Biyyi akka Itoophiyaa ulaawwan galaanaa garagaraatu ishee barbaachisa -MM Abiy

Madda suuraa, FBC
Ministirri Muummee Abiy Ahimad hirmaattota kora Gamtaa Afirkaatiif haasaa taasisanirratti biyya akka Itoophiyaa ummata miliyoona 130 ol qabduuf ulaawwan garaagaraatu ishee barbaachisa jedhan.
Akka MM Abiy jedhanitti, guddina walitti fufinsa qabu, akkasumas nageenya amansiisaa mirkaneessuuf Itoophiyaaf ulaan galaanaa barbaachisaadha.
"Egeree dinagdee fi tasgabbiin waaraa biyyoota Gaanfa Afrikaa akka jiraatu gochuuf" ulaan galaanaa amansiisaa barbaachisaa ta'uu haasaa isaanii kana keessatti ibsaniiru.
Amma yeroo ce'umsa idil-adunyaarratti kan jedhan MM Abiy Ahimad, waan ta'uuf jedhu sirriitti mirkaneeffachuun bara dhibe kana keessatti jabinni Afrikaa ofitti amanamummaa qabaachuu fi tokkummaan dhaabachuunidha jedhan.
Itoophiyaan fedhii ulaa galaanaa argachuu irra deddeebiin ibsaa turteetti.
Kanaan dura MM Abiy ummanni miliyoona 130 "hidjamaa ji'oogiraafii" ta'uu hin qabu jechuun dubbachuun isaanii ni yaadatama.
MM Abiy Ahimad Itoophiyaaf ulaa galaanaa argachuun "dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti" erga jedhanii booda hariiroon biyya ollaa taate Ertiraa waliin qaban muddama keessa galaa dhufeera.
















