Taphataan ittisaa Ikuwaador balbala suuqiitti ajjeefame
Ittisaan Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Ikkuwaador itti dhukaafamee umrii 33 isaatti du'e.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti, Maariyoo Pineyidaan gaafa Roobii namoota lama doqdoqqeerra adeemaa turaniin itti dhukaafaamee ajjeefame.
Inni yeroos magaalaa Guwaayaakuwil keessatti harmeefi dubartii biraa waliin suuqiin ala ture.
Ministirri Biyya Keessaa Ikkuwaador akka qorataniif gartuu poolisii adda ta'e bobbaasuu beeksisaniiru.
Magaalaa kana keessatti badiin wanbadootaa baay'eedha.
Amajjii hanga Fulbaanaa qofa namoonni 1,900 ajjeefamaniiru. Kunis, Ikkuwaador keessa isa olaanaadha.
Taphataan kuni Ikkuwaadoriif si'a sagal hiriiree taphateera.
Kana dura Baarselonaafis bara 2016 keessa taphate. Kilaboonni kaan inni bira taphateefi Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ikkuwaador gadda isaanii ibsaniiru.