Lakkoofsi 10 bakka Saakaa gara fuulduraa ta'uuf jiraa? Gaheen lakkoofsa 10 maali?

Madda suuraa, Getty Images
Mikeel Arteettaa miidhama taphattoota sarara gidduutti isa mudatan hordofee Bukaayoo Saakaa sarara duraan irratti beekamuun ala gahee bakka yeroo baayyee lakkoofsa 10 jedhamuun beekamutti fidee fayyadamuuf yaadaa jira.
Saakaan kanaan dura sarara fuula duraa gama mirgaarraan taphata. Kana jechuun caalaatti miila isaa bitaa sirriitti taphataa fayyadamudha jechuudha.
Arsenaal taphattoonni jala amiidhamuun ammas itti heddummaateera. Baruma kana keessa Bukaayoo Saakaa dabalatee taphattoonni dirree seenanii taphachuuf osoo qaama ho'ifataa jiranii miidhaman sadiiddha.
Haata'u mnalee, Ze Gaanars bara kana filannoo waan qabaniif bakika taphattoota miidhamanii kan buufatu dhabee hedduu yeroon rakkate muraasa.
Tibba kana garuu taphattoonni sarara gidduurra taphatan murteessoo sadii walfaana miidhamaniiru. Isaanis amballii garee kanaa Maartiin Odegaard, Mikeel Meriinoofi miidhama yeroo dheeraa booda deebiyee kan taphachuu jalqabe Kaa'i Aveertiz amma miidhamarra jiru.
Arteettaan Mikeel Meriinoo fi Kaa'i Aveertiz bakka lamatti itti fayyadamuu danda'a ture; innis sarara gidduu fi sarara fuula duraa bakka jifachuun goolii lakkoofsisanirratti.
Taphattoonni amma miidhamarra jiran kunneen sadan bakka lakkoofsa 10 jedhamuun beekamurra taphatu ture.
Itaan Niwaaneeriin gahee bakka kanaa taphachuu danda'u ammoo ergisaan kilaba Faransaay Maasree deemeera.
Kanaaf, amma falli Arteettaan yaadaa jiru Saakaa gara gidduu gahee bakka lakkoofsa 10 kanaa taphachiisuudha.
Saakaan bakka hundatti fayyadaa dhufuu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
He dropped deep to pick the ball up while he also swapped positions with Noni Madueke, who was playing in Saka's usual right-wing position, and the Gunners' third goal came from Saka's cross after good work between the pair on the right.
Saka playing in that position could also mean the pathway for 16-year-old Max Dowman is clearer and means Arteta could play the talented youngster and Saka in the same side.
Madueke is also in excellent form and has three goals and an assist in his last five games and with Wolves on Wednesday and midfield injuries, there's a chance we could see Saka continue in his role, with Arteta hinting the England international could feature there more this season.
Saakaan Mikeel Arteettaa jalatti sarara gidduutti dhufee yoo taphatu haaraa miti.
Bara kana keessaa dorgommiiwwan waliigalaa 33 irratti goolii torbaafi kubbaa goolii ta'e torba mijeessuun dabarsullee, Saakaan addunyaarratti taphattoota sarara cinaa gara fuula duraatiin hunda caalaa beekamoo ta'an keessaa tokkodha.
Taphataa umuriin isaa waggaa 24 ta'e kana wanti adda isa taasisu jira. Bakka baayyee dhiphoo taateefi taphattoonni garee morkataa isa marsan keessatti kubbaa qabatee akka garaasaatti socho'uufi hulluuquu danda'uu isaati.
Kana ammoo yeroo cinaan sarara fuula duraarra taphatus, yeroo sarara gidduurra gahee lakkoofsa 10 irra taphatus qabatamaan agarsiiseera.
Saakaan bakka kana taphachuun ammoo taphataa ol adeemaa umuriin isaa waggaa 16 ta'e Maaks Doowumaaniif carraa uuma.
Saakaa jijjiiree galuun bu'aa guddaa buusaa kan jiru Noonii Maaduweekeen ammoo jalqabarraa kaasee carraa taphachuu argata jechuudha.
Saakaan tapha FA CUP Arsenaal Dilbata Guraandhala 15 taphaterratti gahee bakka lakkoofsa 10 kana taphatee bakka sanattis akka milka'au agarsiiseera.
Kana jechuun, Arteettaan taphoota itti aanan keesatti Saakaa bakka haaraa kanatti fayyadamuu akka danda'u akeeka.
"Kun waan ta'uu danda'udha waan ta'eef mee yaaleen ilaala, gara fuula duraatti fayyadamuu dandeemya," jedhe Arteettaan.
Karaa qarqara fuula duraan (wing),taphataan tokko yeroo baayyee 180 digiiriin taphata ykn walakkaa dirree gama tokkoon jechuudha.
Gara gidduutti dhufnaan, Saakaan 360 digirii taphachuu danda'a jechuudha. Kanaaf, dandeettii kubbaa kommokuu ykn dabarsee kennuu danda'uun jijjiirama fida jedhu xiinxaltoonni kubbaa miilaa.
Arteettaan dandeettii Saakaan murtee murteessuufi bakka qabatuun qabu taphataa tilmaamuun garee morkattootaa rakkisudha jedha.
Saakaan gara gahee lakkoofsa 10 kanatti dhufuun sarara fuula duraa ykn bakka jifatanii goolii lakkofosisuu Arsenaal hanga barbaade itti milkaa'iin jiru kana foyyeessuu danda'a jedhamaas jira.

Madda suuraa, BBC Sport
Saakaan gahee kanatti dhufuun akka kanaan dura qarqara gara fuula duraa dhaabbatanii kubbaa dhufu eeggachuu osoo hin taane sochii bal'aa taasisuun dhiibbaa garee morkataa keessatti uumuuf gargaara.
Tapha FA CUP Arsenaal Wiigaan waliin taphaterratti goolii warri Wiigaan ofirratti lakkoofsisan tokko dhiibbaa Saakaan sarara gidduu kanatti dhufee uumeen akka taate ragaadha.

Madda suuraa, BBC Sport
Akka taphattoota bilchaatoo arsenaal keessaa tokko ta'eetti, Saakaan gidduurratti dhiibbaa jiru dandamatee taphachuuf ga'umsa sammuufi qaamaa ni qaba.
Kana malees, Saakaan kubbaa sarara ittisaa irraa ceetuuf argatee to'atee gara fuula duraatti dabarsuun qaroodha. Kun ammoo sarara cinaa kanaan dura irra taphatu caalaa yoo gara gidduutti dhufe caalaa kan argatu isa taasisa.
Akka taaktikaatti yeroo baayyee gidduurraan jifachuun balaa guddaa akka qabaatu ni beekama. Sababiin isaas, gidduurraan kubbaa of harkaa gatuun gareen morkataa asalphaatti akka deebisee nama haleeluuf carraa guddaa uuma.
Rakkoo akka kanaan uumamuuf ammoo ga'umsi Saakaa amansiisaadha. Kubbaa to'achuufi qaawwa bansiisuurratti kennaa addaa qaba. Carraan kubbaan isa harkaa baatee deebisanii haleeluutti dhufullee xiqqaadha.

Madda suuraa, BBC Sport
Dandeettii itti bilchaate kana qabatee gara bakka ga'ee lakkoofsa 10 ba'achuutti dhufnaan, Saakaan goolii lakkoofsisuuf, ykn kubbaa gooliif mijeessuuf hiree ballisa.
Sarara mirgaarraan kubbaa marsee miila bitaan lakkoofsisuun dandeettii inni agarsiise bakka haaraa kanattis ni jiraata.
Ga'een taphataan bakka kanaa qabu caalaa bilisummaa sochii waan kennuuf, gara sarara cinaatti bahee kubbaa golbeessee galchu sana caalaayyu itti fayyadamuu mala.
Ga'een lakkoofsa 10 maali, eessa taphata?
Lakkoofsi 10 bakka taphataa sarara gidduu fi sarara fuula duraa (jifataa) gidduu jirudha.
Lakkoofsi 10 yeroo baayyee sarara ittisaa fi taphataa sarara gidduu garee morkataa keessa socho'a.
Bakki kun maqaa lakkoofsa 10 jedhu kan argate yeroo baayyee taphattoonni lakkoofsa 10 uffatan bakka akana taphachuu isaaniirraan moggaafame.
Bakki lakkoofsa 10 kun taphataa dandeettii addaa qabu, keessumaa waa uumuu, kubbaa to'achuu, kubaa kommokuu, kubbaa dabarsuu, taphattoota garee morkataan bakka marfaman keessaa waa baasuu danda'uu, kubbaa duubaan dhufuufi fuulduratti darbu tilmaamuu danda'uu, akkasumas jifachuun goolii galchuu danda'uu gaafata.
Bakki lakkoofsa 10 kun dhiibbaa sarara ittisaa garee morkataarratti uumuuf dandeettii qabaachuus gaafata.
Akkasumas, bakka dhiphaafi mijataa hin taane keessatti bakka saaquufi karaa mijataa baasuu gaafata.
Addunyaarratti taphattoonni bakka lakkoofsa 10 kanarratti beekaman eenyufaadha?
Diyaagoo Maraadoonaa, Peelee, Zineddin Zidaan, Liyooneel Mesii, Mesuut Oziil, Maartiin Odegaard, Buruunoo Fernaandeez taphattoota bakka kanarratti ciminaan maqaan isaanii ka'udha.












