'Turkiin dhageettii qabduun Itoophiyaan galaanaatti akka baatu dhiibbaa akka gootu mari’anne' - MM Abiy

Pirezidantiin Turkii Reseep Tayiip Erdohaan daawwannaa hojiif gara Itoophiyaa dhufan. MM Abiy Ahmad simannaa ho'aa wayita taasisaniifitti, "Ankaaraa hanga Finfinneetti marii michummaa bara dheeraa biyyoota lamaanii caalaa cimsu arguun fedha," jedhan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. US Iraan keessatti 'tarkaanfii kallattiif' qophaa'aa jirti -Ekispartii

    Doonii waraanaa US galaanarratti

    Humni waraanaa US Baha Giddu-galeessaa keessatti yeroo ammaa dabalaa deemuun, Iraan keessatti bakkeewwan irratti xiyyeeffataman irratti "tarkaanfii kallattii fudhachuuf qophaa'aa waan jirtu fakkaata", jechuun xiinxalaan dhaabbata tikaa Jaans BBC Verify'tti dubbate.

    Xiyyaaronnii fi dooniiwwan waraanaa US dhiyeenya qaqqaban hordofaa kan jirru yoo ta'u, Iraan irratti haleellaa gaggeessuuf Waashingiten yaadaa jiraachuu gabaasaaleen ni mul'isu.

    Kanaan dura dooniin waraanaa Ameerikaa USS Abrhaam Linkan jedhamu Omaan qarqara gahee akka jiru mul'ateera.

    Dabalataan ammoo dooniin waraanaa Ameerikaa xiyyaara baatu biraan USS Gerald R Ford gara Galaana Mediteraaniyaan qajeeleera.

    Xiyyaaronni ajajaafi to'annoo US Awacs lamas Alaaskaarraa ka'uun UK keessa qubataniiru.

    Kun ammoo akkasumaan kan achi guuraman akka hin taane xiinxaltoonni himaa jiru.

  2. Raashiyaafi Yukireen marii marsaa 3ffaa Jeneevitti eegalan

    Bakka bu'oota Raashiyaafi Yukireen mariif dhiyaatan

    Madda suuraa, Rustem Umerov/Telegram

    Magaalaan Jeneev har'a keessummaan itti baay'ateera: marii ciccimaa lamatu achitti gaggeffame.

    Tokko waraana keessa waggaa sadii ol kan turaan Raashiyaafi Yukireen yoo ta'u, kan lammeessuuf waraanatti seenuu malu jedhamee sodataamaa kan jiru USfi Iraanidha.

    Mariin USfi Iraan dhimma gabbisa nikularaa irratti xiyyeeffate waliigalteerra osoo hin gahamin xumurameera.

    Mariin USfi Iraan yoo xumuramu, waranaa keessa kan jiran kan Raashiyaafi Yukireenitu itti fufe.

    Lameenuu dhiibbaa bulchiinsa Tiraampiin marii kan eegalan yoo ta'u, marsaa sadaffaaf wal-gahuu isaaniti.

    Raashiyaafi Yukireen mariiwwan darban irratti waraana karaa nagaan furuuf fedhii qabaachuu ibsuun alatti waliigaltee qabatamaarra hin gahin hafan.

    Biyyoonni lamaanuu yeroo mariif taa'an kanatti wal-haleeluu akkuma itti fufanitti jiru.

    Osoo hirmaatonni biyyoota lameenii Jeneevitti marii hin eegalin dura, Raashiyaan haleellaa guddaa gaggeessiteetti.

    Misaa'eloota 30 fi dirooniwwan 400 fayyadamuun naannolee Yukireen 12 haleelte. Haleellaa kanaan lammiileen Yukireen sadi ajjeefamuutu ibsame.

    Gama biraan ammoo Yukireen dirooniwwan 150 Raashiyaatti kan dhukaaste yoo ta'u, haleellaa Yukireen kana qolachuu ibsite Raashiyaan.

  3. Jeettiin basaasaa US Alaaskaarraa ka'uun buufata qilleensaa UK yoo qubatan argaman

    Jeettii waraanaa US

    Madda suuraa, X/@AVG_Kory

    Jeettiiwwan waraanaa US lama Alaaskaarraa ka'uun buufata humna qilleensaa UK yoo qubatan argaman. Kun ammoo wayita muddamni Iraan itti fufee jiruttidha.

    Akka hordoffiin balalii ummataa agarsiisutti xiyyaaronni addaa Humna Waraanaa US lama halkan Alaaskaa [Ameerikaa] irraa ka'uun UK qubatan. Kun ammoo jeettiiwwan waraanaa haaraa bobbaafaman ta'uu isaati.

    US Iraan irratti dhiibbaa gochaa wayita jirtu kanatti, dooniin waraanaa Iraan haaraan tokko Galoo Galaanaa keessa yoo yabalaajiru viidiyooin agarsiisu baheera.

  4. Mariin dhimma nikularaa US waliin godhamaa jiru haala gaariin deemaa jira- Iraan

    Abbaas Araagchii

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Dhimma nikulara Iraan irratti mariin US waliin magaalaa Jeneevitti gaggeeffamaa jiru haala gaariin deemaa akka jiru Iraan ibsite.

    Iraan bakka bu'uun maricharratti hirmaataa kan jiran ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii "qajeelfamoota ijoorratti" wal-hubannoon uumamuu dubbachuusaanii Rooyitars gabaase.

    Wal-hubannoon uumame jechuun yeroo gabaabatti waliigalteerra gahama jechuu akka hin taanes ibsan qondaalli olaanaan Iraan kun.

    "Yaadonni garaa garaa marii kanarratti dhiyaataniiru, dhimmoota kanneen sirriitti irratti mariyatameera. Qajeelfamoota ittiin hogganamnu tokko tokko irratti waliigaltee waliigalaarra geenyerra. Ammarraa kaasee qajeelfamoota kanneen irratti hundaa'uun gara fuulduraatti mariyachuu itti fufuun waliigalteerra gahuu dandeenya," jedhan Abbaas Araagchii.

    Gama biraan ammoo US ammayyuu humna waraanaa Baha Giddu Galeessatti geessite akkuma jirutti jira.

    Inumaayyuu xayyaarota basaasaa ammayyaa lama US irraa gara buufata UK keessa jiruu geessuun gabaafame. Dooniwwan waraanaa xayyaarota waraanaa fe'an gurguddoo lama duraanoo gara Baha Giddu Galeessaa geessiteetti.

    Iraan ammoo Ulaa Hoormuuz irratti shaakala waraanaa galaanarraa gaggeessaa jirti.

  5. Arsenaal Saakaa taphataa gatii qaalii gochuun kontiraatasaa dheeresse

    Bukaayoo Saakaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Bukaayoo Saakaa

    Taphataan sarara cinaa Arsenaaliifi Ingilaand hanga bara 2031tti Emireets turuuf kontiraatasaa haaresse.

    Akka maddeen BBC Sport tti himanitti Saakaan kilabichatti taphataa miindaa guddaa ta'a. Torbanittis mindaansaa paawundii 300,000 ta'a.

    Mariin kontiraatasaa yeroo waggaa tokkotti siiquuf gaggeeffamaa ture. Kontiraatnisaa bara 2027tti xumurama ture.

    Bukaayoon gahuumsa Arsenaalitti agarsiisaa jiruun gara fuulduraatti bakka lakkoofsa 10 dabalataan taphachuu mala jedhamaa jira.

  6. 'Turkiin dhageettii qabduun Itoophiyaan ulaa galaanaatti akka baatu dhiibbaa akka gootu mari’anne' - MM Abiyyi Ahmad

    MM Abiy Ahmad fi Pirezidaant Erdogaan

    Madda suuraa, EBC

    Piredaantii Turkii Tayib Erdohaan waliin ibsa kan kennan MM Abiyyi marii isaaniin dhimmoo ijoo kaasuu dubbatan.

    Turkiin dhageettii qabdutti fayyadamtee Itoophiyaan ulaa galaanaatti akka baatu dhiibbaa akka gootu mari’achuu dubbatan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad himan.

    Walitti daldalli Tarkii fi Itoophiyaa gara Dolaara biliyoona tokkootti akka guddatu, akaakuun dameewwam daldalaa keenyaa akka baay’atu waliigalleerra. Invastarootni Turkii dabalataan gara Itoophiyaa akka dhufan waliigalleerra.

    Itoophiyaan biyyoota guddina saffisaa galmeessisaa jiran keessa takka kan jedhan ministirri muummee bara kana guddina 10.2 % eegna.

    Guddinni kun waliti fufiinsa kan qabaatu sababa “ biyyi uummata miliyoona 130 daba diinota keenyaaItoophiyaan hidhamtuu Ji’oograafii akka taatu taasifamuun” sirrii waan hin taanef michuuwwan Itoophiyaa akka Turkii dhiibbaa dippilomasii gochuun karaa nagaatiin Itoophiyaan ulaa galaanaatti akka baatu akka tumsa bal’inaan mari’anbneera

    Dhimma gam-lamee fi gam-hedduu kaanirrattis waliin hojjechuuf mari’achuu MM Abiyyi himan.

  7. Artettaan waancaa nyaachuuf 'amantaan qaba' jedhe

    Mikeel Arteettaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa gareensaa barana waancaa akka nyaatu ofitti amanamummaa qabaachuu ibse.

    Ibsa miidiyaaleef kenneen Bukaayoo Saakaa hanga bara 2031tti Arsenaal turuuf, kilabicha keessatti taphataa kaffaltii olaanaa argatu ta'uu ibseera.

    Waayee bara kana waancaa injifachuu yoo dubbatu haala hanga ammaa dhufnetu ''amantaa natti hore'' jedheera.

    ''Wanti hanga ammaatti hojjenne, wanta guyyaa guyyaan agarsiifnutu amantaa natti hore. Dorgommii hunda keessa jirra. Qormaata keessa dabarreen haalli itti kana goone, ofitti amanamummaa(confidence) naa kenneera.''

  8. Gaanfi Afrikaa dirree walitti bu'iinsaa akka ta'u Turkiin hin feetu- Erdogaan

    Pirezidaant Erdogaanifi MM Abiy Ahmad

    Madda suuraa, Abiy Ahmad Ali

    Pirezidaantiin Turkii daawwannaa hojii Itoophiyaatti taasisaa jiraniin MM Abiy waliin dhimmoota garaa garaa irratti mariyachuu ibsa waloon miidiyaaf kennaniin ibsan.

    Ibsa yeroo miidiyaaf kennan haasaa taasisaniin naannoo Gaanfa Afrikaatti waraanni akka jiraatu Turkiin akka hin barbaanne ibsan.

    "Gaanfi Afrikaa dirree walitti bu'iinsaa akka ta'u hin feenu," jechuun dubbatan.

    Dabaluunis naannoon Gaanfa Afrikaa kanaan dura walitti bu'iinsa yeroo garaa garaatti tureen miidhamuu kaasuun lolli biraa ka'uu akka hin qabne dhaaman.

    Pirezidaant Erdogaan yeroo Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti muddamni cimeefi waraanni ka'uu mala jedhamee sodaatamaa jiruttiidha kan Itoophiyaa daawwatan.

  9. Hariiroo Itoophiyaa fi Tarkii baroota 100 lakkoofsise

    Ministira Muummee Abiy Ahimediifi Pirezidant Tayiip Erdoohaan

    Madda suuraa, Abiy Ahimed Ali

    Hariiroon Dippiloomasii Itoophiyaa fi Turkii erga eegalee amma jaarraa tokko lakkoofsiseera.

    Daawwannaan Pirezidant Tayiip Erdohaan alanaa kun waggoota 10 booda yeroo jalqabaafi.

    Ofii hariiroonsaa yoom eegale?

    Akka Marsariitiin Ministeera Haajaa Alaa Tarkii jedhutti hariiroon biyyoota lamaanii kan eegale bara 1896 bara bulchiinsa Sulxaan Abdulhamid lammaffaa fi Mootii Miiniki lammaffaati.

    Achiis Qoonsilaan Otomaan Tarkii inni jalqabaa bara 1912 Hararitti baname.

    Biyyoota Sahaaraa gadii keessaa ammoo Embaasiin Tarkii inni jalqabaa bara 1926tti itoophiyaatti baname.

    Itoophiyaan ammoo Embasiishee bara 1933tti Tarkiitti bante. Embasiin Itoophiyaa Ankaaraa jiru bara 1984 bara bulchiinsa Dargii cufamee ture.

    Achiis waggoota 22 booda bara 2006 deebi'ee baname.

    Imalli xiyyaaraa kan jalqabaa bara 2006tti jalqabe. Dhaabbatni gargaraasaa idila addunyaa Tarkii TIKA ammoo bara 2015tti Itoophiyaatti waajira isaa bane.

    Hariiroo waggoota dheera lakkoofsise kana keessatti abbootiin qabeenyaa Tarkii hedduun Itoophiyaa keessatti hojiilee investimeentii adda addaarratti hirmaataniiru.

    Yeroo ammaas Tarkiin Chaayinaatti aantee biyya Itoophiyaa keessatti hojiilee investimeenti gurguddaa hojjetan keessaa sadarkaa lammaffaarra argamti.

    Bara 2019tti biyyootni lamaan daldala doolaara biiliyoona 398.8 baasu walitti daldalaniiru.

    Investimeentiin cinaatti hariiroon cimaa damee barnootaanis ijaaruu danda'aniiru.

    Bara 2020tti barattootni Itoophiyaa 632 ta'an iskoolaarshiippii sadarkaa adda addaa argachuu Ministeerichi ibseera.

  10. Ayaatolaan, "waraanni cimaa addunyaa kanaa [US] akka deebi'ee hin kaanetti rukutamuu mala" jechuun akeekkachiisan

    Ayatollah Kameni

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ayatollah Kameni

    Hogganaan Rippaablilka Islaamummaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii "waraana cimaan addunyaa kanaa kan ta'e [kan Ameerikaa] akka deebi'ee hin kaanetti rukutamuu akka malu" ibsuun pireezdaantii Ameerikaa Donaald Tiraampiif deebii kennan.

    Pirezdaant Tiraamp atakaaroo Iraan waliin itti jiraniin wal qabatee hiree argatan hundaan cimina waraana Ameerikaa irra deddeebiin ibsaa turan.

    Biyya isaanii marsuun dooniiwwan waraanaa kan sissiqsaa jirtu Ameerikaan, Iraan haaldureewwan dhiyaatuuf yoo walii in galle tarkaanfiin akka irratti fudhatamu Tiraampi dhaadachaa tureera.

    Dhimma kana ilaalchisee Kaameniin yaada kennaniin "pirezdaantiin Ameerikaa waraanni isaanii addunyaa cimaa ta'uu irra deddeebiin ni dubbatu. Waraanni cimaa dha jedhamu al tokko tokko akka hin kaanetti rukutamuu danda'a" jechuun akeekkachiisan.

    Hogganaa olaanaan Iraan kun Ameerikaan dooniiwwan waraanaa ishee gara Iraan erguu ishee ibsaa jiraachuu eerun "dooniiwwan meeshaalee balaafamoodha, garuu isaa ol wanni balaafamaan meeshaa waraanaa dooniiwwan kunneen galaana jalatti kan dhidhimsu dha" jechuun dooniiwwan waraanaa Ameerikaa waan mudachuu malu akeekan.

    Ameerikaan torban darbee kaasee dooniiwwan waraanaa gurguddoo xiyyaarota waraanaa baatan keessaa USS Abraham Lincoln dhiyeenya galaanaa Iraanitti kan bobbaaste yoo ta'u, kan oppireeshinii Veenzuweelaarratti hirmaatte dooniin USS GERARD R. FORD jedhamtu immoo gara galoo galaanaa akka imaltu ajajjeerti.

    Dooniiwwan xayyaarota waraanaa baattu kanneen malees dooniiwwan waraanaa kutaalee addunyaa kan biroorraa gara Baha Jiddugaleessaa bobbaaftee jirti.

  11. Waa'ee viidiyoo saalqunnamtii waraabuuf qooduu seerri Itoophiyaa maal jedha?

    Kishaafee/manatsariirratti dabalatee kaameeraan dhokataan, akkasumas bilbila harkaan viidiyoo saal-qunnamtii waraabuun heddu hammataa jira.

    Kun Itoophiyaa keessattille akkuma ijoo dubbii ta'etti jira.

    Namootni miidhaan akkasii irra gahu gargaarsa seeraa argachuu ni danda'uu?

    Kanaan walqabatee seerri Itoophiyaa maal jedha?

    Yaadi ogeessaa kunooti

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

  12. Ministirri dhimma alaa Masirii dhimmoota Gaanfa Afrikaafi Galaana Diimaarratti aangawooa Keeniyaa waliin mariyatan

    Aangawoota Ijiptii fi Keeniyaa

    Madda suuraa, Ministry of Foreign Affairs Kenya

    Ibsa waa'ee suuraa, Aangawoota Ijiptii fi Keeniyaa

    Jilli olaanaan Masirii aangawaota Keeniyaa waliin dhimmoota Galaana Diimaa fi haala yeroo Gaanfa Afrikaa irratti mari'atan.

    Ministirri dhimma alaa Baadir Abdallaatii fi ministirri qabeenya bishaanii fi jallisii Masirii Haanii Siwiilaam Guraandhala 15, 2026 Keeniyaa daawwatan.

    Gama Keeniyaatiin barreessituu mana-maree olaanaa Keeniyaa Musaaliyaa Musaaviid fi aangawoonni kuun jila Masirii waliin dhimmoota Galaana Diimaafi Gaanfa Afrilkaarratti mariyachuu isaanii Kaayiroon beeksisfte.

    Ministeerri qabeenya bishaaniifi jallisii ibsa baaseen aangawoonni biyyoota lamaanii waliigalaa haala naannichaarratti ammoo nageenya fi tasgabbii Somaaliyaa fi Sudaaniitti deebisuun karaa danda'amurratti yaada wal jijjiiruu isaanii ibse.

    Biyyoonni lamaan hariiroosaanii caalatti cimsuuf raayaa fi bulchiinsa qabeenya bishaani irrattii fi dameewwan kaan irratti wal tumsuuf waliigalan.

    Fulla'iinsaa fi qabeenyummaa waloo Laga Naayilii eeguu waliin hojjechuun barbaachisaa waan ta'eef gamni lachuu beekkamtii kennuu himan.

    Biyyoonni lamaan "biyyoonni yaa'a laga naayil hunduu fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf seerota idil-addunyaa bu'uura godhachuun nageenya bishaanii, guddina diinagdee hawaasummaa fi kunuunsa sirnakkoof waliin hojjechuuf" yaaduu isaanii ibsame.

  13. Sababa mormii hojjetoota mootummaa Keeniyaa guyyaa lamaffaaf itti fufeen balalliin sa'aatii 20f adda cite

    Imaltoota Buufata Xiyyaaraa Jomoo Keniyataatti danqaman

    Madda suuraa, Reuters

    Buufata xiyyaaraa magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobiitti argamu balalii sa'aatii 20f addan cituu isaatiin imaltoonni dhibbaan lakkaa'aman deemsi isaanii gufachuun himame.

    Buufataaleen xiyyaaraa gurguddoo imaltoota hedduu keessummeessan baayyee keessaa tokko kan ta'e Buufanni Xiyyaaraa Jomoo Keniyaataa, hojjetoonni mormii hojii dhaabuu guyyoota lamaaf itti fufe gaggeessuu isaaniin balaliiwwan addaan citaniiru.

    Gara Yunaayitid Kingidamitti barnootaaf deemuuf kan tureefi balaliin isaa jala akan haqame Jaak Okot imalaan jedham, sa'aatii 20 ol buufata xiyyaaraa keessa tureera. Namni keessa guuteera," jechuun BBCtti hime.

    Waldaan paayiletoota Keeniyaa, "rakkoon dhalate hojiifi yeroo boqonnaapaayiletootaa waliin kan walqabatedha," jedheera.

  14. Maartiin Luutar waliin qabsaaaa kan ture Jeessee Jaaksan ganna 84tti du'aan boqote

    Jeessee Jaaksan Maartin Luutar Kiing waliin

    Madda suuraa, Universal Images Group via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Jeessee Jaaksan Maartin Luutar Kiing waliin

    Jeessee Jaaksan Kibxata ganama maatii bakka maatiin isaa jiranitti boqote.

    Maatiin isaa akka jedhanitti, Jeessee Jaaksan "haqa, wal qixxummaa fi mirgoota namoomaaf kutannoon isaa warraaqsa bilisummaa fi kabaja namoomaa addunyaatiif kaka'umsa ture".

    Abbaan keenya kan maatii isaa qofa osoo hin taane hoggana uummataa, cunqurfamoota, kanneen sagalee hin qabneefi dhageettii dhabanii ture jedhan maatiin.,

    Jaaksan 1960moota keessa qabsaawaa mirga namoomaa Maartin Luutar Kiing waliin qabsaawaa nama ture.

    Si'a lama baroota 1984 fi 1988 paartii Dimookraatotaaf kaadhimamaa pireezdaantii ta'ee dhiyaatee ture.

    Jeessee Jaaksan Maartin Luutar Kiing wayita bara 1968 Memfis, Tenesii keessatti ajjeefamu waliin ture.

    Jaaksan sababa maaliin akka du'e hin ibsamne. Qorannoo fayyaa bara 2017 godhameefiin dhibee sammuu narvii wajjiin wal qabatu akka dhukkubsate baramee ture.

    Jeessee Jaaksan Maartin Luutar Kiing waliin

    Madda suuraa, AP Photo/Charles Kelly

    Ibsa waa'ee suuraa, Jeessee Jaaksan Maartin Luutar Kiing waliin
  15. ABO 'duumessa lolaa biyya marseen' Oromiyaaf yaaddahuu ibse

    Asxaa ABO

    Madda suuraa, ABO

    Addi Bilisummaa Oromoo ibsa Guraandhala 17, 2026 baaseen naannoo Gaanfa Afrikaatti duumessi lolaa Itoophiyaas ni ilaallata jedhe naannoo Oromiyaarratti balaa ulfaataa fi hammaataa fida jechuun akeekkachiise.

    Dhaabichi ibsa isaa keessatti waayee lola kamii akka ta'e ifatti hin ibsine.

    Haata'u malee tibba kana Kaaba Itoophiyaatti humnoota mootummaafi loltota TPLF kn Eertiraan harka keessaa qabdi jedhame waliin muddamni dabalaa dhufuu gabaasaaleen ni agarsiisu.

    ''Hiraarsaa fi hararaafamni waraanaan naannawa Gaanfa Afrikaa mudate, balaa lolli itti fufaan jiraatuu fi furmaatni siyaasaa dhabamuu dabalatee balaa lola biyyattii irraan ka’uun Oromiyaa dirree lolaa dantaa waraanaa fi qoccolloo siyaasaa akka taatu ummatni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa eyyamuu hin qaban'' jedha ABO.

    Rakkoo nageenyaa biyya keessa jiruuf marii siyaasaa dhugaafi hunda hammataa ta'e akka furmaataatti kaaseera.

    ''Duumessa lolaa gungumu daangaa cehee qee’ee isaatti dhufu, daangaa cabsee akka hin seenne ummanni Oromoo garaagartummaa siyaasaa fi kaan malee'' akka dura dhaabatan waamicha godhe.

    Dabalataan ''hawaasni idil-addunyaa, dippiloomaatonnii fi embasiiwwan gara garaa biyya kana keessa jirtan balaan lolaa ba’aan ulfaataan isaa ummatoota irra waan ta’eef, nagaan akka bu'u...xiyyeeffannoo itti kennuun qooda keessan akka bahattan'' jechuun Addi Bilisummaa Oromoo waamicha dhiyeesseera.

  16. Hilaarii Kilintan sanadoota yakka saal-qunnamtii Eppisiin dhokse jechuun bulchiinsa Tiraamp himatte

    Hilaarii Kilintan

    Hilaarii Kilintan sanadoota yakka saal-qunnamtii jefrii Eppistiin dhokseera jechuun bulchiinsa Tiraamp himatte.

    Ministira dhimma alaa duraanii Ameerikaa Hulaarii Kilintan Barliin keessatti BBC'tti akka dubbattetti, "Sanadoota ifa godhaa. [Rippabilikaanonni] harkifachaa jiru," jechuun qeeqxeetti.

    Aanga'oonni Waayit Hawus ammoo ummataaf ifaa gochuun isaanii Dimokiraatota warra miidhamaniif hanga barbaadamuun ola gahaadha jechuun falmu.

    Kongiresiin Ameerikaa sanadoonni qorannoo yakka Eppistiin waliin walqabatan ifa kka bahaniif seera dirqisiisu raggaasisuu hordofee torbanoota dura abbaan alangaa waliigalaa sanadoota Jefrii Eppistiin ifa godheera.

  17. Marii Iraan waliin taasifamurratti "al-kallattiin" nan hirmaadha - Tiraamp

    Pirezidantii US Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp marii Ameerikaa fi Iraan waliin Jenevaatti gaggeefamurratti “al-kallattiin nan hirmaadha” jedhe.

    Mariin biyyoota lamaan gidduutti taasifamu “hin milkaa’uu?’' jedhamee kan gaafatame Pirezidant Tiraamp, “waliigalteerra gahuu barbaadu natti fakkaata. Rakkoo waliigaluu dhabuurraan dhufu fudhachuu kan barbaadan natti hin fakkaatu,” jedheera.

    “Iraan marii keessatti ejjennoo jabaa qabdudha. Hamaafis ta’e gaariif” kan jedhe pirezidantiin Ameerikaa kun, “marii keessatti hamtuudha, sababiin isaas dhaabbilee nukilaraa barbadeessuuf waraana xiyyaaraa B-2 erguu keenyaan dura waliifgaluu ni dandeenya ture. Amma garuu itti gaafatamummaan gaariin waan itti dhaga’amu natti fakkaata. Waliigalteerra ga’uu barbaadu,” jedhe.

    Pirezidant Tiraamp kana jedhee sa’aatii muraasaan booda dubbi-himaan ministira dhimma alaa Iraan maricha ilaalchisuun abdii qabu ibseera.

    Dubbi-himaan kun Yunaayitid Isteetis kan Kanaan dura turerra “caalaa amma yaada qabatteetti” jedheera.

    Ministirri muummee Israa’el Beniyaamiin Neetaaniyaahuu mariin kun osoo hin jalqabamiin dura Iraan gabbisa nukilaraashee guutummaan guutuutti barbadeessuu fi yukiraaniyeemiin gabbate ammo guutummaan guutuutti biyyattii keessaa akka ba’u gochuun marii keessa galuu qaba jechuun dubbatee ture.

    Itti dabaluun mariin kun, Balastik Misaa’elii Iraan dabalachuu qaba jechuun yaadasaa kennee ture Netaniyaahuun.

  18. Dooniifi jeettiin waraanaa qarqara Iraanitti mul'atan kan Venezuweelaatti ture caala

    Dooniiwwan waraanaa US

    Madda suuraa, Reuters

    Ekispartiin tokko BBC verify’tti akka himetti, qophiin waraanaa US Baha Giddugaleessaa keessatti taasisaa jirtu “ kan yeroo pirezidant Nikoolaas Maduuroo qabuuf naannoo Venezuweelaatti mul’ate “guddinaafi turtii isaatiin ni caalaa”.

    Akuma kana ammoo oppereeshinii haleellaa qilleensaa Waxabajji 2025 Ameerikaan buufataawwan nukilaraa Iraan irratti taasiftes kan caaludha.

    Hoji-gaggeessaan kampaanii xiinxala yaaddoofi tikaa Sibilaayin jedhamuu, Jastiin Kiraamp dooniiwwan waraanaafi xiyyaaronni naannawaa sanatti walitti qabamuun US akka “haleellaa qilleensaa bal’aafi walitti fufinsaan ta’u” guyyaatti hanga 800” akka gaggeessitu ishee gargaara jedha.

    Kun ammoo deebii Iraan haleellaa qilleensaa US’f taasistu akka “hin milkoofne’ mirkaneessuuf kan kaayyeeffatedha jedha.

    Aanga’oonni US fi Iraan Kibxata Siwiizelaand, Jeneaatti wal arganii akkaataa sagantaa nukilaraa Iraan dhaabsisuufi qoqqobbiin dinagdeen ka’uu danda’urratti mariyatu jedhamee eegama.

  19. Pirezidaantiin Keeniyaa namoota lama Landan deemanii kilaba deeggaran isteediyeemii seenanii akka ilaalan ispoonsara godhan

    Wiiliyaam Ruutoo

    Madda suuraa, EPA

    Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo lammiileen biyyattii lama isteediyeemiiti argamanii kilaba deeggaran akka daawwataniif ispoonsara godhan.

    Waajjirri Dubbii Himaa Pirezidaantii Keeniyaa akka beeksisetti, namoonni lamaan pirezidaantichi ispoonsara gochuun gara Ingilizii ergan tokko deeggaraa Arsenaal yoo ta'u, inni lammataa deeggaraa Maan Yunaayitidi.

    Waajjirichi akka ibsetti, baasii tikeetii xayyaaraa dhaqaa galaa kutaa bizinasii dabalatee nyaataa dhugaatifi iddoon turtiis kaffalameera.

    Pirezidaant Wiiliyaam Ruutoo ofiisaanii deeggaraa cimaa Arsenaal ta'uu kanaan dura dubbatanii turan.

    Onkoloolessa darbe ergaa miidiyaa hawaasaa irratti maxxansaniin, waancaan Pirimeerliigii "barana kan Arsenaali" jedhanii turan.

    "Akkuma hundi keessan beektan, ani deeggaraa Arsenaal sabboonaadha," jedhan waggoota dheeraa booda Arsenaal barana waancaa akka nyaatu abdii akka qaban himanii turan.

    Deeggaraa Arsenaal ta'anis, namoota lamaan ispoonsara gochuun gara Landan ergan keessaa tokko kan Maan Yunaayitidi.

  20. Dooniin xiyyaarota waraanaa US baattu eessa akka geesse ragaaleen saataalayitii mul'isan

    Ragaalee saatalaayitii doonii waraanaa US

    Madda suuraa, Sentinel-2, Copernikus (February 15)

    Ibsa waa'ee suuraa, Ragaalee saatalaayitii doonii waraanaa US

    BBC Verify sochii waraanaa US kan Baha Giddu-galeessaa torbaanota darbanii hordofaa ture. Waashingtan sagantaa nukilaraa ishee waliin walqabatee dhiibbaa Iraan irratti gootu itti fufteerti.

    Dooniin xiyyaarota waraanaa US baattu USS Abraham Lincoln jedhamtu kan kutaa Galoo Galaanaa kan geesse Amajjii 26 ture.

    BBC Verify dooniin tun eessa akka geesse ragaalee saatalaayitiin kaleessa mirkaneefateera.

    Hidhannoo nukilaraa kan qabdu dooniin tun suuraalee kanneen keessatti hanga guyyaa kaleessaatti hin mul'atu ture.

    Ragaalee saatalaayitii European Sentinel-2 satellites, external imala doonii hordofuuf dhimma itti bahamurraa akka hubatametti, dooniin Abraham Lincoln tun Galaana Arabiyaa keessatti- handaara galaanaa Omaan irraa maayiloota 150 (240KM) irratti argamuu ishee adda baafateera.

    Qondaaltonni US dooniin xayyaarota waraanaa baattu lammaffaan, USS Gerald R Ford, doonii Abraham Lincoln jedhamtuu fi meeshaalee waraanaa bobbaafaman birootti dabalamuuf gara Baha giddu-galeessaatti sochooteeerti.