TPLF yaa'iin Gamtaa Afrikaa muddama Tigraayiif xiyyeeffannoo akka kennu gaafate

Madda suuraa, Reuters
Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) yaa'iin Gamtaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamu muddama naannoo Tigraay keessatti hammaachaa jiruuf fala akka kaahu waamicha dhiyeesse.
Dhaabni kun xalayaa Guraandhala 12 dura taa'aa Gamtaa Afrikaa fi miseensota gamtichaaf barreesseen yaa'iin gaggeeffamu waliigalteen Piriitooriyaa atattamaafi akka ta'utti akka hojiirra oolu waamicha akka dhiyeessu gaafate.
Waamichi kun kan dhagaahame wayita Kaaba Itoophiyaatti waraanni deebi'ee ka'a yaaddoon jedhu dabalettidha.
TPLF amma dura mootummaan Federaalaa waraana hamaa kan biraa eegaluuf naannicha keessa waraana guddaa sochoosaa jira jechuun himatee ture.
Mootummaan Itoophiyaa himannaa TPLF kanaaf ammatti deebii hin laanne.
TPLF xalayaa isaa alanaa kanaan waraanni Kaaba Itoophiyaa waliigaltee Piritooriyaa kan Gamtaan Afrikaa hoogganeen goolabamuu yaadachuun waliigaltichi akka ta'utti akka raawwatamu dhiibbaa akka godhu gaafate.










