Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Mariin nagaa Yukireen xumurame, Zeleniskiin yaaddoo himatan

Mariin Ameerikaafi Yukireen gidduutti Jenevaatti adeemaa ture xumurameera.Haa ta'u malee, ammallee garaagartee Moskoofi Kiiv walitti fiduun rakkisaa ta'eera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Senaatarri Awustiraaliyaa uffata isaaniin balaaleeffataman

    Senaatarri Awustiraaliyaa uffata hordoftoonni amantaa Islaamaa uffatan, burkaa, uffachuun paarlaamaa keessa mul'atan miseensota mufachiisan.

    Senaatarri kuni kana dura uffati kuni akka dhorkamu gaafataa turani, duulas gaggeessaa turan.

    Kuni ''sanyummaadha'' jechuun miseensi mana maree tokko isaan qeeqan.

    Uffata kana akka baasanis gaafatamanii didaniiru, kanatti sagantaan mana maree keessaa danqameera.

    Senaatarri kuni kana dura labsii uffata fuula dhoksu kana dhorku akka labsamuuf socho'aa turan.

    Paarlaamaa keessatti uffata kana yoo uffatan kuni yeroo lammataafi.

    Kan kana godhanis sababa manni maree labsii isaan dhiheessan waan duraa kuffiseefi.

    Gaafa Wiixataas miseensoti labsii isaan dhiheessan waan fudhachuu dideef uffata kana deeisanii uffatani.

    Sababa kanaan mootummaa akkasumas senaatarri dhuunfaa biroo 'waan fokkisa' jechuun gocha isaanii kana mormaniiru.

    Haansan boodarra ''akka hin uffanne yoo barbaaddan, burkaa dhorkaa'' jechuun Facebook gubbaa kataban.

  2. Zeleniskiin lafa Yukireen kennuu mormuun akeekkachiisan

    Mariin Ameerikaafi Yukireen gidduutti Jenevaatti adeemaa ture xumurameera. Kaayyoon marii kanaa waraana Yukireen keessaa dhaabuudha.

    Qaamoleen gama lamaanii mariirra hirmaatan mariin sirnaan adeemaa akka jiru himani. Odeeffannoo dabalataa garuu hin kennine.

    Haa ta'u malee, ammallee garaagartee Moskoofi Kiiv gidduu keessumaa dhimma daangaafi lafaa jiru walitti fiduun rakkisaa ta'eera.

    Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii marii kanaan waan irra gahaniin gammachuu akka qaban himan.

    Ta'us, ''rakkoon ijoo'' Pirezidantiin Raashiyaa lafa baha Yukireen to'atan seeraan akka mirkanaa'u barbaaduu isaaniiti jechuun dubbatani.

  3. 'Akkaataa hojiirra oolmaasaa malee hawaasa keenya tajaajiluu hin mormine' -Barattoota Yunivarsiitii

    Mootummaan Itoophiyaa sagantaa tajaajila biyyaalessaa waggaa tokkoo barattoonni yunivarsiitii akka kennaniif dirqama ta'a jedhe hojiirra oolchuuf sochii erga jalqabee bubbuleera.

    Ministirri Barnootaa, Piroofeesar Birhaanuu Naggaa Ebla 2025 ture haasaa paarlaamaarratti taasiseen karoora maqaan isaa "Ethiopia University Service" [Tajaajila Yunivarsiitii Itoophiyaa] jedhu bara dhufu keessa hojiirra akka oolu kan bakka bu'oota ummataaf ibse.

  4. Dhohiinsi volkaanoo Affaaritti kaleessa mudate hangam yaaddessaadha?

    Dilbata darbe waaree dura Naannoo Affaar Afdeeraatti dhohiinsi volkaanoo mudateera.

    Dhohiinsa kanaan aarri samii keessa olbahee mul'atuu fi sagaleen dhohiinsaa olaanaa ta'e uumamuu Yunvarsiitii Finfinneetti Daayireektarri Ji'oolojii, Astiroonoomii fi qorannoo hawaa Piroofeesar Ataalaay Ayyelee BBctti himan.

    "Ragaa saatalaayitii irraa argame akka mul'isutti dhohiinsi volkaanoo kuni Fantaallee irraa gama kibbaan kiiloomeetira 10 irratti mudate" jedhan. Hammam yaadessaadha? Dhohiinsi volkaanoo Affaaritti kaleessa mudate hangam yaaddessaadha?

  5. Obbo Taayyee Danda'aa irratti himatawwan haaraa sadii banaman

    Abbaan Alangaa Obbo Taayyee Danda'aa irratti himatawwan haaraa sadi banuusaa abukaatoonsaanii himan.

    Guyyoota 10 dura himatawwan lamaan bilisa jedhamanii himata tokkoon murteen balleessummaa kan itti murame Deetaan Ministeera Nagaa duraanii Obbo Taayyeen, himatawwan haaraa sadi irratti baname.

    Abukaatoo Obbo Taayyee Danda'aa kan ta'an Obbo Abarraa Nigus, "himatawwan haaraa saditu irratti saaqame, himanni kun har'a nu qaqqabe" jechuun BBC'tti himan.

  6. Qabxiilee 28 waraana Raashiyaa-Yuukireen dhaabuuf bahan irratti mari'atamaa jira

    Waraana Raashiyaa- Yuukireen dhaabuuf Ameerikaan karoora qabxii 28 torban darbe baasteetti.

    Waayit Haawus akka jettetti karoorri kun Ameerikaa fi Yuukireenin Jeneevitti mari'atameera.

    Karooricha kan qopheesse ammoo Pirezidaant Tiraamp akka tahe himameera.

    Maarkoo Ruubiyoo yaadni kun Ameerikaadhaan dhiyaachuu himee garuu Raashiyaan fudhachuu ishee irratti hundaa'a jedhe.

    Dubbiin kan dhalate ammoo Maarkoo Ruubiyoo senaateroota tokko tokkotti icciitiidhaan karoorri kun waan Ameerikaan dhiyeesite osoo hin taane ejjennoo Raashiyaa kan ibsudha jedhe erga dubbateeti.

    Mooskoon ammoo icciitii kana baaste jedhame. Biyyoonni Awurooppaa ammoo karoorri kun irra caalaa Raashiyaa waan fayyadauuf irra deebiin ilaalamuu qaba jedhu.

    BBC sanada qophaa'e ammatti hin arganne. Garuu qabxiilee kanneen ilaaleera.

    • Guyyaa Dhumaa: Jlaqaba Tiraamp Raashiyaaf guyyaa dhumaa jedhee kan kenne Sadaasa 27, kunis wixinee dhiyaate akka fudhatuuf yoo tahu yoo mariin jiraate dheerachuu mala jedhe.
    • Daangaa dabarsanii kennuu: Loltoonni Zeleniskiin bakkeewan Dooneski keessaa qabatanii jiranii bahuu qabu. Kunis bakka humna waraanaa irraa bilisa tahe hundeessuuf.
    • Raashiyaan naannicha keessaa bakki qabate beekkamtii idil-addunya akanq abudha. Akkasumas naannoon Luhaanisk Raashiyaan qabattee jirtu fi Kibbi Kireemiyaa bara 2014 Raashiyaatti makame to'annoo isaanii jala tura.
    • Humna waraanaa hir'isuu: Yuukireen lakkoofsa loltoota ishee gara 600,000tti akka hir'istu gaafatamte. Bara darbe gara 880,000 tahu jedhamee tilmaamame.
    • Fuulduree Yuukireen: Yuukireen NATOtti akka hin makamne waadaa galuu qabdi. Garuu miseensummaa Gamtaa Awurooppaa waan qabduuf mirga qabdi.
    • Raashiyaa dinagdee addunyaatti deebisuun qabxii biraati. Ammatti Raashiyaan moggaatti baafamtee jirti.
  7. Ijoolleen 50 harka hidhattoota Naayijeeriyaa isaan butan jalaa miliqan

    Ijoollee barattootaa 315 hidhattootaan mana barumsaa Kaatolikii Naayijeeriyaa bulchiinsa Niijer irraa Jimaata darbe butaman keessaa 50 miliqan.

    Waldaan Kiristaanotaa Naayijeeriyaa ijoolleen kunneen maatii isaanii waliin wal-arganiiru jedhe.

    Barattoota 265 hafaniifi barsiisota 12 wajjin butaman baraaruudhaaf oppireeshiniin waraanaan durfamu guddaan adeemsifamaa jira.

    Qondaaloti Naayijeeriyaa bulchiinsota Nijeeriifi Keebii buttaan jumlaa ijoollee raawwachuun booda manneen barnootaa naannichaa akka cufaman ajajaniiru.

    Ijoolleen mana barumsaarraa butamuun booda Pireezidantiin Naayijeeriyaa Boolaa Tinuubuu poolisooti dabalataa 30,000 akka bobba'an ajajaniiru.

    Gama biraan bulchiinsa Kiwaaraa jedhamutti waldaa Kiristaanaa keessaa namoonni 38 butamanii gaafa Dilbataa deebisanii gadhiifamaniiru jedhan.

    Haleellaa waldaa Kirsitaanaan Christ Apostolic jedhamu bulchiinsa Eruukuu keessatt raawwateen namoonni lama ajjeefamaniiru.