Namich Doonaald Tiraampiin ajjeesuuf yaale hidhaa umurii guutuun dabame
Namni maqaan isaa Riyaan Ruut jedhamu Fulbaana bara 2024 wayita Pirezidant Doonaald Tiraamp dirree Golfii isaa Filooriidaa jirutti ajjeesuuf yaale hidhaa umurii guutuun adabame.
Umuriin isaa wggaa 59 kan ta’e Ruut, bara darbe yeroo Tiraamp kaadhimamaa pirezidantii turetti Tiraamp Internaashinaal Golf Kilab Lixa Paalm Biich jirutti isa ajjeesuuf yaaluutiin yakkamaa kan jedhame.
Yeroo sana hojjetaan US Sakiriit Sarvisii bakka sana ture Ruut qawwee qabatee bosona keessaa osoo bahaa jiruu argee kan itti dhukaase. Namni kun bakka sanaa baqatus osoo baayyee hin fagaatiin qabamuu danda’e.
Murtii dabarbe keessatti haati murtii Aliin Kaanoon, yakki Ruut “mormii tokko malee hidhaa umurii guutuu kan adabsiisudha” jette.
“[Namni] kun kaadhimamaa pirezidantii kan ture [Tiraamp] ajjeesuudhaaf ji’ootaaf yaalii taaisaa kan ture yoo ta’u, kaayyoo isaa kana dura nama dhaabbatu kamiyyu ajjeesuufis kaayyeffatee ture. Gocha isaa kanaafis yeroo miira gaabbii itti ibsate hin qabu,” jechuun barreessite.
Erga abbootiin murtii yakkamaa ta’uusaa itti murteessanii Ruut, dhaddacharra osoo jiruu qalamaan morma isaa waraanuuf wayita yaaletti, poolisoonni atattamaan dhaddacharraa isa baasan.
Oduu yaalii ajjeechaa Tiraamp irratti raawwataman: