa kanaaf dhufan jalqaba irratti kan argan, diraaganii balali'u guddicha laastikii irraa artistii Kibba Afriikaa Niikoolaas Hlooboo jedhamuun hojjetame dha.

Madda suuraa, AFP
Hojiileen aartii dhihaatan hedduun isaanii kan walitti qabaman, nama agarsiisi aartii kanaaf gargaarsa gudda godhe lammi Jarmanii fi hojii geeggeessa olaanaa Puumaa durii kan ta'e Joocheen Zeitz dha.
''Namoonni Afriikaa kana irratti argamuu qabu.'' ''Kun godambaa koo yookaan kan Waterfirontii utuu hinta'in - kan Afrikaati,'' jechuun dubbateera.

Madda suuraa, EPA

Madda suuraa, EPA
Dawwatama gudda kan argate kessa tokko hojii nama lammii Gaanaa, El Anaatsuuy jedhamu kan torbee darbe badhaasa 'Premium Imperial International Arts Award' jedhamu injifateen hojjetame dha.

Madda suuraa, EPA
Qeeqxonni, agarsiisni aartii kun hojii artiistota Afriikaa bebbeekamoo kan hin hirmaachisinii dha jedhu.

Madda suuraa, AFP

Madda suuraa, EPA
Seensi namoota paaspoortii biyyoota Afrikaa qaban hundaaf torban kessatti yeroo murtaa'ee bilisa dha.












