Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Finfinneetti simachuun waliin mari'atan.
Daawwannaa guyyaa tokkoof kan taasisan Pirezidant Hasan waliin maal mari'atuu malu?
Itoophiyaafi Somaaliyaan muddama waggaaf adeeme booda waggaa darbe yoona kana ture jaarsummaa Pirezidantii Turkiin araara kan buusan.
Yeroos gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaa deebisuufi kaan irrattis waliigalanii turan.
Wantoota irratti waliigalan keessaa tokko akkana jedha;
''Tokkummaa daangaa Somaaliyaa haala kabajeen Itoophiyaan ulaa galaanaa amansiisaa argachuun ishee faayidaa garaagaraa qabu biyyoonni lamaan beekamtii kennu''.
Ministirri Muummee Abiy ''waggaa tokko darbe marii hariiroo waloo itti fufuun marii bu'a qabeessa taasisneerra,'' jedhan.
Marii kuni hariiroo cimsuu, naannicha tasgabbeessuufi misoomaaf kutannoo qabnu kan mirkaneessedha jedhan.
Itoophiyaan bulchiinsa Somaalilaand Itoophiyaan qaama kiyya jettu waliin waliigalteen ulaa galaanaa taasiste Somaaliyaa waliin walitti ishee buusee ture.
Gaanfa Afrikaatti walitti bu'iinsi ka'uu mala sodaa jedhus uumee ture.
Erga jaarsummaa Turkiin araara buusan booda biyyoonni kuni marii gaggeessaa turani. Itti bahi marii kanaa garuu aammatti ifa miti.
Waajjirri Ministeera Muummee Somaaliyaa gama isaan dureewwan lamaan hariiroo cimsuu, dhimma nageenyaa, siyaaasa, fi dhimma naannichaarratti harriiroo cimsuuf waliigaluu ibseera.
Torban kana guyyaa Roobii Somaaliyaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Suleemaan Daddafoo Ministeera Dhimma Alaa Somaaliyaa Abdisalaam Abdii waliin hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf mari'achuu gabaafameera.
Itoophiyaan ulaa galaanatti na baasu na barbaachisa jechuun Ertiraa waliinis muddama ishee galcheeti jira.