Biyyi akka Itoophiyaa ulaawwan galaanaa garagaraatu ishee barbaachisa -MM Abiy

Ministirri Muummee Abiy Ahimad hirmaattota kora Gamtaa Afirkaatiif haasaa taasisanirratti biyya akka Itoophiyaa ummata miliyoona 130 ol qabduuf ulaawwan garaagaraatu ishee barbaachisa jedhan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Biyyi akka Itoophiyaa ulaawwan galaanaa garagaraatu ishee barbaachisa -MM Abiy

    MM Abiy

    Madda suuraa, FBC

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad hirmaattota kora Gamtaa Afirkaatiif haasaa taasisanirratti biyya akka Itoophiyaa ummata miliyoona 130 ol qabduuf ulaawwan garaagaraatu ishee barbaachisa jedhan.

    Akka MM Abiy jedhanitti, guddina walitti fufinsa qabu, akkasumas nageenya amansiisaa mirkaneessuuf Itoophiyaaf ulaan galaanaa barbaachisaadha.

    "Egeree dinagdee fi tasgabbiin waaraa biyyoota Gaanfa Afrikaa akka jiraatu gochuuf" ulaan galaanaa amansiisaa barbaachisaa ta'uu haasaa isaanii kana keessatti ibsaniiru.

    Amma yeroo ce'umsa idil-adunyaarratti kan jedhan MM Abiy Ahimad, waan ta'uuf jedhu sirriitti mirkaneeffachuun bara dhibe kana keessatti jabinni Afrikaa ofitti amanamummaa qabaachuu fi tokkummaan dhaabachuunidha jedhan.

    Itoophiyaan fedhii ulaa galaanaa argachuu irra deddeebiin ibsaa turteetti.

    Kanaan dura MM Abiy ummanni miliyoona 130 "hidjamaa ji'oogiraafii" ta'uu hin qabu jechuun dubbachuun isaanii ni yaadatama.

    MM Abiy Ahimad Itoophiyaaf ulaa galaanaa argachuun "dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti" erga jedhanii booda hariiroon biyya ollaa taate Ertiraa waliin qaban muddama keessa galaa dhufeera.

  2. Yaa'iin 'Italy-Africa' lammaffaan Finfinneetti gaggeeffamuu eegale

    Yaa'ii Xaaliyaaniifi biyyoota Afrikaa

    Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali

    Yaa'iin Xaaliyaaniifi biyyoota Afrikaa inni lammaffaan Itoophiyaafi Xaaliyaan waliin ta'uun Finfinneetti qopheessan waaree booda kana gaggeeffamuu eegale.

    Ministirri Muummee Itoophiyaa haasaa baniinsaa yaa'ii kana irratti godhaniin haiiroo Afrikaafi biyyoota Awurooppaa cimsuuf gahee murteessaa taphata jedhaniiru.

    ''Mariirraa gara tarkaanfii qabatamaatti ce'uuf gahee olaanaa taphata'' jedhan MM Abiy.

    ''Taateen kun walgahiin kun dippiloomasii qofaa utuu hin taane walta'iinsa cimaa xaaliyaaniifi biyyoota Afrikaa gidduu jiru agarsiisa.

    Walta'insi kun mul'ata waloo walkabajuu, ittigaafatamummaa waloofi guddina waaraa irratti kan hundaa'edha.''

    Yaa'iin Xaaliyaaniifi biyyoota Afrikaa kun waggaa lama lamaan kan gaggeeffamu yoo ta'u, kan jalqabaa bara 2024 Roomitti gaggeefame.

    Yaa'iin kun karoora walta'insaa mootummaan Xaaliyaan qopheesserratti hundaa'uun gaggeeffama.

    Yaa'iin kun jala bultii yaa'ii Gamtaa Afrikaarratti gaggeeffamaa jira.

    Dureewwan biyyoota Afrikaa hedduu dabalatee Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Antooniyoo Gutareez argamaniiru.

  3. Imaanu'eel Maakroon guddinni Awurooppaa amma mul'achuu qaba jedhe

    Imaanu'eel Maakroon

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Pireezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon Awurooppaa addunyaa gubbaatti biyya humna qabdu ta'uu yeroon itti mirkaneessitu amma jedhe.

    Chaayinaa, Raashiyaa fi amma ammoo USirraa yaaddoon itti baayyachaa kan dhufe Awurooppaan amma sagalee dammaqsituu itti kenname dhagahuu qabdii jedheera Maakroon.

    ''Humna jabaa ta'uuf qophoofneerraa? kuni damee diinagdee fi maallaqaa keessatti gaaffii guddaadha, ittisaafi tasgabbiirrattis, akkasumas sirna dimookrasii keessatti.''

    Makroon yaa'ii EU Biraaselsitti gaggeeffamerratti ammoo Lakkoofsaan warra hedduu ta'uu keenyas mirkaneessuu qabna jedheera.

  4. Obbo Taayyee Danda'aa maaliif dhaddacharraa hafan?

    Taayyee D
    Ibsa waa'ee suuraa, Taayyee D

    Himatawwan sadii irratti banamee dhimmisaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa kan jiru Obbo Taayyee Danda'aa dhimma harkisaanii kaateenaan hidhamuu walqabatee dhaddachatti osoo hin dhiyaatin hafuu abukaatoonsaanii Obbo Abarraa Nigus BBCtti himan.

    Manni Murtichaa ragaalee viidiyoofi sanadaa Abbaan Alangaa dhiyeesserratti himatamaan yaada barreeffamaa akka dhiyeessu har'atti beellamee akka ture kan himan abukaatichi, ragaalee jedhame qabatanii dhiyaachuu himu.

    Haata'u malee, maamillisaanii Obbo Taayyee Danda'aa mana sirreessaa Abbaa Saamu'eel jedhamuun beekamutti argaman dhimma kaateenaan kan walqabate mana murtiitti akka hindhiyaanne himan.

    Bakka bu'aan mana sirreessichaa dhaddachatti dhiyaatanii sababa Obbo Taayyeen dhaddachatti hindhiyaanneef ibsuusaaniis dubbatan.

    Bakka bu'aan mana sirreessichaa "angawoota olaanoon 'Obbo Taayyee kaateenaan osoo itti hin kaayamiin [mana murtii' akka hin geessine' waan jedhamneef dhiisnee dhufneerra" jechuun mana murichaaf deebii kennuusaaniis himan.

  5. Ameerikaan doonii lammaffaa gara Baha Giddu Galeessaatti erguuf qophaa’aa jirti

    Doonii Ameerikaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonii Ameerikaa

    Miidiyaaleen Ameerikaa akka gabaasanitti, Ameerikaan Iraan waliin waldhabdee uumameef Doonii fe'umsaa guddaa xiyyaarota geejjibsiisu lamaaffaa gara Baha Giddu Galeessaatti akka ergitu himaniiru.

    Gaazexaan Niwu Yoork Taayims akka ibsetti, dooniin xiyyaara fe’an USS Gerald R. Ford fi dooniiwwan biroo Kaaribiyaan irraa gara Baha Giddugaleessaatti erguuf murtaa’uu himan.

    Itti dabaluudhaanis, hojjettoonni doonii kanaa murteen kun isaan beeksifamuu qondaaltonni U.S. afur kanneen ifatti dubbachuuf hayyama waan hin qabneef maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan dubbataniiru.

    Waayit Haawus ykn Peentaagoon dhimma kana ilaalchisee deebii hin kennine.

    Tarkaanfiin kun kan fudhatame yeroo gareen lamaan Waashingitanii fi Tehraan torban darbe sagantaa niwukilaraa Iraan irratti al-kallattiin marii jalqabanitti.

    Haa ta'uu malee Tiraamp Iraan yeroo murtaa'aa baatii tokko hin caallee keessatti gara waligalteetti hin dhufne taanaan tarkaanfii cimaa fudhachuuf akka dirqaman akeekkachisaa jiranittidha.

  6. Raashiyaan Burkinaa Faasoo waliin waliigaltee tumsaa mallatteessite

    Tiraa’oree fi Vilaadmiir Puutiin

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraa’oree fi Vilaadmiir Puutiin

    Burkina Faasoo fi Raashiyaan waliigaltee haaraa tumsa isaanii cimsu mallatteessuu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa Burkina Faasoo beeksise.

    Daawwannaa jilli Burkina Faasoo gara Moskootti taasise hordofuun.ministiroonni dhimma alaa biyyoota lamaanii kan mallatteessan yoo ta'u,waligaltess ''seena qabeessa'' jtaasifnes jedhan.

    Waliigaltichi tumsa tarsiimoo biyyootni lamaan waliin taasisan akka ta'e ibsameera.

    Ministeerri Burkinaa Faasoo akka jedhetti, bu’uurri waligaltee haaraa kanaa bakka bu’ee, dameewwan tumsaa ijoo kan ibsu yoo ta’u, walitti dhiheenya dippilomaasii bara 2022 Pirezidaanti Ibraahim Tiraa’oree fi Vilaadmiir Puutiin jalqaban kan calaqqisiisu ta’uun ibseera.

    Raashiyaan qabsoo farra shororkeessummaa Burkinaa Faasoon taasiftu keessatti deeggarsa barbaachisu hunda kan taasiftu ta'uu ibsite

  7. Maarkoo Ruubiyoo jijjiirama Ji'oopolotikaa ilaalchisee Awurooppaa akeekkachiise

    Maarkoo Ruubiyoo

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo konfirensii nageenyaa Muunikitti gaggeefamu dursee yaada kenneen egeree haaraa uumamuuf deemuuf Awurooppaa akeekkachiise.

    Erga Tiraamp Giriinlaandiin dhuufachuun birmadummaa Deenmaarkitti bu'ee as Ruubiyoon yeroo duraaf jila mootummaa US qabatee konfireensi addunyaarratti hirmaata.

    Pireezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon gama isaan Awurooppaan hirkattummaa US jalaa bahuu qabdii jedhe..

    Barreessaa olaanaan NATO walitti hidhaminsi miseensota gidduu jiru yeroo kamuu caala cimuu qabaa jedheera.

    ''Addunyaan osoodhuma ijaan arginuu saffisaan jijjiiramaa jirti'' kan jedhe Ruubiyoon Awurooppaa keessa jijjiiramni akka jiru hime.

    Ji'oopolotikaa bara addaa keessa jirra, hundi keenyayyuu dhimma kana hubachuu nu barbaachisa, gaheen keenyas maal akka ta'u ilaaluu qabna'' jedhe.

  8. Taphataa duraanii Arsenaal Toomaas Paartee ammas himannaan gudeeddii dabalataa lama irratti baname

    Toomaas Paartee

    Madda suuraa, ge

    Ibsa waa'ee suuraa, Toomaas Paartee

    Taphataan duraanii Arsenaal Toomaas Paartee yakka gudeeddii haaraa lamaan himatame.

    Himanni haaraan amma isa muudate kun erga taphataan ganna 32 Paartee irratti kanaan dura himannaa gudeeddii shan dubartoota lama irratti banam akkasumas himannaa qocolloo saalaa tokko dubartii sadaffaan walumatti himata shan irratti baname haalee booda.

    Amma Parteen yakka saalqunnamtii dubartoota afur irratti raawwateen walumatti himatni torba irratti dhiyaatera jechuudha.

    Himannaan haaraan lamaan kun yakka bara 2020 raawwatame jedhame kan bara darbe baatii Hagayya keessa poolisiitti gabaafame waliin kan walqabatudha.

    Himannaan kun qorannoo haaraa Poolisii gaggeeffame hordofeeti.

    Parteen himannaa haaraa lama irratti dhiyaate kanaaf Bitootessa 13 dhaddacha mana murtii Westminsteri tti ni dhiyaata.

    Taphataan lammii Gaanaa kun himannaa kanaan dura shan irratti banamee erga haalee booda baatii Fulbaanaa keessa mana murtii Saawuzwarki mirga wabii eeggeef.

    Yakkoonni bara darbe himataman kun bara 2021 hanga 2022 gidduutti yeroo inni kilabii kaaba Landan Arsenaal taphachaa ture kan raawwate jedhame.

    Kontiraatni inni Arsenaali qabu xumuramee guyyaa afur booda xumura baatii Waxabajjii himatamni kan irratti baname.

    Himannaan kun qorannoo poolisiin gaggeeffame hordofee kan dhiyaate yoo ta'u, qorannoon kana keessatti gabaasni gudeeddii bira poolisii kan qaqqabe.

    Dhimmi kun murtii Mana Murtii Ol’aanaatti ilaalamuuf beellamni qabameera.

    Toomaas Paartee

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Toomaas Paartee
  9. Astiroonomaroonni afur amma gara hawaatti yeroo ergaman daawwadhaa!

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Watch:Falcon 9 blasts off to International Space Station

    Astiroonomaroonni afur bakka garaa garaa walitti dhufan har'a haala milkaa'aa ta'een gara Buufata Hawaa Idiladdunyaatti ergamaniiru.

    Kanammoo NASAfi SpaceX waliin ta'uun ergan.

    Xiyyaar-samiin SpaceX Dragon jedhamtu Filooriidaa irraa gara samiitti yeroo ergamtu daawwadhaa!

    Waa'ee buufata hawaa idiladdunyaa (ISS) odeeffannoo dabalataaf, kanneen dubbisaa.

  10. Salaaletti tajaajilli bilbilaa fi interneetii torbee tokkoon booda deebi’e

    Nama harkatti bilbila qabatee jiru

    Madda suuraa, LAKRUWAN WANNIARACHCH

    Jimaata darbe waaree boodarraa eegaluun aanaalee Godina Shawaa kaabaa akka Dagam, Kuyyuu, warra Jaarsoo, Dagamii fi Darraatti tajaajilli bilbilaa fi interneetii adda citee ture.

    Jiraattonni tajaajilli kuni kan adda cite mootummaan hidhattoota irratti opireeshinii gaggeessuufi shakkii jedhu ibsanilleen gama mootummaatiin waa’ee adda citiinsaa kanarratti homtuu hin ibsamne ture.

    Tajaajilli kuni adda citee kan ture aanaalee hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo fi Faannoo ofiin jedhan keessa socho’anitti.

    Tajaajilli bilbilaa fi interneetii adda citee kuni torbee kana jalqabarraa eegaluun bakka bakkatti deebi’uu kan eegale yoo ta’u, Kamisa darbe waaree boodarraa kaasee bakka hundattuu guutumatti deebi’eera.

    BBC’ tajaajilli bilbilaa kuni deebi’uu jiraattota aanaalee kunneeniitti bilbiluu fi maddeen amanamoo irraa mirkaneeffateera.

  11. 'Gammachuunkoo inni ammaa isa duraa caale jechuun CAALTUU naan jedhe'

    Caaltuu Mararaa

    Madda suuraa, Caaltuu Mararaa

    Caaltuun ijoolleeshee qofaaf otoo hin taane obboleeyyan isheetiifis akka haadha lammaffaati. Bilisummaadhaan guddatte. Obboleessashee waliin kubbaa miilaa taphatti. Gaafa mo'atanis walumaan dhiichisaa ooltee galti. Akka bubbeeti, bakka tokko hin teessu. As jirti ennaa jedhan achitti mul'atti. Barnootasheetti cimtuu turte.

    Ganna 12tti biddeena tolchuu jalqabde. Obboleeyyanshee akka haadhasaanii lammaffaatti ishee ilaalu. Barnootaafi hojii idilee cinaattis dhaabbilee idil-addunya waliinis hojjetteetti.

    Daa'imman barsiisteetti; manarra deemuunis qo'achiisteetti. Haadha ilmaan lamaati. Yunivarsiitiitti barsiistuuf qorattuudha. Yunivarsiitii Sussex, Institute of Development Studies (IDS) waliin ta'uudhan akka addunyaatti gosa barnoota Development Studies tokkoffaa ta'etti barattee qabxii olaanaan eebbifamte.

    Caaltuun imalashee ijoollummaa hanga har'aatti irra dhufte, mudannoo maqaasheerraa kaasee hanga milkaa'inasheetti jiru BBC waliin haasofteetti.

  12. US dooniishee addunyaarratti guddaa ta'e qarqara galaanaa Venezuweelaarraa gara Baha Giddugaleessatti geessufi

    Doonii waraanaa US

    Madda suuraa, Reuters

    Ameerikaan dooniiwwan xiyyaara waraanaa gurguddoo jiran keessaa isa huda caalaa jabaa ta'ee fi qarqara galaanaa Venezuweelaatti bobbaastee turte akka gara Baha Giddu-galeessaatti socho'u ajajje.

    Akka Asoosheetin Pirees (AP)'n gabaasetti, dooniin waraanaa guddchi USS Jeraard Foord jedhamu kun, "pirezidant Tiraamp Iraan irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu danda'a akkuma jedhameen" dooniin xiyyaarota waraanaa fe'ateeru kun gara Baha Giddugalessatti socho'eera.

    Ameerikaatti michuu BBC kan ta'e CBS aanga'oota Ameerikaa sadii eeruun, "Dooniin Waraanaa Jeeraard Foord fi dooniiwwan gargaaran biroon gara Baha Giddugaleessatti bobba'u jedhamee eegama," jiraachuu mirkaneeffateera.

    Dooniin guddichi baayyee ammayyaawaa ta'e xiyyaarota waraanaa baatu kun gara Baha Giddugaleessaatti yeroo qajeelu doonii waraanaa walfakkaatu biraa Abirahaam Linkan jedhamu torban dura garasitti ergametti makamuun ajaja pirezidant Tiraamp irraa kennamuuf eegu.

    Akka AP'n jedhetti, dooniin waraanaa jeraard Foord amma akka gara Baha Giddugaleessaa deemuuf ajajame kun Onkoloolessa darbe ture galaana Mediteraaniyaan irraa ka'ee Venezuweelaa keessatti haleellaa gaggeessuu dursee Kariibiyaan kan qaqqabe.

    Amma ammoo gara Baha Giddugaleessaa akka deemuuf kan ajajameef mariin Ameerikaafi Iraan taasisaa jiran bu'aan kan hin argamsiisne yoo ta'e tarkaanfii waraanaa Iraan irratti akka fudhatu pirezidant Tiraamp akkuma dubbate dhiibbaa uumuuf jedhamee akka ta'e Barruun Wool Istiriit gabaaseeera.

  13. Dureewwaniifi dippilomaatonni biyyoota garagaraa booda kana maaliif gara Itoophiyaa marmaaruu baay'isan?

    Aanga'oota biyyoota gara garaa

    Madda suuraa, BBC/Gettyimages

    Torbanoota muraasa darban dureewwan Awurooppaa, Eeshiyaa, Ameerikaafi biyyoota Arabaa gara Itoophiyaa imaluun daawwataniiru, daawwataas jiru.

    Dhihoo Ministirri Dhimma Alaa Sa'udi Arabiyaa gara Itoophiyaa imaluun Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin mari'ataniiru.

    Torban dhufummoo Pirezidantiin Turkii Raasiph Xayyib Erdohaan, kan biyyi isaanii Gaanfa Afrikaatti sochiin isheee cimaa jiru, Itoophiyaa akka daawwatan eegama.

    Giddugala Bahaattis sochiiwwan fedhii biyyaalessaaf akeekan adeemaa jiru.

    Daawwannannaa dureewwan kanaa yeroo Kaaba Itoophiyaatti akkasumas Ertiraafi Itoophiyaa gidduutti waraanni ka'uu mala sodaan jedhu hammaatettiifi waraana Sudaan keessa giddu seentummaan yeroo ijoo dubbii ta'eetti mudate.

    Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaas akka itti fufeetti jira; Hidha Abbayyaarrattis gaaffiin Masriin kaaftu gudunfaa hin arganne.

    Kanaaf, gaggeessitoonni kunneen wal-duraa duuban gara Itoophiyaa deddeebi'uun isaanii Itoophiyaan waliin hariiroo cimsuumoo Itoophiyaan haala Kaaba Itoophiyaa keessa jiru akka tasgabbeettu dhiibbaa gochuudha? Muddama Gaanfa Afrikaatti dhalateef maal akeeka? kan jedhu iyyaafanneera.

    Dr Bizunaa Yimanuu, Yunivarsitii Kuwiin Belfaast, UK argamutti barsiisaa yoo ta'an, Dhimma Gaanfa Afrikaa itti dhiheenyaan hordofu, xiinxaluus.

  14. Itti-aanaan ministira dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa pirezidantii Ertiraa waliin mariyatan

    Itti-aanaan ministira dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa Waalid Abdulkariim Al Kariij pirezidantii Ertiraa Isaayyas Afawarqii fi ministira dhimma alaa Ertiraa Osmaan Saalaah waliin

    Madda suuraa, MOI

    Itti-aanaan ministira dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa Waalid Abdulkariim Al Kariij pirezidantii Ertiraa Isaayyas Afawarqii fi ministira dhimma alaa Ertiraa Osmaan Saalaah waliin mariyatan.

    Ministeerri odeeffannoo Ertiraa fuula X isaarratti akka beeksisetti,Itti-aanaan ministira dhimma alaa Saawudii Arabiyaa pirezidantii Ertiraa waliin kan wal argan Kamisa Guraandhala 12, 2026 ture.

    Itti-aanaan ministira dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa fi pirezidant Isaayyaas yeroo wal arganitti michummaa biyyoonni lamaan qabanii fi wal tumsuu cimsachuurratti akka dubbatan ibsameera.

    Dabalataan jilli Sa'ud Arabiyaa kun pirezidantii Ertiraa waliin waa'ee naannichaafi dhimmoota idil-addunyaas waliin dubbachuun isaanii gabaafameera.

    Walakeessa torban kanaa ministirri dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa Ilmi Mootii Faayisal Biin faahaan gara Itoophiyaa dhufanii ministira muummee Abiy Ahmad waliin Finfinneetti dhimmoota biyyoota lamaaniifi naanichaarratti mariyachuun isaanii ni yaadtama.

    Aanga'oonni olaanoo ministeera dhimma alaa Sa'ud Rabiyaa biyyoota lamaan kan daawwatan yeroo Itoophiyaafi Ertiraan deebiyanii walitti bu'iinsa keessa galuu malu sodaan jedhu cimee jiruttidha.

    Pirezidantiin Ertiraa fi itti-aanaan minisstira dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa gahee biyyoonni biyyoonni naannawaa Galaana diimaa jiran nageenyaafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuu keessatti qabanirratti akka mariyatan ministirri beeksisaa Ertiraa kun beeksiseera.

    Jalqaba ji'a kanaarra Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiwoos gara Sa'udi imaluun gita isaanii waliin marii taasisuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibseera.

  15. 'Mucaan koo jaallatamtuun akkamiin ofirratti murteessite?' - Abbaa intala dhiibbaa TikTok'n of ajjeestee

    Fiyooreellaa fi abbaa ishee Nabiyyuu Saamu'eel Faranj

    Madda suuraa, Nebyu Samuel

    *Akeekkachiisa: Seenaan kun of ajjeesuu dabalatee qabiyyee nama rifaasisu of keessaa qaba.

    Fiyooreellaan intalaa umuriin ishee waggaa 13 turedha.

    Guyyaa dhalootaashee ishee Amajji 4 kabajattuuuf qophiin xumurameera. Ameerikaatti akka kabajamu ture kan karoorfame.

    Guyyaa dhalootashee obboleessaafi obboleettiishee waliin gara Yunaayitid Isteetisitti imaluuf qophiirraa turtetti. Tikkeettiin balalii muramee qophaa'eera.

    Guyyaan dhalootaashee kabajamuuf torbanoonni torba yeroo hafanitti Fiiyooreellaan of ajjeeste.

    Abbaan ishee Nabiyyuu Saamu'eeel Faranji, "gama kiyyaan mallattoo tokkollee hin arginen ture," jedha.

    "Kun dhufaa akka jiru namni natti hime hin turre.

    Kun seenaa Fiyooreellaati; seenaa jaalalaa, dhukkuba hin mul'annee, kan haleellaa, akkasumas rakkoo hamaa dabalaa dhufeeti.

  16. Keeniyaan waggaa 15 booda daangaa Somaaliyaa waliin qabdu banuufi

    Loltoota Keeniyaa

    Madda suuraa, Washington Post via Getty Images

    Daangaan Keeniyaan Somaaliyaa waliin qabdu waggoota 15 booda Ebla dhufu akka banamu Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo beeksisan.

    Biyyattiin daangaa Somaaliyaa waliin qabdu waggootaaf kan cufte haleellaa gareen al-Shabaab gaggeessaa tureen ta’uutu ibsame.

    Al-Shabaab Somaaliyaa keessa buufachuun yeroo garaa garaatti haleellaa gurguddaa Keeniyaa irratti gaggeessaa ture.

    Bara 2013 haleellaa giddu gala daldalaa magaalaa Naayiroobii keessatti argamurratti gaggeeffameen namoonni 67 ajjeefamuunsaanii ni yaadatama.

    Waggaa lama booda ammoo haleellaa al-Shabaab Yuunivarsiitii Gariisaa irratti gaggeesseen namoonni 148 du’anii turan. Kanarraa ka’uun Keeniyaan daangaa Somaaliyaa waliin qabdu waggootaaf erga cuftee booda ji’a Eblaa irraa kaasee akka banamu beeksifteetti.

    Pirezidaant daangaa cufamee ture deebisanii banuuf kan murteessan haalli nageenyaa daangarra jiru erga xiinxalameen booda akka ta’e ibsan. Sochiin namootaa nageenya yaaddoo keessa galchu akka hin jiraanneef humni nageenyaa guddaan akka bobba’us ibsan Pirezidaant Wiiliyaam Ruutoo.

    Daangaan akka banamu Pirezidaant Ruutoon kan beeksisan maagaalaa daangaa Somaaliyaatti argamtu Mandeeraa, kan hawaasni Somaalee heddumminaan keessa jiraatan, daawwachuuf karoora akka qaban yeroo beeksisanitti.

    “Sababa daangaan karaa Mandeeraa yeroo dheeraaf cufameef lammiileen Keeniyaa Mandeeraa keessa jiraatan maatiifi firoota isaanii biyya ollaa Somaaliyaa keessa jiraatan irraa adda citanii hafuun fudhatama hin qabu,” jechuun fuula X irratti barreessan.

  17. Iraan ijaarsa lafa jalaa naannoo nukilaraa jiru cimsaa akka jirtu suuraan saatalaayitii mul'ise

    Lafa nuukilara Iraan

    Akka xiinxalli suuraawwan saatalaayitiirraa argamu mul'isutti, Iraan ijaarsa lafa jalaa naannoo bakka nukilaraashee keessaa tokko ta’etti cimsaa jirti.

    Sochiin kun kan mul'ate yeroo muddamni Iraan fi Yunaayitid Isteetis gidduutti dalate cimee itti fufettidha.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp, Iraan sagantaa nukilaraa isheerratti waliigaltee haaraa tokkorra hin geessu taanaan tarkaanfii waraanaa haaraa hamaa ta'e irratti fudhatama jechuun akeekkachiisaa jira.

    Suurwwawwan jalqabaa dhaabbata US keessa jiru Institute for Science and International Security (ISIS) jedhame akka ilaaletti, ulaan bakka gabbisa nukilaraa Mount Kolang Gaz La - kan maqaa Pickaxe Mountain jedhamuunis beekamu jajjabeeffamaa jiraacuu agarsiisa.

    Ekispertoonni buufanni kun hojiiwwan gabbisa Yuraaniyeemii Iraaniif ykn eeshaalee barbaachisaa ta'eef eegusma gochuuf jedhu, garuu kaayyoon isaa sirriin ifa miti.

  18. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Toora oduu kallattiin isin biraan ittiin geenyu jalqabneerra.

    Karaa Marsariitii, WhatsApp, Facebook fi YouTube keenyarraas odeeffannoo hedduu argattu

    Nu hordofaa.