Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Kongoofi Ruwaandaan Tiraamp birattii waliigaltee nagaa mallatteessuufi

Bulchitoonni Dimookiraatawa Rippaablika Koongoo (DRC) fi Ruwaandaa lola waggoota dheeraa naannicha keessa ture dhaabuuf waliigaltee nagaa bakka Tiraamp jiranitti mallatteessuufi.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. UK fi Noorweey waloomuun dooniiwwan waraanaa Raashiyaa gaaduufi

    UK fi Noorweey meeshaalee waraanaa galaana jalaa Raashiyaa, Kaaba Atilaantiik gaaduuf waliigaltee mallatteessan.

    Waliigalteen kuni keebiliiwwan galaana jalaa eeguuf mallatteeffame. Qondaaloti Biriiteen Moskoon nu yaaddeessaa jirti jedhu.

    Qaama bishaanii UK irra dooniiwwan Raashiyaa waggaa lamaa as harka 30 dabaleera, jedhe Ministeerri Ittisaa UK.

    Haala waliigaltee kanaan tajaajilli waraana galaanarraa biyyoota miseensa Nato tahan kanaa doonii waraanaa Type 26 jedhamuun oppireeshinii jalqabuudha.

    Ministirri Muummee UK Kiir Istaamar waliigaltee kana 'seena-qabeessa' jechuun UK'n bu'uuraalee misoomaashee akka eegdu gargaara jedhan.

  2. Marsariitiin saal-quunnamtii doolaara miil 1 ol adabame deebii kennuu dide

    Dhaabbanni koominikeeshinii UK Ofcom marsariitii viidiyoo saal-quunnamtii seera biyyattii viidiyoowwan kunneen daawwachuuf umrii daangessu cabse jechuun doolaara miiliyoona tokkoo ol adabus deebii hin arganne.

    Ofcom marsariitii AVS Group Ltd irratti Adoolessa darbe qorannoo irratti banuun booda, imeelii itti barreessuus deebii akka hin kennine hime.

    Kanaaf dhaabbatichi paawundii dabalataa 50,000 adabameera.

    Seerri UK'tti bahe kuni marsariitiiwwan viidiyoowwan saal-quunnamti agarsiisan ''umrii eeyyamameef qofa daawwachiisuu isaanii mirkaneessuun irra jiraata,'' kunis ijoolleen kallattiin qabiyyeewwan akkasii akka hin daawwanneefi.

    Dabaluunis, Ofcom marsariitiin kuni mala ittiin umrii mirkaneessu yoo hin diriirsine sa'atii 72 paawundii dabalataa 1,000 adabama.

  3. Humnoonni Tigraay gamoo bulchiinsa naannichaa marsuun dhaga'ame

    Loltoota Armii 31 jedhamu keessaa miseensonni 70 ta'an A L I Roobii Sadaasa 24/2018 halkan iddoo Araagur (Indartaa) jedhamuu ka'uun Kamisa har'aa gamoo bulchiinsaa marsan.

    Miseensonni humna kanaa kilaashii dabalatee hidhannoo garee diishqaa kan hidhatan akka ta'an kanneen ijaan argan himan.

  4. Daandiin qilleensaa Hindii guddichi balalii 300 ol haqe

    Daandiin Qilleensaa Hindii guddichi IndiGo Kibxata darberraa kaasee balaliiwwan 300 haquun imaltoota kumaan lakkaa'aman danqe.

    Deelhii, Mumbaayii, Haayidiraabaad fi Beengaaluuruu- daandiiwwan qilleensaa akkaan ko'omaniifi rakkoon kuni dhiibbaa irraan gahe keessaati.

    Rakkoo teeknikaa, haala qilleensaafi hojjettoota haaraa qacaraman qindeessuun danqaa kana uume jedhe daandiin qilleensaa kuni.

    Daandiin qilleensaa kuni gabaa imala qilleensaa biyya keessaa harka 60 qabatu kuni magaalawwan biyyattii wal-quunnamsiisa.

  5. Tiraamp hoggantoota biyyoota DRC fi Ruwaandaa waliigaltee nagaa mallatteessuf jiran simachuufi

    Bulchitoonni Dimookiraatawa Rippaablika Koongoo (DRC) fi Ruwaandaa lola waggoota dheeraa naannicha keessa ture dhaabuuf waliigaltee nagaa mallatteessufi. Kora waliigaltee nagaa Waashingtan DC kana Preezidaant Donaald Traampitu qopheesse.

    Kora kana dursee walitti bu’iinsi baha Dimookiraawatawa Rippaablika Koongootti [iddoo qabeenya uumamaan badhaate] humnoota mootummaa DRC fi riphee loltoota M23-kan Ruwaandaan deeggaramu jedhaman jidduutti hammaateera.

    Waraanni DRC, riphee loltoonni M-23 adeemsa araaraa danquuf yaalii gochaa jiru jechuun himate. Gareen M-23 gama isaaniin waraana mootummaatu haleellaa nurratti banee jedha.

    Jalqaba bara kanaatti gareen M-23 baha DRC keessatti haleellaa gaggeesseen qabiyyee guddaa dhuunfatee ture. Haleellaa san hordofee kuma hedduutti kan lakkaawaman kan ajjeefaman yoo ta’u, kaan heddun immoo qe’eerraa buqqa’anii turan.

    Pireezdaantiin DRC Feeliks Shiseedeekii fi giti isaanii kan Ruwaandaa Pool Kaagaamiin waggoota darban yeroo hedduu wal arrabsaa turan. ‘Situ’ waraana kana eegaleerratti wal himachaa turan.

    Tiraamp Adoolessa darbe ministiroota dhimma alaa biyyoota lamaanii simachuun waliigaltee nagaa mallatteessanii turan. Akka injifannoo jabaattis jajee ture.

    Miilana Shiseedeekii fi Kaagaamiin waliigaltee nagaa san Waashingtan DC’tti imaluun mallatteessuuf jiru.

    Kora kanarratti, hoggantoonni biyyoota Afrikaa fi Arabaa, kan Buruundii fi Kaataar dabalatee ni argamu jedhamee eegama.

  6. MM Abiy COP32 Itoophiyaan qopheessiturratti barreessaa olaanaa UN ECA waliin mariyatan

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) kora guddaa jijjiirama qilleensaa COP32 bara 2027 Itoophiyaan akka qopheessituuf filatamterratti akkaataa waliin hojjechuun danda'amurratti dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti barreessaa olaanaa Komishinii Dinagdee Afrikaa (UN ECA) Kilaaver Gatettee waliin mariyachuu himan.

    Ergaa miidiyaa hawaasaarrarri baasaniin MM Abiy, "COP32 bara 2027 qophaa'u haala Afrikaa bakka bu'uu danda'uun qopheessuu ilaalchisee akkaataa ittiin waliin hojjennurratti mari'anneerra," jedhan.

    Itti dabaluun, Barreessaan Olaanaan UN ECA gareesaanii waliin ta'uun COP 32 KK milkaa'u gumaacha olaanaan akka taasisan amanna," jedhan MM Abiy.

  7. MM Abiy Ahimadii fi ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyaa maal mariyatan?

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad (PhD) waliin bilbilaan mariyachuu ministeerichi beeksise.

    Itti aanaa dubbi-himaa ministira dhimma alaa Ameerikaa Toomii Pigootii ibsa Roobii galgala kennaniin, mariin aanga'oota lamaanii tasgabbii qaxanaa sanaafi dhimmoota Gaanfa Afrikaa keessati nagaa waara'aafi bu'uura qabu ijaaruun danda'amurratti kan fuulleeffate ture jedhan.

    Ministirri dhimma alaa Ameerikaa akka ibsetti, yeroo bilbilaan mariyatan kanatti aanga'oonni lamaan Amerikaa fi Itoophiyaan nagaafi tasgabbii naannichaatti akka uumamu gochuuf murannoo waloo qaban mirkaneessaniiru.

    Keessumaa, Gaanfa Afrikaa bakka sochiin jii'oopolotikaa wal xaxaa ta'e mul'atu keessatti bu'uraa nagaa kaa'uudhaaf, akkasumas haala tumsa waliif gochuu cimsuun danda'amurrratti mariyachuun isaanii himameera.

  8. Loltoonni UK Keeniyaatti leenjii kennan waggoota dheeraaf miidhaa saalaafi ajjeechaa raawwachaa turuu bakka bu'oonni ummataa himan

    Loltoonni UK Keeniyaatti leenjii kennan waggoota dheeraaf miidhaa saalaafi ajjeechaa raawwachaa turuu bakka bu'oonni ummataa himan.

    Loltoonni Yunaayitid Kingidam (UK) Keeniyaa keessatti leenji'aa turan waggoota kudhanii oliif miidhaa saalaa, ajjeechaafi sarbama mirgoota namoomaa raawwachaa turuu bakka bu'oonni ummataa Keeniyaa beeksisan.

    Bakka bu'oonni ummataa, ragaa gocha hamaa jiraattonni bakka buufataaleen waraanaa jiran kan akka bulchiinsa Laakiipiyaafi Saambuuruu eeraniiru.

    Yeroo koreen bakka bu'oota ummataatiin hundeeffame qorannoo gaggeessutti loltoonni UK yaada isaanii kennuu diduu isaaniitiin itti gaafatamummaa jalaa bahuun isaanii ibsameera.

    Komishiniin olaanaa UK Keeniyaa jiru akka jedhetti, gabaasa mana-maree Keeniyaatti dhiyaate keessatti deebiin isaa dabalamuu dhabuun isa gaddisiiseera.

    "Ragaan dhiyaannaan" himatawwan "seerarratti hundaa'uun" qorachuuf murannoo qabaachuusaa dabalee ibseera.

    Loltoonni UK giddu-galeessa Keeniyaatti waggootaaf leenjii gaggeessaniiru. Loltonni kunneen sarbama mirgoota namoomaan himatamaa turaniiru.

    Yunaayitid Kingidam, wagga waggaan loltoota Keeniyaa 1,000 ol leenjisti. Loltoonni UK ammoo leenjii kennuuf gara Keeniyaatti ergamu.

    Koreen manni-maree bakka bu'oota ummata Keeniyaa hundeesse waggoota lamaaf qorannoo erga gaggeessee booda gabaasa fuula 94 qabu baaseera.

    Gabaasni kun loltoonni UK piriinsippiloota naamusaafi seerota mirgoota namoomaa akka cabsaniiru eera. Dabalataanis naannoorra faalama geessisaniiru, humna hojjetootaattis akka hin taanetti fayyadamaniiru.

    Ragaa miidhamtoonni, gaggessitoonni hawaasaa, akkasumas waldaaleen sivilii kennan gabaasicha keessatti hammatameera.

  9. Booranatti poolisiin lammii biyya alaa imalarra jiru dhaabsisuun Birrii gaafate too'atame

    Godina Booranaa aanaa Eelwayyeetti taateen tibbana mudate erga viidiyoon isaa miidiyaa hawaasummaa irratti qoodameen booda ijoo dubbii ta'e.

    Guyyootaan dura lammiin Chaayinaa Koonsoorraa gara magaala Yaaballoo biskileetiin imalaa ture poolisii fi nama sivilii tokkoon dhaabsifama.

    Viidiyoo tuuristiin kuni waraabee qoode kanarratti akka mul'atutti lammiin alaa kuni yeroo gara Yaaballoo biskileetiin imalu poolisiin kunii fi namni sivilii kan motora hoofu daandii faallaa irraa tursitii kanatti dhufanii dhaabsisan.

    Sanbooda paaspoortii gaafatan. Imalaan kunis lammii Chaayinaa akka ta'e ibsuun gara Yaaballoo deemaa akka jiru itti hima.

  10. Haleellaa qillensarraa Israa'el dunkaana namoota buqqa'aniirratti raawwatteen namoonni shan ajjeefaman

    Haleellaa qilleensarraan Israa'el dunkaana Filisxeemota buqqa'anii Kahaan Yuniis cinaa qubatanii turanirratti raawwatteen daa'imman lama dabalatee namoonni shan ajjeefamuu ministeerri fayyaa Hamaassiin durfamu beeksiseera.

    Haleellaan kun qarqara Gaazaa naannawaa al-Mawaasii rukkute.

    Gareen hakiimotaa akka jedhanitti, namoonni du'an dubartoota lama u,uriin isaanii waggaa 46 fi 30 ta'an, dhiira umuriin isaa wagga 36, akkasumas ijoollee dhiiraa umuriin isaanii waggaa saddet fi 10 ta'anidha.

    Namoonni 32 ammoo madaa'anii hospitaala keessatti wallaanamaa jiru.

    Hojjetoonni lubbuu baraaran BBCtti akka himanitti, reeffi isaanii kaampii al-Najaat bakka dunkaanonni dhibbaan lakkaa'aman namoota ji'oota dhiyoo as buqqa'an keessa quabatn keessaa baafaman.

    Humni waraanaa Israa'el ammoo erga loltoonni isaa shan Roobii madaa'anii booda "shororkeessitootan Hamaasiinan haleele" jedhe.

  11. Kora Mooskoon booda Yukireeniifi US mariif Filooriidaatti walga'uuf

    Ergamaan addaa US Istiiv Witkoof dursaa mana-maree nageenyaa biyyaalessaa Yukireen Rusteem Umeroov waliin Kamisa har’aa Maayaamiitti walga’uuf akka jiran Waayit Haawus mirkneesseera.

    Walga'iin ammaa kun erga Wiitkoof Kibxata pirezidantii Raashiyaa waliin Mooksootti sa'aatii shan dabarseen booda yoo ta'u, marii sana Kireemiliin waraana Yukireen keessa deemaa jiru dhaabuudhaaf "waan buuse" hin qabu jette.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp akka jedhetti, mariin soddaa isaa Jaared Kushne hirmaachise kun "hanga tokko gaarii ture" garuu maaltu akka ta'erratti dubbachuuf ammallee yeroon hin geneye.

    Ministirri dhimma alaa Yukireen Andirii Siibiihaa Raashiyaan "dhiiga dhangalaasuu dhaabuu" qabdi, jechuun Puutin "yeroo addunyaa jalaa gubaa jira" jechuun himateera.

    Witkoof fi Jaared Puutin dhugaatti onnee isaarraa waraana dhaabuuf fedhii qaba jedhamii amanuu kan jedhu kan gaafatame Tiraamp, "[Puutin] waraana kana dhaabuu ni barbaada. Isaan kana kan hubatan."

  12. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Oduu biyya keessaa, kan ollaafi guutummaa addunyaarraa kallattiin isiniif dhiyeessinu amma jalqabneerra.

    Nu haodofaa!