UKn Kaaba Itoophiyaatti tasgabbiin akka uumamu waamicha dhiheessite
Ministirri dhimma alaa UK Yivette Cooper wayita Itoophiyaa daawwatanitti haala kaaba biyyattii keessatti mudataa jiru akka tasgabbaa'u gaafataniiru.
Faayidaa tasgabbii fi nageenya naannoo akkasumas waraana ittisuun qaburratti dubbachuu ibsan qondaalli UK kun.
''Kanaaf ammoo tasgabbiin kaaba Itoophiyaatti mirkanaa'uun murteessaadha,'' jedhan.
Qondaalli UK kun wayita kaaba Itoohiyaatti rakkoon deebi'ee dhalataa jirutti kana dubbatan.
Waraanni fi walitti bu'iinsi deddeebi'ee kaaba Itoophiyaatti mudate lammiilee hedduu gaaga'eera.
Namoonni sababa waraanaan miidhaman ammallee osoo hin bayyanatin waraanni biraan ka'uuf deema.
Yvette Cooper Dilbata kaleessaa Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad waliin mari'achuun damee investimentii fi anniisaa irratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Waliigalteen kun sarara humna ibsaa lama kan kutaalee Itoophiyaa hedduu walquunnamsiisu dabalata.
Mootummaan UK damee kanaaf doolaara miiliyoona 400 ramadeera.
Ministeerri Maallaqaa Itoophiyaa Facebook isaarratti akka ibsetti sararri ibsaa tokko kan Degahabur-Kebridahar keessa darbuun naannoo Somaalee giddugala biyyaan walquunnamsiisudha.
Sararri kun kiilomeetira 206 kan dheeratuu fi anniisaa kV 132 kan baatuudha.
Sararri inni kan biraan ammoo kan Hurso-Ayishaa irraa ka'uudha. Kun ammoo anniisaa humna bubbeerraa maddu kan kaaba baha biyyattii irraa fuudhee gara Jibuutiitti dabarsuudha.
Sararri kun kiilomeetira 198 kan dheeratu yoo ta'u anniisaa kV 400 baata.
Itoophiyaan sarara humna ibsaa lammiilee biyyattiin ga'u dhibbeentaa 96 irraan ga'uuf hojjetaa jiraachuu fi bara 2030tti kuufama anniisaa 20GW irraan ga'uuf hojjetaa jiraachuu ibsiti.