Meeshaaleen waraanaa Masriin duula Somaaliyaaf bobbaafte ifa ta'e

Akka suuraan fuula miidiyaa hawaasaa Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Somaaliyaa irratti maxxanfame agarsiisutti, gosti konkolaataa lolaa humnoonni Masrii Ergama Nagaa Eegduu Somaalee keessatti itti fayyadaman ifa ta’eera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. TPLF yaa'iin Gamtaa Afrikaa muddama Tigraayiif xiyyeeffannoo akka kennu gaafate

    Haogganaa Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay Debratsiyoon

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Haogganaa Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay Debratsiyoon G

    Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) yaa'iin Gamtaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamu muddama naannoo Tigraay keessatti hammaachaa jiruuf fala akka kaahu waamicha dhiyeesse.

    Dhaabni kun xalayaa Guraandhala 12 dura taa'aa Gamtaa Afrikaa fi miseensota gamtichaaf barreesseen yaa'iin gaggeeffamu waliigalteen Piriitooriyaa atattamaafi akka ta'utti akka hojiirra oolu waamicha akka dhiyeessu gaafate.

    Waamichi kun kan dhagaahame wayita Kaaba Itoophiyaatti waraanni deebi'ee ka'a yaaddoon jedhu dabalettidha.

    TPLF amma dura mootummaan Federaalaa waraana hamaa kan biraa eegaluuf naannicha keessa waraana guddaa sochoosaa jira jechuun himatee ture.

    Mootummaan Itoophiyaa himannaa TPLF kanaaf ammatti deebii hin laanne.

    TPLF xalayaa isaa alanaa kanaan waraanni Kaaba Itoophiyaa waliigaltee Piritooriyaa kan Gamtaan Afrikaa hoogganeen goolabamuu yaadachuun waliigaltichi akka ta'utti akka raawwatamu dhiibbaa akka godhu gaafate.

  2. Waa'ee meeshaalee waraanaa humnoonni Masrii Somaaliyaa galchan waan beeknu

    Meshaalee Waraanaa humnoota Masrii

    Madda suuraa, Raayyaa Ittisa Biyyaa Somaaliyaa

    Ibsa waa'ee suuraa, Meshaalee Waraanaa humnoota Masrii

    Akka suuraan fuula miidiyaa hawaasaa Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Somaaliyaa irratti maxxanfame agarsiisutti, gosti konkolaataa lolaa humnoonni Masrii Ergama Nagaa Eegduu Somaalee keessatti itti fayyadaman ifa ta’eera.

    Kunis imala preezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud gara Masrii taasisaniin booda, sagantaa loltoota fi gosoota konkolaattota isaan itti fayyadaman agarsiisan irratti hirmaatan.

    Gabaasni kun akka ibsetti Hirmaannaan Masrii ergama nagaa eegsisuu Somaaliyaa keessatti kan jalqabaati.

    Gosti konkolaattota asxaa Gamtaa Afrikaa ofirraa qabu kun gosa konkolaattota waraannaa MRAP jedhaman kan yeroo waraana Iraaq fi Afgaanistaan ​​keessatti waraana irratti hirmaataa turaniiti.

    Waraana Ameerikaa, Iraaq, fi biyyoota birootiin kanneen dhimma itti bahameedha.

    Kana malees gosoti xiyyaaraa viidiyoo kana keessatti mul'ate tokko Embraer A-29 Super Tucano jedhamu yoo ta'u, xiyyaara waraanaa leenjii balaliistota waraanaatiifis ooludha.

    Dhaabbata Biraazil Embraer jedhamu kan oomishame yoo ta'u, biyyoota Afrikaa hedduu fi gariin Eeshiyaa fi Ameerikaa keessatti itti fayyadamama.

    Kana malees gosti helikooptara Mil Mi-24 Raashiyaa haleellaa raawachuuf oolu kanneen agarsiifaman keessati.

    Qaama Ergama Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa kan ta’an humnoonni Masrii akka bobbaafaman eyyamamuun waldhabdee naannoo Gaanfa Afrikaatti uumame irratti falmii uumuun isaanii ni yaadatama.

    Xiyyaara Mil Mi-24

    Madda suuraa, Raayyaa Ittisa Biyyaa Somaaliyaa

    Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara Mil Mi-24
  3. Soorata warqee qopheessuun maaliif amma salphaa ta'e?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Nyaatni qooccoo yookiin warqeen bakkeewwan kibbaaf kibba lixa Itoophiyaa keessatti haalaan jaalatamaadha.

    Haa ta'u malee, qophiin isaa yeroo dheeraa fudhata. Haadholiifis baay'ee dadhabsiisaadha.

    Maashiniin haaraa Yunivarsitii Arbaa Minciin kalaqame garuu furmaata guddaa fideera. Daawwadhaa.

  4. Dooniin waraanaa Turkii maalif gara Somaaliyatti bobbaafamte?

    Dooniin waraanaa Turkii

    Madda suuraa, ge

    Ibsa waa'ee suuraa, Dooniin waraanaa Turkii

    Ankaaraan doonii waraanaa ishee kaleessa gara Somaaliyaatti ergiteerti. Akka gabasaaleen jedhanitti Turkiin gaanfaa Afrikaa keessumaa ammoo Somaaliyaa keessatti buufata waraanaa ishee babal’isuuf kayyeffatterti.

    Haaluma kanaanis dooniin waraanaa Turkii kaleessa buufata doonii Moqaadishoo seenterti.

    Gabaasni Dhaabbata oduu biyyattii Sonna irraa bahe akka jedhutti kun kan ta'e yeroo kaaba baha Somaaliyaa naannoo Sanag jedhamutti buufataa waraana galaanaa hundeessuuf karoorri qophaa'aa jirutti.

    Hogganaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Somaaliyaa simannaa taasisaniiru.

    Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti gara fuulduraatti dooniiwwan Turkii hedduun wal hordofanii gara Somaaliyaa akka dhufan eegama.

    Sonnaan akka ibsetti, dooniiwwan kunneen qaamaa tattaaffii Somaaliyaa cimsuu, leenjii fi humna galaanaa ishee deeggaruti.

    Akkasumas nageenya daangaa biyyattii fi daandii dooniwwanii fooyyeessuuf taasiftu keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

    Torban darbe keessa xiyyaaronni waraanaa Turkii F-16 Somaaliyaatti bobbaafamuun gabaafamaa ture.

    Somaaliyaan Turkii fi Sa’uudii dabalatee biyyoota Musliimaa waliin hariiroo waraanaa, diinagdee fi dippilomaasii cimsuu itti fufteetti.

    Kunis kan ta’e Israa’el baatii Muddee darbe Somaalilaandii akka mootummaa walabaatti erga beekamtii kennitee booda yoo ta’u, tarkaanfiin kun waldhabdee dippilomaasii Somaaliyaa fi Yunaayitid Arab Emireet gidduu jiru daran hammeessaa jira.

  5. Raashiyaan WhatsAppii fi Telegraamii biyyattii keessaa ugguruufi

    Raashiyaanwhatsappii fi Telegramii ugguruun appii mootummaan deeggaramu Max beeksisuuf yaalaa jirti jedhame

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Raashiyaan Whatsaappii fi Telegiramii ugguruun aappii mootummaan deeggaramu Max beeksisuuf yaalaa jirti jedhame

    Raashiyaan WhatsAppii fi Telegraamiin akka ugguramu ajajjee jirti.

    Raashiyaan Whatsappii fi Telegramii ugguruun appii mootummaan deeggaramu Max beeksisuuf yaalaa jirti jedhame.

    Qabeenya Meetaa kan ta'e WhatsApp akka jedhetti, tarkaanfiin Raashiyaa kun fayyadamtoota appii kanaa Raashiyaa keessa jiran miiliyoona 100 ol gara ''appii mootummaan hordofamutti geessuuf kan akeekedha.''

    WhatsApp akka jedhetti, Raashiyaan appii kana ugguruuf yaaltee jirti, tarkaanfiin kun tarkaanfii Telegram irratti tarkaanfii fudhatame hordofee, akkasumas appii mootummaan deeggaramu Max beeksisuuf yaalte

    Dubbi-himaan Kiremliin Dimitrii Peskoov BBC'tti akka himanitti, murteen kun kan murtaa'e ''[Meta'n] seeraa fi haalduree Raashiyaan keesse eeguuf fedhii dhabuu irraa kan ka'e'' jedhan.

    Meetaan "[seera] kabajee marii keessa yoo seene" hojii isaa deebisee jalqabuu akka danda'u dubbatan.

    Lammiilee Raashiyaa appii mootummaan qopheesse akka fayyadaman dirqisiisuufi yaalaa jiraachuu gaafatamanii, Peskov '' kun fedhii biyyoolessaa biyyattiiti'' jedhan.

    Dhaabbanni intarneetii Raashiyaa Roskomnadzor torban kana akka jedhetti, sababa nageenyaa jechuun, appii Telegramillee daangessuuf jira.

    Telegiraamiin Raashiyaa keessatti jaalatamummaa guddaa kan qabu yoo ta'u, humnoota ishee Yukireen keessatti bal'inaan akka itti fayyadaman himama.

    Raashiyaan WhatsApp fi Telegram lamaan isaaniiyyuu akkaataa seeraan barbaadamuun daataa fayyadamtoota Raashiyaa biyyattii keessatti kuusuu akka didan cimsitee dubbatteetti.

    Akka WhatsApp gabaasetti, dhaabbatichi daangeffamni kaa'amee jiraatus namoonni appii kana biyyattii keessatti akka itti fufaniif waan danda'amu hunda gochaa jiraachi eerera.

  6. Iraan irratti haleellaan raawwatamnaan Galoon Hormuuz akka cufamu aanga'aan tokko akeekkachiise

    Galoo Hormuuz

    Madda suuraa, Gallo Images

    Iraan irratti haleellaan kan raawwatamu taanaan ulaan boba'aan biyyoota Galoo Galaanaa keessatti omishamni ittii darbu Galoo Hormuuz akka cufamu aanga'aan olaanaa Iraan tokko akeekkachiise.

    Barreessaan olaanaan hariiroo alaa Iraan Jaalal Degaanii Fiiruzabaadii akka jedhetti, "naannicha keessatti waraanni kan ka'u taanaan, dhiyeessiin boba'aa fi Gaazii naannichaa balaa keessa gala, Galoon Hormuuz ni cufama."jedhan.

    Sababa kanaan, "biyyi jalqaba miidhamtuu taatu Chaayinaadha; kanaan mariin kun Chaayinaaf barbaachisaadha. Raashiyaas taanaan waraanicha mormuun akka hin mudanne yaalaa jirti natti fakkaata," jechuun dubbatan

    Marii toorban darbe gaggeffameen Iraaniifi Ameerikaan ammallee gara marii murteessaa ta'etti galu baatanis, "Ameerikaan mariif hayyamamtuu waan taateef" Iraaniif injifannoodha jedheera.

    Itti dabaluun, Ameerikaan sagantaa nukilaraa Iraan "waraanaan furmaata akka hin qabne" hubattee gara marii fi dippilomaasiitti akka dhufte eereera.

    Marii duraan ture ilaalchisee, "qaamoleen lamaan ejjennoo isaanii fi dhimmoota mariif hin dhiyeessinu jedhan beeksisaniiru. Isaan booda gaga biyyasaaniitti deebiyanii mariin itti fufa kan jedhu murteessu," jedheera.

  7. Waraanni US Baha Giddu-galeessaa bobbiif qophaa'aa jiraachuu suuraawwan agarsiisan

    helikooptara Apache AH-64

    Madda suuraa, Waraana Ameerikaa

    Ibsa waa'ee suuraa, Helikooptara Apache AH-64

    Humni waraanaa Ameerikaa Baha Giddugaleessaatti bobbii barbaachisaa ta'uu danda'uuf qophaa'aa jiraachuu suuraawwan agarsiise.

    Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) suuraawwan haaraa helikooptaroota haleellaa raawwatan AH-64 Apache jedhamanii fi humnoota gara Baha Giddugaleessaa keessatti socho’an agarsiisan mul'iseera.

    CENTCOM marsariitii isaa X irratti akka barreessetti, "Xiyyaaronni haleellaa dhiheenya kana bakka shororkeessummaa Siiriyaa keessatti raawwatame dabalatee baha giddu galeessaa keessatti ergama adda addaa raawwachuuf kan oolaniidha.

    Akka Waraanni Ameerikaa jedhutti, "xiyyaaronni kun humnoota lafootiif deeggarsa qilleensaarraan dhiyeenyaatti kennuu kan danda'an yoo ta'u, misaa'ela fageenya dheeraa fayyadamuun dandeettii rukutuu baayyee ol'aanaa ta'e kan kennu."ta'uusibseera.

  8. Indooneeshiyaan loltoota 8,000 ta'an Gaazatti bobbaasuufi

    Doonaald Tiraamp fi Pirezidaantii Indoneeshiyaa Pirabowoo Subiyaantoo

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Indooneeshiyaan loltoota hanga 8,000 ta'an Gaazatti bobbaasuuf qophiitti akka jirtu beeksifte. Akkaataa waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa marsaa lammataan humni nagaa kabachiisaa biyyoota garaa garaa irraa walitti babahe Gaazatti nagaa kan kabachiisu ta'a.

    Indooneeshiyaan biyyoota humna gumaachaan kan jalqabaa taatee jirti.

    Ajajaa waliigalaa humna waraana Indooneeshiyaa kan ta'an Jeneraal Maruulii Simaanjuuntaak loltoota Gaazatti bobba'u jedhameef leenjiin kennamuu akka eegale ibsan.

    Loltoonni kunneen Gaazatti gaafa bobba'an hojii deeggarsa meedikaalaafi injinaringii irratti akka xiyyeeffatanis ibsan ajajaan waraana biyyattii.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu waraana Gaazaa kan milkaa'e giddu seentummaa bulchiinsa Tiraampiin yoo ta'u, biyyoonni humna gumaachuun Gaazaatti nagaa kabachiisuu keessatti akka hirmataniifis yaada kan dhiyeesse bulchiinsuma Tiraamp.

    Indooneeshiyaan humna waraanaa gumaachuun alatti, dhaabbata Tiraamp hundeesse Boordii Nagaa keessattis warreen jalqaba miseensa ta'an keessaati.

  9. Dhukaasa Kaanaadaatti nama saddeet ajjeesseen shakkamaan nama ganna 18 tahuu adda bahe

    Biriitish Kolombiyaatti

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhukaasa bulchiinsa Kaanaadaa Biriitish Kolombiyaatti nama saddeet ajjeesee danuu madeessuun namni shakkame dargaggoo ganna 18 tahuun adda baafame.

    Akka poolisiin jedhutti Jees Van Ruutselaar ofitti dhukaasee, of madeessuun booda iddooma haleellaan kuni raawwateetti du'e. Ka'umsi haleellaa kanaa ammallee adda hin baane.

    Mana barumsaa Tambilar Riij jedhamutti ja'a ajjeefamanii 25 ammoo madda'aniiru, haati shakkamaa kanaa namni ganna 39 fi obboleessi mucaan ganna 11 mana naannoo jiru keessatti du'anii argaman.

    Akka qondaaloti jedhanitti Vaan Ruustar nama dhiira tahee dhalatee gara dubartiitti geeddarte.

    Dargaggoon kuni manatti erga dhukaasa baneen booda gara mana barumsaa deemuun irra deebiyuu Koomishinarri ittaanaa naannichaa Diwaayeen Maakdoonaals himan.

    Poolisoonni qaamni biraa ajjeechaa kana keessaa harka qaba jedhanii hin yaadan.

  10. Tiraamp mariin dhimma nukilaraa Iraan waliin taasifamu akka itti fufu Netaaniyaahuuf ibse

    Netaaniyaahuu fi Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidant Tiraamp mariin dhimma nukilaraa Iraan waliin gaggeeffamu akka itti fufu Ministira Muummee Israa’el Beeniyaamiin Netaaniyahuuf ibsuu beeksise.

    Iraan waliigalteerra hin geessu taanaan garuu tarkaanfii akka fudhatu akeekkchiiseera.

    Tiraamp fi Netaaniyaahuun kaleessa yeroo Waayit Hawustti walga’anitti waa’ee Baha Giddu-Galeessaa muddamni itti baayyatee mariyataniiru.

    Sagantaan meeshaan waraanaa nukilaraa Iraan ajandawwan marii isaanii keessaa tokkodha.

    Tiramp, Iraan Yuraaniyeemii gabbisuu akka dhaabduu, sagantaa balaastik misaa’eliishees akka dhiistuufi hidhattoota warra akka Hamaas fi Hezboollaa deeggaruu akka dhaabduuf dhiibbaa akka taasisu Netaaniyaahuun fedhuun isaa ibsameera.

    Iraan ammo sagantaa nukilaraa ishee daangessuudhaaf qophii ta’uu ishee beeksifteetti. Deebii isaa ammo qoqqobbiiwwan isheerra kaa’aman akka irraa kaafamaniif gaafatteetti.

    Iraan haaldureewwan kaa’aman biroo garuu akka hin fudhanne beeksifteetti.

    Osoo Tiraamp fi Netaaniyaahuun wal hin argiin dura Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan biyyisaa marii marsaa lamaffaa Ameerikaa waliin taasisturratti “gaaffii daangaa darbe hin fudhattu” jedheera.

    Pirezidaantichi haaldureewwan gama Ameerikaarraa dhiyaataa jirus qeeqeera.

    Erga Tiraamp aangoo qabatee booda Netaaniyaahuun Waashingiten yeroo daawwatu kun si’a ja’affaadha.

    Kun ammoo daawwannaa bulchaan biyya kamiiyyu Ameerikaatti taasise caala.

    Hoggantoonni lamaan marii saatii sadii erga taasisanii booda Tiraamp ibsa hin kennine.

    Miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti garuu mariin ture ‘baayyee gaariidha” jedheera.

    “Murtee kamirrayyu hin geenye. Iraan waliin mariin itti fufuu qaba kan jedhu xiyyeeffannaa itti kennee dubbadheera,” jechuun ibseera.

  11. Misaa’eliin Iraan Israa’el qofa miti Awurooppaas ni sodaachisa – Jarmanii

    Ministira dhimma alaa Jarmanii

    Madda suuraa, Afp via getty

    Ministirri Dhimmaa Jarmanii sagantaa gabbisa nukilaraa fi misaa’elii Tehraan ilaalchisee furmaata karaa dippilomaasii Yunaayitid Isteetiisiifi Iraan gidduu yaalamaa jirtu biyyisaanii akka cimsiteee deeggartu himan.

    Johaan Waadful, walga'ii ministiroota dhimma alaa biyyoota Eeshiyaa Berliin keessatti gaggeeffamaa jiru cinaatti dubbii dubbateen, "sagantaa nukilaraa isheetti dabalataan, sagantaan balastik misaa'elii Iraab Israa'el fi Awuroppaaf sodaahda," jedhe.

    "Dhimmi kun xiyyeeffannoon itti kennamee falli barbaadamee furmaanni akka argamuuf fedhii keenyadha," jechuun cimsee dubbate.

    Torbanoota dhiyoo asitti, Jarmaniin biyyoota Awurooppaa keessaa waa'ee mormitoota Iraan keessatti ajjeefamaniirratti ejjennoo cimaa qabachuun ifatti dubbachaa jirti.

  12. ASHAMAA!

    Odeeffannoo toora kallattiin isin biraan gahuu jalqabneerra.

    Karaa Marsariitii,WhatsApp, Facebook fi YouTube keenyarraas odeeffannoo hedduu argattu.

    Nu hordofaa!