Yugaandaatti jireenya akka haaraatti eegaluun maal fakkaataa?

- Barreessaa, Ruut Alexaandariin
- Gahee, BBC News, Yugaandaa
Yugaandaan biyyoota addunyaa kami iyyu caalaa waggaa darbee keessa baqattoota baayyee simatte dha.
Isheenis baqattootaaf lafa mataa saanii irra boqatan kennuudhaan biyyoota addunyaa baqattootaaf imaamata baayyee gaarii qabdu keessaa tokko taatee jirti. Garuu, meenchaa (gajaraa) qofaan attamiin lafa bosonaa gara mana jireenyaatti geedaru dandeessa?
Namichi jakeetaa samii uffate tokkos dhaabatee galmeessa irraa: sadii, afur, shan, ja'a, torba ... jechuun lakkoobsaa dubbisa.
Dubartoonni baayeennis mucaa saanii dugdatta baatanii kun ammoo meeshaa baatanii toora galuun hiriiraniiru.

Dubartoota toora galanin jiran keessaa gara ishee dura dhaabbattuu ilaaluun: ''Kun lafa keeti,'' itiin jedhe.
Gara fuulduraatti hanga meetera 50 deemuunis dangaa lafa kennameef itti agarsiise.
Imaammanni Yugaandaan baqatoota simachuuf qabdu hojiitti yoo hiikamu kana fakkaata.
Kunis bakka qubsuma baqatootaa miliyoona tokko ol irra qubatan keessa isa tokko.
Bakki kun Kaaba biyyattii Yugaandaa gara Dhihaa keessatti kan argamu yeroo ta'u, namoota kunneenis Sudaan Kibba biyya waraanan bututteetii baqatanii kan dhufaniidha.

Imammanni biyyattii baqataaf gaarii ta'uu isaatti adduunyaa irratti kan beekamte Yugaandaa, baqattoota haara dhufaniif illee lafa arjumaadhaan kenniti.
Akka of danda'un jiraatanis ni jajjabeessiti. Dhaabbilee gargaarsaa sanyii minaanii kan facaafatan ni kennuuf. Muraasni isaani ammoo re'ee fudhatanii horsiisu.
Haa ta'u malee hojiin jalqabaa mana ijaarachuudha.
Akkamiin mana ijaarachuun danda'amaa? Tarii dubartoonni caalaa kanaaf waan yaadda'an natti fakkaata.
Mukka dhaabbataa muraasa fi quncee ittiin hidhanii wajjin laastikii furdaa tokkotu kennamaaf. Bakka kanatti mana ijaaruuf wantoonnni si barbaachisan kanuma. Gajaraan tokkoos ni kennama. Kunis bakka manni irratti ijaaratuu fi bakka qonnaaf ta'u dura daggala irra akka cirtuufiidha.
Dubartoonni warri hafan achitti ishee dhiisuun akkuma hiriranitti gara gaaraatti ol deeman.

Xiqqoo akka ol deemaaniin ammas ni dhaabbatan. Amma ammo darabeen kan Josphiin Foonyi tur,. Dargageetti mucaa qabduu fi abba manaan irra hinjirree dha.
Isheenis namicha galmee baaatu kanaan dursamuun gara daggala yoo galan, metera 3 caalag fageesu arguu hindandeenye. Iji ishee ji'a sadi dura baqafate waan ta'eef amma ille siritti hinfayyine.

Baqatoonni rakkinna addaatiif saaxilamuun mana ijaaruu rakkataniif deeggarsi ni godhamaaf. Haa ta'u malee, Joosefiin madaalli kana yoo guuttu yaa dhiiftu ifatti hin beekamne.
Naannoo ishee yeroo ilaaltu daggala guddaatu duuba ishee jira. ''Halkan har'aa as jalattan dabarsa,'' jete .

Aanaan Yumbee jedhamtu irraa kilometera 30 fagaate bakka argamu kanatti, carraan egeree Joosefiin maal akka ta'un tilmaamu jalqabe. Qubsumi Bidi Bidii jedhamu kun qubsuma baqatoota guddicha aduunyaa fi kan biyya Yugaandaa kaabaatti argamu dha. Wayita ammaattis baqatoota 275,000 ta'an keessa jiraatu.
Qubsummi kun kan baname waggaa tokko qofa yeroo ta'u, innis bosoona keessatti argama. Manneen achitti hojjetaman irri caalaan isaanii laastikii haa ta'an malee, yeroo gabaabaa akkanaa keessatti namoonni cimanii mana suphee fi citaa irraa bareechani ijaaruu danda'uun isaanii jijiirama guddaa fi kan nama ajaa'ibsiisuudha.
Ganda tokko keessatti - zoonii fi gooxiidhaan qinda'aa - jeti shamarreen waggaa tokko dura gara Yugaandaa dhaqxe, Kiristiinaa Ayishaa.

Lafa ishee fi mana ofii ijaartee natti agarsiiste. Maallaqa ittiin baaxii hojjetan argachuuf, mucaa warra hinqabne tokko ofitti fudhachuu gargaarsa addaa argatti. Kanaafan Meersii jedhee mogaase jetti. Kunis ijoolleen guddisu gara torbaatti ol gudise.

Gara baqattoota amma dhufanitti mana Joosefiin irra yoon gara meetrii dhibbota tokkoo caalaa ol deebii'uun - imala baay'ee dadhabsiisaa hiriyootaa fi ollaa wajjin gochuudhaan Suudaan Kibbaa irraa gara Yugaandaatti kan baqatee dhufte Roose Aabbuu argadhe.
Isheenis ''Filmaata biraa hinqabu,'' jechuun naaf deebiifte. ''Abaa manaa koo narra ajjefamera. Amma qofaa koo asi jira. Suuta, suutan jedhee hamma naaf danda'ameetti nan yaala ,'' jetti.












