Iraan qoqqobbiin irraa kaanaan waliigaltee nukilaraarra ga'uuf wantoota dhiistu akka qabdu ibsite

Madda suuraa, BBC/Nikki Millard
Ameerikaan qoqqobbiiwwan kaasuurratti mari'achuuf fedhii agarsiisnaan Iraan waliigaltee nukilaraarra ga'uuf dhimmoota dhiisuu qabdurratti mari'achuuf yaada akka qabdu qondaalli Iraan BBCtti himan.
Aanga'oonni US mariin dhimma nukilaraa gufachuu irratti Iraan akka gufee taatetti ibsu.
Sambata kaleessaa Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo Pirezidant Tiraamp marii akka filatu ibse, garuu Iraan waliin kana raawwachuun salphaa miti jedhe.
Haata'u malee Deetaan Ministira Dhimma Alaa Iraan Majid Takht-Ravanchi turtii BBC waliin taasisaniin dubbiin gama Ameerikaatti hafee akka jiru ibsuun ''marii dhugaa gaggeessuuf Ameerikaan dhuguma qophii ta'uu mirkaneessuu qabdi,'' jedhan.
''Yoo dhuguma onneesaaniirraa ta'e nutis daandii waliigalteetti nu geessurra jirra,'' jedhan.
Tiraamp yoo waliigalteen sagantaa nukilaraa Iraan haqu hojiirra hin oolu ta'e tarkaanfii haleellaa akka fudhatu dhaadateera.
US kana hunda dursitee humna waraanaa ishee naannawa Iraan qubachiisteetti.
Biyyoonni lameen jalqaba ji'a kanaa Omaan keessatti mariisaanii jalqabaa taasisaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mariin marsaa lammataa Kibxata Jeniivaatti akka itti fufu kan ibsan Takht-Ravanchi ''hanga ammaatti wanti jiru gaariidha, garuu kanarra geenyeerra jechuuf yeroonsaa ganaadha,'' jedhan.
Mariin eegalame abdachiisaa ta'uu Pirezidant Tiraampis dubbateera.
Qondaalli Iraan waliigalteerra ga'uuf jecha wantoota dhiisuu danda'an keessaa gabbisa yuraaniyemii dhibbeentaa 60 irra ga'ee ture gadi deebisuu kaasan.
Iraan yuraaniyemii gabbisuun sadarkaa meeshaalee waraanaa nukilaraa hidhachiisuu danda'urra geesseetti jedhamuun sodaatamti.
Biyyattiin garuu nukilarri ishee nageenyummaa kan qabuu fi faayidaa anniisaaf jecha akka gabbistu ibsuun meeshaalee waraanaa nukilaraa hidhachuuf karoora akka hin qabne irra deddeebiin himaa turte.
''Kanaa fi dhimmoota biroos dabalatee dhimma sagantaa nukilaraa keenya irratti mari'achuuf qophiidha. Kuni egaa yoo isaan dhimma qoqqobbii kaasuu irratti mari'achuuf fedhii agarsiisanidha,'' jechuun BBCtti himan Takht-Ravanchi.
Kana jechuun qoqqobbiin hundi akka ka'u ykn gariin akka kaafamu ta'uu addatti hin ibsine.
Iraan waliigaltee sagantaa nukilaraa ishee bara 2015 irra ga'ameen yuraaniyemii gabbiste hunda biyyashee keessaa baastee turte.
Ammahoo dhimma yuraaniyemii kg 400 caaluun walqabatee yaadi Iraan maal ta'uu akka danda'u gaafatamuun ''mariirra jirra waan ta'eef waan dhumarratti ta'uu danda'u ammatti dubbachuun hin danda'amu,'' jedhan qondaalli Iraan kun.
Bara 2015 waliigaltee biyyoota addunyaa danuu gidduutti raawwatameen Raashiyaan yuraaniyemii kg 11,000 qabiyyeen isaa hir'ifame simattee turte.
Erga waliigaltee kanarra ga'amee waggaa sadi booda Tiraamp keessaa ba'uusaa ibse.
Raashiyaan ammas simachuuf fedhii agarsiisteetti.
Yaadonni kanaan dura miidiyaa irra bahan Iraan gabbisa nukilaraa ishee bakkuma jirutti akka dhaabdu mul'isaniiru.
Fedhiin Iraan ammas taanaan dhimmi marii ijoon dhimma nukilaraa qofa akka ta'udha.
''Akka hubannoo keenyaatti yoo waliigalteerra ga'uu barbaadan dhimma nukilaraa qofarratti akka xiyyeeffatanidha,'' jedhan Rakht-Ravanchi.
US akka Iraan gabbisa nukilaraa ishee zeerootti deebistu feeti, Iraan ammoo hanga meeshaa waraanaa nukilaraa hin oomishnetti yuraaniyemii ishee anniisaaf gabbisuu feeti.
Iraan fedhii Ameerikaa kanatti gammachuu hin qabdu. Akkaataa waliigaltee dhorkaa meeshaalee waraanaa nukilaraan fedhiin US dhiheessite kun mirga yuraaniyemii misoomaaf fayyadamuu Iraan qabdu akka sarbu mootummaan Iraan ibsa.
''Dhimmi yuraaniyemii zeerootti deebisuu kana booda akka ajandaatti waan ka'u miti. Akka Iraan hubattutti qabxii marii ta'eeyyuu hin dhihaatu,'' jedhan.
Tiraamp ammoo Jimaata darbe ''gabbisa yuraaniyemii homaa hin barbaachisu,'' jechuun gaazexeessitootatti hime.
Kun yaada qondaalli Iraan kaasan faana wal dhiita.
Kanneen Iraan bakka bu'uun mari'atan dhimma misaa'ela baalistikii Iraan qabxii marii ta'ee dhihaachuu akka hin qabne ibsaniiru.
Ameerikaan ammoo sagantaan misaa'elaa Iraan dhimmoota mariif dhihaatan keessaa isa ijoo akka ta'u feeti. Israa'elis yaada Ameerikaa kana ni feeti.












