Tamsaasni kallattii xumurame
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Dilbata galgalaa xumurame.
Wiixata ganama walitti deebina.
Nagaan bulaa!
Erga waraanni Gaazaatti eegalee namoonni 50,000 ol ajjeefamuu ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin hoogganamu beeksise.
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Dilbata galgalaa xumurame.
Wiixata ganama walitti deebina.
Nagaan bulaa!

Madda suuraa, Getty Images
Atileet Gudaaf Tsaggaay Shaampiyoonaa Atileetiksii Mana Keessaa Addunyaarratti fageenya 1,500m'n Riikardii Shaampiyoonaa cabsuun injifatte.
Atileet Dirribee Waltajjiimmoo isheetti aanuun lammaffaa baatee meetii mo'atte.
Atileetiin Itoophiyaa biroo Nigist Getaachoo immoo 800m'n lammaffaa baateetti.
Fageenyichaan shaampiyoonaan bara darbee Tsiggee Dhugumaa eegamtus dorgommii 6ffaan xumurte.
Itoophiyaa shaampiyoonaa 20ffaa Chaayinaatti qophaa'e kana medaaliyaa 5'n biyyoota addunyaarraa sadarkaa 3ffaan xumurte.

Madda suuraa, APTN
Phaaphaasiin Kaatolikii dhukkubni itti hammaattee erga Guraandhala 14 hospitaala seenanii, yeroo jalqabaaf karaa foddaa hospitaala Gemelli Roomitti argamu ummatatti mul'ataniiru.
Pop Firaansis umuriin isaanii waggaa 88 ta'eera.
Wal'aansa fayyaa isaanii xumuranii yeroo muraasa booda hospitaalichaa kan ba'an ta'us, Vaatikaanitti yoo xiqqaate boqonnaa ji’a lamaa akka isaan barbaachisu hakiimonni himaniiru.
Yoo haalli fayyaa isaanii haala kanaan fooyya'iinsa agarsiisaa deeme baatii lama booda hojii isaanitti deebi'uu ni danda'us jedhan.
Firaansis waggoota 12 darbanii Waldaa Kaatolikii Roomaa hogganaa jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Erga waraanni Gaazaatti eegalee namoonni 50,000 ol ajjeefamuu ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin hoogganamu beeksise.
Lakkoofsi 50,021 kuni ummata Gaazaa osoo waraanni hin eegaliin dura jiru miiliyoona 2.3 keessaa 2.1% akka jechuuti.
Yookiin nama 50 keessaa tokko ajjeefameera akka jechuuti.
Gama kaaniin, walumaagala namoonni 113, 274 erga waraanni eegale madaa'uu yookiin miidhamuu gabaasni ministeera fayyaa kuni baase agarsiisa.
Kana dura gabaasa Ministeera Fayyaa Gaazaan ifa ta'u UN fi dhaabbileen kaan amanamtummaa qaba jechuun fudhatu.
Israa'el garuu daataa aangawoota Gaazaan ifa ta'u soba jechuun akka hin fudhanne ibsaa turte.
Gaazexeessitoonni idil-addunyaa kan BBC dabalatee Gaazaa akka hin seenne Israa'eliin waan dhorkamaniif lakkoofsa kana adda baasuun nama dhiba.
Gabaasni ministeera fayyaa Gaazaan bahu namoota nagaafi hidhattoota adda hin baasu.

Madda suuraa, Getty Images
Hoogganaan siyaasaa olaanaa Hamaas haleellaa xiyyaara Israa'el kibba Gaazaa, Kaan Yuunis keessatti raawwateen ajjeefaman.
Qondaalli Hamaas Dilbata ganama BBC'tti akka himanitti, hogganaan olaanaa siyaasaa Hamaas ajjeefaman Saalaah al-Bardawiil jedhamu.
Jiraattonni naannoo sanaa akka jedhanitti, miseensi kutaa siyaasaa Hamaas kan ta'an Bardawil fi haati warraa isaanii haleellaa xiyyaaraa kanaan ajjeefamaniiru.
Israa'el ajjeechaa kana ilaalchisee hanga ammaatti yaada hin kennine.

Madda suuraa, Reuters
Kantiibaan magaalaa Istaanbul filannoo dhufuurratti Pirezidantii Turkii morkatu jedhamanii eegaman hidhamanii malaammaltummaan himataman.
Ikreem Imaamogluu sagalee Dilbata har'aa kennamuun filannoo bara 2028 irratti bakka bu'aa paartii mormituu Republican People's Party's (CHP) jedhamanii filatamuuf turan.
Himannaa irratti ka'e Imaamogluun waakkataniiru.
''Harka hin kenninu,'' jechuun isaanii gabaafameera.
Guyyaa Roobii hidhamuun isaanii waggoota 10 keessatti Turkiitti mormii jabaadha jedhamuuf sababa ta'eera.
Hiriira mormii kana Erdogaan mormaniiru.
Paartii mormituus ''nagaa booressuufi ummata keenya fiixetti baasuuf'' sosso'aa jiru jechuun himataniiru.
Imaamogluun nama siyaasaa mormituu Erdogaan dura dhaabbachuu danda'an jedhamanii eegamanidha.

Madda suuraa, Reuters
Ergamaan addaa Tiraamp Istiiv Wiitkoof waamicha Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmar Yukireen keessatti waliigaltee dhukaasa dhaabuu erga mallattaa’ee booda deeggarsa waraanaa taasifamuu qaba jedhan morman.
Ergamaan addaa Tiraamp, Wiitkoof, Vilaadmiir Puutiin jajataniiru.
''Puutiin akka nama hamaatti hin ilaalu,inni 'nama baayyee qaroodha'' jedhan.
Guyyoota muraasa dura Puutiin waliin qaamaan kan wal argan Wiitkoof, pirezidaantiin Raashiyaa ''nama simboo qabeessa' fi ''waan itti dhaga'ame ifatti dubbatu'' jechuun ibsaniiru.
Wiitkoof loltoonni Yukireen Kurisk keessa jiran gara Raashiyatti akka citan kaasanillee garuu mootummaan Yukireen kana ni haala.
Kana malees, ''naannolee muraasa Raashiyaan qabatte keessatti rifarandamiin gaggeeffamuu qaba, ummanni harki caalaan Raashiyaan bulfamuu filata" jechuun dubbatan
Naannolee Yukireen Raashiyaan qabatte tokko tokko keessatti rifarandamiin gaggeeffamus, adeemsaa fi bu’aa isaa irratti gaaffiin ka’aa tureera.

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp eeyyama pirezidantiin Itti aantuu duraanii US, Kamaalaa Haaris, odeeffannoon icciitii biyyattii akka itti hin himamne dhorkan.
Haaris filannoo pirezidantii Ameerikaa 2024'n Donaald Tiraampiin mo'amani.
Aangawoonni duraanii Ameerikaa odeeffannoo icciitii biyyattii si'achi akka hin arganne dhorkaman Haaris qofa miti.
Ministirri Dhimma Alaa duraanii US Hilaarii Kiliintanis akkasumas kaan akka hin arganne Tiraampiin dhorkamaniiru.
Tiraamp aangawoota duraanii US isaan qeeqaa turanirraa eeyyama kana dhorkaniiru.
Eeyyama pireezidantii duraanii Joo Baayidan akkasumas kan maatii isaaniis akka dhorkan dubbataa turani.
''Namoonni kuni eeyyamni isaan odeeffannoo icciitii akka argan qaban faayidaa biyyaalessaa keenyaaf gatii waan hin qabneef eeyyamni isaanii akka dhorkamu murtesseera,'' jedhan Tiraamp.
Murteen kuni maal jechuudha?
Akkaataa kana dura tureen garuu aangawoonni duraanii icciitii Ameerikaa akka baran ni eeyyamamaaf ture.
Dhorkaan ka'ame akka jedhutti, ''Odeeffannoon icciitii bira hin gahu. Guyyaa guyyaatti odeeffannoo pirezidantiif dhihaatu hin argatan.
''Akkasumas odeeffannoo qaamolee tikaa jala jiru hin argatan.''
Akkaataa murtee kanaan odeeffannoo argatan akkasumas dhaabbilee mootummaa eegumsi cimaan taasifamuuf kana dura keessa seenanirraa dhorkamu.
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.
Oduuwwan biyya keessaafi alaa jiran jala jalaan isin biraan geenya.
Fuula Facebook akkasumas Chaanaalii WhatsApp keenya hordofaa.
Nagaan oolaa!


Madda suuraa, Reuters
Rokeettiin Libannosirraa itti dhuka'uu hordofee Israa'el haleellaa cimaa Libaanos irratti gaggeessuu beeksifte.
Humni Waraana Israa'el ibsa baasen, bakkeewwan rokkeettin irraa dhukaafamaniifi wiirtuwwan ajaja Hezbollaa heddu mancaasuu beekssie.
Ji'a Sadaasaa keessa Israa'elifi Hezbollaan dhukaasa dhaabuf erga waliigalanii rokkeettiin yeroo jalqabaaf Libaanos irraa gara Israa'eliti dhukaafaamuu isaati.
Mininisteerri Fayyaa Libaanos akka beeksisetti, haleellaa Israa'el gaggeessite kanaan daa'ima tokko dabalatee namoonni lama yoo du'an saddeet ammoo madaa'aniiru.
Libaanos biyya Hezbollaa dabalatee hidhattoonni Filisxeem heddu keessa socho'aniidha.
Haleellaa rokkeettii Israa'elitti dhukaafameef gareen hanga ammaa itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.
Hezbollaan gamasaan haleellaa rokkeettii kana keessaa qooda akka hin qabne ibsuun, waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka kabaju beeksise.
Humni Waraanaa Libaanos ammoo eenyu rokkeettii akka dhukaase adda baasuf qorannoo jalqabuu ibse.

Madda suuraa, Defence Force- Ethiopia
Hidhattootni Faannoo aanaalee naannoo Amaaraa keessatti duula Andinnet jedhu gaggeesuuf socho'aa turan dhabamsiifamuu Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa fuula miidiyaa hawaasaa gubbaa ibse.
Duulli kun Birgaadiyeer Janaraal Migibee Haayileedhaan kan hoogganamu ta'uus ibsichi eereera.
hidhattootni kun Kibba Goondar, Lixa Goondar, Kaaba Gojjaam, Baha Gojjam, Lixa Gojjaamiifi Kaaba Walloo keessatti duulli godhamuu ibseera.
Guyyoota lamaan kana keessattis hidhattootni Faannoo 317 ajjeefamanaiiru jedhe. Hidhattootni 125 ta'an ammoo madoo ta'uu gabaase.
Meeshaaleen waraanaa to'atamuufi hidhattootni booji'amuus ibseera.

Madda suuraa, Reuters
Filannoo Sadaasa darbe gaggeeffameen injifachuun pirezidantii Naambiyaa ta'uun dubartii jalqabaa kan ta'an Netumboo Naandii- Indiitwaah kakuu raawwataniiru.
Yaada BBCf kennaniin yoo barri bulchiinsaa isaanii gaarii ta'e fakkeenya ta'uun akka ibsamu, yoommoo akkuma pirezidantoota dhiiraa kanneen biroo gaarii ta'uu baate garuu ''ilaal dubartii'' warri jedhan ni jiraatuu jedhan.
Pireezidantiin kun biyya hoji dhabdummaan itti hammaate, hanqinni walqixxummaa fi hiyyummaan itti jabaate bulchuuf har'a kakuu raawwatan.
Indiitwaah pirezidantii dubaraa sagalee ummataan kallattiin filataman ta'u Afrikaa keessatti kan lammataati. Nambiyaaf ammoo pirezidantii dubartii kan jalqabaati.
Pirezidantiin kun nama ganna 72 yoo ta'an, filannoo Sadaasa darbeen sagalee 58% argachuun injifatan.
Dubartii ganna 14 osoo jiranii dhaaba swapo jedhamutti makamuun qabsoo bilisummaa lammiilee Afrikaa Kibbaa adii jalaa bahutti makaman.
''Dhimmi lafaa dhugaatti dubbii ijoodha'' jedhan pirexzidantiin kun aangoo qabachuu dura.
Akka ragaan mootummaa agarsiisutti lafa qonnaa biyyattii keessaa 70% harka qonnaan bultoota adii jala jira. Ammoo lakkoofsi lammiilee biyyattii adii ta'anii dhibbeentaa lamaa gadi.

Madda suuraa, Mohanad Hashim / BBC
RSF waggaa lama booda masaraa biyyalessaa gadhiisuuf dirqame, haleellaa diroonii loltoota masaraa to'atan irratti raawwateen dubbii himaa waraana biyyaalessaa, hojjetoota miidiyaa fi kaanis ajjeefaman.
Waraanni biyyattii yaada BBCf kenneen, Letenaant Koloneel Hasan Ibraahiim waahilasaa Kaapiteen Imaad Eliyaan Hasan waliin ajjeefaman.
Hojjettootni TV Sudaan osoo injifannoo waraana biyyaalessaarratti gabaasa hojjechaa jiranuu haleellaa diroonii kanana ajjeefamaniiru. Hojjettootni TV Sudaan ajjeefaman gulaalaa qophii, ogeessa kaameraafi konkolaachiisaadha.
Haleellaan diroonii kun kan raawwate loltootni waraana biyyaalessaa masaraa to'achuun sa'aatiiwwan muraasa booda osoo gammachuu ibsachaa jiraniiti.

Madda suuraa, Sudan embassy in Tokyo
Waraanni biyyaalessaa Sudaan lola waggoota lamaa booda masaraa biyyaalessaa deebisee to'atuus RSF (Humni Dafee Qaqqabaa) to'annoosaa dhabe kun waraanichi xumuramuurraa fagoo jira jedhe.
''Goototni humnootni keenya naannoo sana jiru'' kan jedhu ibsi Telegiraamii gubbaa garee kanaan maxxanfame.
Humni Mohaammad Hamdaan dagaaloon durfamu kun haleellaa tasaa masaraa waraanni biyyattii to'ateerratti gaggeesseen loltoota 89 ta'an galaafachuu ibseera.
Konkolaattota waraana biyyattii hedduu mancaasuu ibsuun waraanuu akka itti fufu beeksiseera.

Madda suuraa, AFP
US hidhattoota Huutii kan deeggaree hidhachiisu Iraani jechuun himannaafi akeekkachisa kennaa turteef Gaggeessaaa Olaanaa Iraan kan ta'an Ayaatolaa Kameenii deebii kennan.
Ayaatolaan har'a magaalaa Tehraanirraa ibsa kennaniin hidhattoonni Huutii kaayyoo mataasaaniitiin of danda'anii sochoo'u jechuun dubbachuusanii Rooyitars gabaase.
Pirezidaantin US Doonaald Tiraamp haleellaa hidhattoonni Huutii dooniwwan Galaana Diimaarra imalan irratti raawwataniif Iraan itti gaafatamtuu gochuun wiixata darbe dubbatanii ture.
Iraan Baha Giddu Galeessaa keessatti hidhattoota akka Huutii, Hezbollaa fa'aa wajjiin hidhata jabaa tolfachuun leenjistee bobbaasti jedhamuun hamatamti.
Ayaatolaan dubbiisaanii har'aa keessatti, hidhattoonni Yaman of danda'anii akka socho'an ibsuun kanneen Iraan doorsisuu barbaadu jedhan akeekkachiisaniiru.
"Yaman biyya fedhiifi kayyoo mataashee qabduudha, gareewwan diddaa naannicha keessa jiranis kaayyoo mataasaanii qabu. Iraan qaama isheedhaaf lolu [proxy] hin barbaaddu," jechuun US sodaachisashee akka dhaabdu gaafatan.
"Nama kam waliinuu walitti hin buune ykn lola hin seenne. Garuummoo gochaa hin taane rawwachuu barbaadu yoo jiraate, akka ta'utti kabalama," jedhan Ayaatolaa Kameenii.

Madda suuraa, Getty Images
Magaalonni biyyoota Faransaayifi Beeljiyeem bilisaan lukkuu namootaaf qooduu erga eegalanii bubbulaniiru.
Bara 2015 keessa Ayyaana Faasikaa jala mandara Faransaayi Koolmar jedhamtu keessatti lukkuun biilisaan namootaf qoodamuu jalqabe.
Koolmar qofaa osoo hin taane mandaroota kaaba Faransaayi biroo keessattis lukkuun bilisaan qoodamti.
Kunis faalama nyaataa ittisuuf karoorfamee akka ta'etu himama.
Bara 2015 keessa kantiibaa magaalaa Kolmaar kan turan Jiilbart Meeyar duula filannoo gaggeessan irratti "maatii tokkoof lukkuu tokko" dhaadannoo jedhuun beekamu ture.
Kana gochuunsaanii ammoo jiraattonni naannichaa lukkuu akka horsiisan jajjabbeessuufi.
Filannoo mo'achuun angoo kantiibaa erga qabatanii booda dhaabbilee horsiisa lukkuu waliin dubbachuun lukkuu bilisaan jiraattotaaf qooduu eegalan.
Hanga ammaa jiraattota kanneenif lukkuuwwan 5000 ol bilisaan qoodamaniiru. Marsaan ittaanu ammoo bara kana keessa eegala.
Amma jiraattonni waa lama fayyadamaa jiru - hanqaaquu lukkuun buustuufi nyaata duraan gatamaa qisaasamu nyaata lukkuuf oolchuu.
Lukkuun tokko giddu galeessaan umurii waggaa sadii kan qabdu yoo ta'u, guyyaatti nyaata giraama 150 nyaatti. Bifa kanaan hanga ammaa nyaanni toonin 270 qisaasamarraa akka hafetu himama.
Beeljiyeemittis akkasuma magaalota akka Muskiyoorifi Antiweerp keessatti jiraattotaaf lukkuun bilisaan kennamti.
Garuummoo yeroo fudhatan hanga waggaa lamaatti qalanii akka hin nyaanne mallatteessanii fudhatu.
Waggaa tokko qofaa keessatti mandara Limbuurg jedhamtu keessatti jiraattonni 2,500 ta'an lukkuu bilisaan fudhatanii horsiisuu jalqabaniiru.
Suuta suuta jiraattonni hedduu lukkuu bilisaan fudhatanii horsiisuu amala godhataa jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Buufanni xayyaaraa UK guddichi Hitiroow sababa ibsaan badeef Jimaata guyyaa guutuu balalii akka hin keessummeessine ibsame.
Sababa kanaan balaliiwwan gara buufata xayyaara kanaatti taasifamaniifi achii gara biraatti godhaman 1,351 danqamaniiru.
Baduu ibsaaf sababni wiirtuu anniisaa elekitirikaa naannoo buufata xayyaarichaa jirutti balaan abiddaa mudachuurraa kan ka'eedha.
Har'a qofaa osoo hin taane guyyoota ittaananis balaliiwwan danqamuu akka malan buufanni xayyaarichaa beeksise.
Buufanni xayyaaraa Hiitiroow UK keessatti buufata xayyaaraa idiladdunyaa isa guddaafi balaliiwwan heddu keessummeessuun beekamudha.
Sababa balaa abiddaa wiirtuu anniisaa elektirikaatti mudateef, buufata xayyaarichaa qofa osoo hin taane manneen 5,000 ol ibsaan jalaa addaan citeera.
Tajaajilli ittisaa balaa abiddaa birmannaa taasiseen abiddicha to'annoo jala oolchuun danda'ameera.
Marsariitiin balalii xayyaaraa hordofu, Flightradar24, akka beeksisetti, yeroo buufanni xayyaaraa Hitiroow hojii adda kutuu beeksisu balaliiwwan 120 ta'an buufata xayyaarichaa qubachuuf qilleensarra turan.
Haa ta'u garuu, balaliiwwan kunneen buufata xayyaaraa Barmiingihaam fa'aa akka qubatan taasifamaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu gaggeessaa Tajaajila Nageenyaa Biyyaalessaa Shiin Beet kan ta'e Roonan Baar aangorraa ari'an.
Nataaniyaahun qondaala nageenyaa biyyattii angoorraa kaasuf sababni dhiyeessan "hin amanu" jechuuni.
Gama biraan ammoo haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwate dursee ittisuu hin dandeenye kan jedhuudha.
Netaaniyaahun Dilbata darbe ergaa karaa viidiyoo dabarsaniin qondaala kanaafi gaggeessaa nageenya biyyaalessaa gidduu 'wal-amanuun' xiqqaataa deemuu ibsuun aangorraa kaasuf akka jedhan himan.
Seenaa Israa'el keesssatti gaggeessaan Shiin Beet bara hojiisaa osoo hin fixin ari'amuun kun kan jalqabaati.
Netaaniyaahuun xalayaa miseensota kaabineesaaniif erganiin, Roonan Baar "gahuumsa ogummaa irraa eegamu akka hin qabne" ibsuun lamaansaanii gidduutti wal-amantaanis laaffataa deemuu ibsuun aangoorraa akka kaasan dubbatan.
Shiin Beet ykn Tajaajilli Nageenya Biyyaalessaa, ejansii tikaa dhimma biyya keessaa yoo ta'u, hojiinsaafi miseensonni dhaabichaa icciitii biyyaalessaa hordofu.

Madda suuraa, Getty Images
Hamaas yeroo dheeraa booda rokkeettii Israa'elitti dhukaasuu beeksise. Kunis haleellaa Israa'el Gaazatti eegalte hordofeeti.
Rokkeettiwwan Hamaas dhukaase magaale guddoo Israa'el Tel Aviiv irratti kan xiyyeeffatedha.
Israa'el ammoo rokkeettiwwan sadi Hamaas dhukaase keessaa tokko rukuttee kuffisuufi lama ammoo lafa duwwaatti bu'uu beeksifte.
Israa'el Kibxata darbe haleellaa haaraa Gaazatti eegaluu hordofee ergasii namoonni 591 ajjeefamaniiru. Isaan keessaa 200 ol daa'imman ta'uu ibse Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamaasin to'atamu.
Humni Waraanaa Israa'el ibsa baasen, guyyaa kaleessaa irraa eegaluun Gaazaatti humna lafoonis duula eegaluu beeksiseera.
Waliigalteen waraana dhaabuu ji'a Amajjii keessa waliigalame itti fufuu hin dandeenye. Lamaansaanituu lolli kun deebi'ee ka'uusaaf quba walitti qabu.