Iraan "tarkanfii cimaatu" eeggata jechuun Pirezidant Tiramp akeekkachiisan

Tiraamp Iraan hatattamaan Ameerikaa waliin waliigalteerra gahuu baannaan "tarkaanfii baayyee hamaa ta'utu" ishee eeggata jechuun dubbate.

Guduunfaa

  • Kanaadaatti haleellaa mana barumsaa fi mana jireenyaarratti raawwatameen lubbuun darbe
  • Maanchistar Yunaayitid hin mo'anne, deeggaraan isaas rifeensa isaa hin muratin hafe
  • Poolisiin Awustiraaliyaa namoota Pirezdantii Israa'el morman irratti tarkaanfii fudhate sirriidha jechuun falme
  • Liibiyaatti bidiruun galaanatti dhidhimuun lubbuun godaantota 53 darbe
  • Magaalaa Niwu Yoorkitti sababa qorra hamaan lubbuun namoota 18 darbe
  • Tiraamp riqichi US fi Kanaadaa walquunnamsiisu akka deebi'ee hin bbc.com/afaanoromoobanamne doorsisa dhiheesse
  • Marsariitii, WhatsApp, Facebook fi YouTube keenyarraas odeeffannoo hedduu argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Obonbolleettii hamaa Maadaagaasgaar rukuteen yoo xinnaate namoonni 20 du'an

    Baaxiin manneen 90 obonbolleettii kanaan buqqa'e

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Baaxiin manneen 90 obonbolleettii kanaan buqqa'e

    Obonbolleettii hamaa biyya kibba Afrikaa taate oddola Maadaagaasgaar rukuteen namoonni 20 ta'an du'uu isaanii abbaan taayitaa dhimmoota balaa biyyattii beeksise.

    Waajjirri ittisa balaa Maadagaaskaar akka jedhetti, obonbolleettiin kun manneen jijjigsuun, mukkeen buqqisuu fi sararawwan elektrikii cicciruun balaa guddaa geessisera.

    Gizzaanii moggaasi jedhamu kan kennameef obonbolleettiin kun magaalaa buufataa ijoo Maadagaaskaar Tomaasiinaa jedhamtu Kibxata wayita rukuttetti namoonni manni irratti jigee kan dhuman.

    Waajjirri ittisa balaa Maadaagaaskaar "gaaga'ama guddaatu" gahe jedhe. Manneen jijjigan keessaa akka reeffi guurame ibse.

    Sababa sararri ibsaa cicciteef qe'een hedduun dukkanaan dhuunfatamuu ibse

    Obonbolleettii hamaan akkanaa magaalaa tanatti mudatee hin beeku jedha raagni obonbolleettii CMRS kan eddoolawwan ollaa Maadagaaskaar Firaansi Yuniyeen Ayislaand miidiyaan AFP wabeeffate.

    Balaa kanaan kan dhuman malees hedduun miidhamuun himame. Uummanni kuma 400 kan keessa jiraatu magaalaan kun manneen ishee keessa jiran keessa 90% baaxiin isaanii buqqa'era.

    Balaan kun ji'a keessatti si'a lama mudate. Balaa duraatiin namoonni 14 yoo du'an, kuma 31 kan ta'an buqqa'anii turuu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksise

  2. MM Abiyi Ahmad ministira dhimma alaa Saa'ud Arabiyaa waliin mari'atan

    MM Abiyi Ahmad ministira dhimma alaa Saa'ud Arabiyaa waliin mari'atan

    Madda suuraa, Abiy

    Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiyi Ahmad ministira dhimma alaa Saa'ud Arabiyaa waliin mari'atan

    Ministirri muummee Abiyyi Ahmad ministira dhimma alaa Saa'ud Arabiyaa Feeysal Biin Farhaan al-Saawudii waajjira isaaniitti simachuun waliin mariyachuu isaanii miidiyaa hawaasaa isaaniirratti ibsan.

    Dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii fi kan biroo irratti mariyachuu isaanii Abiyyi Ahmad ibsan.

    "Marii keenya hariiroo waggoota dheeraa biyyoota lamaanii akkaataa bal'isuufi dhimmoota naannawa fi idil-adduyaa faayidaa waloo keenyaa irratti tumsa keenya cimsuurratti kan xiyyeeffate dha" jedhan.

    Itoophiyaan yeroo Gaanfa Afrikaatti muddamni cimetti Sa'udi Arabiyaa waliin hariiroo cimsachuuf marii taasifte.

    Torban tokko dura Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiwoos gara Saa'udi imaluun gita isaanii waliin marii taasisanii ture.

    Biyyoonni Giddugala Bahaa badhaadhan, Sa'udi Arabiyaafi Yunaayitid Arab Emireet Yaman akkasumas Sudaan keessatti wal dhabaa jiru.

    Haleellaa Sa'udiin Yaman keessatti raawwatte booda UAE'n loltoota ishee Yaman keessaa baasteetti.

    Gama kaaniin biyya ollaa Itoophiyaa Sudaanitti biyyoonni lamaan gartuulee garagaraa bira dhaabbatu jechuun himatamu.

    Sa'udiin waraana Sudaan kan Janaraal Al Burhaaniin hoogganamu ni tumsiti, Yunaayitid Arab Emireet immoo Humna Addaa (RSF) ni deeggarti jechuun himatamu.

    Gama kaaniin Somaaliyaaniis hariiroo UAE waliin qabdu kutuu ibsuun, Sa'udi waliin hariiroo cimsataa jirti.

    Itoophiyaan immoo UAE fi Sa'udi Arabiyaa waliin hariiroo jabaa qabdi.

  3. Iraan dandeettii misaa'elaa ishee mariif akka hin dhiyeessine ibsite

    Misaa'ela Iraan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Misaa'ela Iraan

    Gorsaan hogganaa olaanaa Iraan akka jedhanitti, Iraan fi Ameerikaan walitti bu’iinsa hambisuuf marii marsaa haaraa gaggeessuuf qophaa'anis,dhimmi dandeettiin misaa’ela Iraan waan “mariidhaaf hin dhiyaanne” jedhan.

    Dippilomaatonni Ameerikaa fi Iraan torbee darbe Omaan keessatti al-kallattiin marii taasisaniiru.

    Gorsaan hogganaa olaanaa Iraan Alii Shamkhaniin sagantaa waggaa 47ffaa Warraaqsa Islaamummaa kabajuuf qophaa’erratti “Dandeettiin misaa’ela Rippabiliika Islaamummaa kan mariif hin dhiyaannedhaa” jedhan.

    Ameerikaan yeroo dheeraaf marii dandeettii niwukilaraa Iraan irratti taasiftu dabalataan sagantaa misaa’elaa ishees akka marichaan hammatamuuf yaalaa turte.

    Iraan qoqqobbii ishee hir’isuuf jecha sagantaa niwukilaraa ishee irratti mari’achuuf fedhii akka qabdu ibsitee kan turte yoo ta’u, dhimmicha misaa’ela dabalatee dhimmoota biroo waliin walqabsiisuu irra deddeebiin didaa turte.

    Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun walgahii Tiraamp waliin Ameerikaatti taasifamu fayyadamuun waliigaltee Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru kamiyyuu qoqqobbii misaa’ela Tehran irratti kaa’ame akka hammatu dhiibbaa taasisu jedhamee egama.

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araqchi sagantaa misaa’elaa Tehran qaama ajandaa marii ta’ee hin beeku jedhan.

  4. Maanchister Siitii vs Fulhaam

    Morkii Fulhaamiifi Maanchister Siitii

    Madda suuraa, Getty Images

    Galgala kana taphootni Piriimiyeer Liigii shan ni gaggeeffamu. Gabatee liigichaa kan dursu Arsenaalirraa qabxii jahaan fagaatee kan argamu Maanchister Siitiin dirreesaa Etihaaditti Fulhaamiin keessummeessa.

    Gareen lamaan kun morkiisaanii jalqabaa bara kanaa Kiraaven Koteejitti gaggeeffamee ture irratti Fulhaam olaantummaa kubbaa qabatee turus 5-4n injifatame.

    Siitiin Dilbata darbe Anfiilditti qabxii dhiyootti argatee hin beekne argatee deebi'e. Kiriis Saatan garuu ammayyuu Siitiin akka durii tapha to'achaa hin jiruu jedha.

    Morkiin waancaa ligichaa hanga torbanoota muraasa dhumaatti deemuu mala jedhee tilmaama. Hagasitti garuu qabxii hedduu dhabaa deema jedha.

    Fuulhaam garee akka gaariitti kubbaa taphatiidha. Etihaadittis goolii ni lakkoofsisa garuu Siitiin dirreesaatti 3-1n ni injifata jedhee tilmaame.

    Morkiin biraa Arsenaalirraa qabxii sagaliin fagaatee kan jiru Astoon Viilaan, Viilaa Paarkitti Biraayitaniin keessummeessa. Saatan tapha kana Viilaan 3-1n injifata jedheera.

    Liiverpuulis galgala kana dirreesaan ala imalee Sandarlaandi waliin morkata. Sandarlaand Dilbata Arsenaaliin 3-0n injifatameera. Liiverpuulis akkasuma Siitiin 2-1n mo'amee morkii kanatti dhiyaata.

    Sandarlaand bara kana dirreesaatti takkaahuu hin injifatamne. Saatan taphni kun Liiverpuulitti ni cima waan injifatan miti jedha. Tilmaamnisaa 1-1.

    Fooresti Woolviz waliin, Paalaas Baarnileey waliin morkiiwwan galgala kanaa isaan biroodha.

    Siitiin har'a yoo injifate hanga Arsebnaal bor Bireentifoord waliin morkatutti garaagartummaa qabxii jiru gara sadiitti gadi buta.

  5. 'Lammiileen Keeniyaa 200 caalan Raashiyaaf loluuf qacaramanii jiru' - Mootummaa Keeniyaa

    Loltuu Keeniyaa, Kiliintan Mogeessaa, umriin 29, osoo Raashiyaaf lolu du'e

    Madda suuraa, Ukraine Defence Intelligence

    Ibsa waa'ee suuraa, Loltuu Keeniyaa, Kiliintan Mogeessaa, umriin 29, osoo Raashiyaaf lolu du'e

    Keeniyaan Raashiyaan lammiilee koo waraanatti hirmaachisuuf qacarte jechuun dhimma kana waliin dubbannu malee jechaa jirti.

    Ministirri Dhimma Alaa Keeniyaa Musaaliyaa Mudavaadii waan kanarratti BBC'n dubbise tarkaanfii kana "fudhatama kan hin qabnee fi dhoksaan waan raawwatame" jedhan.

    Naayiroobiin dhaabbilee seeran ala lammiilee Keeniyaa waraana Yukireeniif qacaran cufuu ibsan. Raashiyaan waliigaltee hojii loltoota Keeniyaa qacaruu kana ugguru Keeniyaa waliin akka mallatteessitu waamicha goote.

    Akka tilmaama mootummaa Keeniyaatti lammiileen Keeniyaa 200 Raashiyaaf qacaramanii jiru. Lakkoofsi kun garuu hin mirkanoofne. Sababni isaas tokkoon isaaniillee karaa seeraa fi beekkamtii qabuun Raashiyaatti hin imalle.

    "Keeniyaa fi Raashiyaan bara bilisummaatii kaasee hariiroo waggoota dheeraa qabu, hariiroo keenyarraa kaanee yoo ilaallu taateen kun immoo nama gaddisiisa," jedhan.

    Mudaaviin, Raashiyaa faana kan mariyachuu feenu dhimmoota seeran ala loltoota qacaruu, imaammata Viisaafi hariiroo gam-lamee qabnu, kun loltoota qacaruu hin dabalatu jedhan.

    Mootummaan Keeniyaa ejensiiwwan qacarrii 600 hojii biyya alaatti isinii mijeessina jechuun lammiilee biyyattii gowwoomsan cufeera.

    Lammiileen Keeniyaa 27 Raashiyaaf lolaa turan gara biyyaa deebifamaniiru jedhan qondaalli kun.

    Lammiileen Keeniyaa akkamitti Raashiyaaf loluutti akka lubbuu kennan naaf hin galu jedhan Minisirri Dhimma Alaa Keeniyaa kun.

    Raashiyaan dhimma kanarratti homaa hin jenne.

  6. Gaanaan guyyaan Roobii guyyaa uffanni aadaa ‘Fuuguu’ itti uffatamu akka ta'u labsite

    Aanga'aa Gaanaa uffata aadaa biyyattii uffatan

    Madda suuraa, ambia's Ministry of Information and Media/X

    Gaanaan Roobii torban torbaniin uffannii aadaa biyyattii keessatti beekamu ‘Fuuguu’ jedhamu kan itti uffatamu akka ta’e labsite.

    Biyyattiin kana kan labsiteef uffaticha waliin walqabatee erga falmiin interneetiirratti Zaambiyaafi Gaanaatti ka’ee guyyootaan boodadha.

    Torban darbe pirezidant Joon Diraamaanii Mahaamaa daawwannaa Zaambiyaatti yeroo taasisetti uffata aadaa kana uffatee erga mul’ateen booda ijoo dubbii ta’eera.

    Zaambiyaanonni tokko tokkouffata kana “qamisii” ykn qoloo jechuun kan itti kolfan yoo ta’u, warri Gaanaa kanaaf deebii akka kennan godheera.

    Falmii toora interneetiirratti ka’e kana hordofee uffata aadaa kana baayyinaan Zaambiyaaf akka ergu pirezidantichi dubbateera.

    Ministirri turiizimii Gaanaa Ablaa diziifaa Gomaashee Kibxata uffata aadaa Roobii torban torbaniin uffachuun “eenyummaa biyyattii sabboonummaan sadarkaa idil-addunyaatti beeksisuuf gargaara,” jedheera.

  7. Iraan "tarkanfii cimaatu" eeggata jechuun Pirezidant Tiramp akeekkachiisan

    Pirezidant Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Tiraamp Iraan hatattamaan Ameerikaa waliin waliigalteerra gahuu baannaan "tarkaanfii baayyee hamaa ta'utu" ishee eeggata jechuun dubbate.

    Mariin torban darbe Omaan keessatti Ameerikaa fi Iraan gidduutti jalqabame marsaan itti aanu ni gaggeeffama jedhamee yeroo eegamaa jirutti, Tiraamp Iraaniin akeekkachiise.

    Hanga ammaatti mariin marsaa itti aanu yoomii fi eessatti akka gaggeeffamu kan hin ibsamne yoo ta’u, Tiraamp “Iraan waliigalteerra gahuu dhimmitee barbaaddi” jechuun karaa dippilomaasiitiin furmaanni ni argama jedhee abdii akka qabu akeekee ture.

    Pirezidant Tiraamp buufata televizhiniin Chaanaal 12 Israa’eliifi marsariitii oduu Ameerikaa Aksiyoos jedhamutti akka dubbatetti, doonii xiyyaara waraanaa qabate dabalataa gara Baha Giddu-galeessaatti erguuf yaadaa jira.

    Aanga’oonni Ameerikaa Reutersitti akka dubbatanitti, dooniin xiyyaara waraanaa baatu Joorj Waashingiten jedhamtu ardii Eeshiyaarraan, Joorj W Bush kan jedhamtu ammo qarqara galaanaa Ameerikaa gama bahaarraatti argamu.

    Haata’u malee, Baha Giddugaleessaa gahuudhaaf ammoo yoo xiqqaate turban tokko isaan barbaachisa.

    Dabalataan, ministeerri ittisaa Ameerikaa Venezuweelaarratti haleellaa banuun dura doonii waraanaa Jeraard Foord jedhamtu naannoo Kariibiyaanitti ergamtee turte garasitti erguu danda’a jedhamee dubbatamaa jira.

  8. Tootenhaam leenjisaa Toomaas Firaank ari'e

    Toomaas Firaank

    Madda suuraa, Getty Images

    Tootenhaam Kibxata galgala Niwukasiliin goolii 2 fi 1n injifatamuu hordofee leenjisaa isaa ari'e.

    Toomaas Firaank erga Tootenhaam leenjisuu eegalee ji'oota saddeet hin caalu.

    Kilabni kun yeroo ammaa gabatee Piriimer Liigii irratti 16ffaarratti argama.

    Kilabni Kaaba Landan kun taphoota saddeet darban keessaa tokkollee hin injifanne.

    Erga 2008 as injifannoo malee hanga kana turee hin beeku.

    Yeroo sana taphoota 17 keessaa lama qofa mo'atan. Tapha kana hundarraa qabxii 12 qofa argatanii turan.

    Tootenhaam amma taphoota 26 irraa qabxii 29 qofa argatee 16ffaarra jira.

    Kilabichi leenjisaa kanaaf yeroo kennuun akka kilabicha fooyyessu yaadee akka ture ibse.

    Garuu qabxiin amma argamaa jiru jijjiiramni akka dhufu dirqamsiisuu ibse.

    Toomaas Firaank Waxabajjii darbe wayita leenjisaan duraanii Anj Postekoogluu ari'amu Tootenhaamiif hanga 2028 kontiraata mallatteesse.

    Garuu Piriimer Liigii keessatti kilabicha fooyyessuu hin dandeenye. Garuu kilabni kun taphoota dorgommii Awurooppaa keessatti ga'umsa gaarii qaba.

    Dorgommii taphoota Piriimer Liigiin taphoota torba mo'e, saddeet qixa ba'e, 11 ammoo ni mo'ame.

    Dorgommii Chaampiyoonsi Liigii garuu kilaboota 1-8 jiran keessa galuun sadarkaa afraffaan gara kilaboota 16tti makamuu danda'eera.

  9. Netaaniyaahuun dhimma Iraan Tiraamp waliin mariyachuuf Washingtan jira

    Netaaniyaahuufi Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Erga Tiraamp aagotti dhufee Netaaniyaahuun marsaa 6ffaa gara UStti imaluusaati. Gaggeessaan biyya kamiituu hanga Netaaniyaahuu Tiraamp waliin wal-argee marii hin taasifne.

    Pirezidaant Tiraamp har'a Netaaniyaahuu Waayit Haawusitti simachuun dhimma Iraanirratti waliin mariyatu.

    Netaaniyaahuun daawwannaa kanaan marii dhimma nikularaa irratti USfi Iraan taasisaa jiran ilaalchisee Tiraampirratti dhiibbaa gochuuf jedhamee eegama.

    Iraan gabbisa yuraaniyeemii akkasumas deeggarsa humnoota faalaa Israa'el dhaabbatan Baha Giddu Galeessaa keessa jiraniif taasisaa jirtu akka dhaabduuf ijjannoo Israa'el Tiraamp waliin ni mariyatu.

    Netaaniyaahuun kaleessa yeroo gara US imaluuf jedhutti, miidiyaalee Israa'eliif yaada kenneen, marii USfi Iraan taasisaa jiran irratti fedhii Israa'el UStti ibsuuf akka deemu beeksisee ture.

    "Qajeeltoo marii kanaa ilaalchisee waan yaannu pirezidaantichaaf [Tiraampiif] nan dhiyeessa," jedhe.

    Michuu Tiraamp cimaa kan ta'e Netaaniyaahuun Iraan yaaddoo nageenyaa Israa'el ta'uu irra deddeebiin kaasuun dhiibbaa Tehraan naannichatti taasiftu dura dhaabbachuuf US of cinaa hiriirsisuuf yaalii guddaa taasisaa jira.

    Biiroon Minitiira Muummee Israa'el ammoo ibsa baaseen, mariin USfi Iraan taasisan kamiyyuu Iraan gabbisa misaa'ela baalistikaa taasisaa jirtuufi deeggarsa humnoota hidhatanii Baha Giddu Galaa keessa jiraniif taasiftu akka dhaabdu kan hammate ta'uu akka qabu beeksise.

    Daawwannaan Netaaniyaahuun Waayit Haawusitti taasisu kun yeroo Baha Giddu Galaatti waraanni irra deebiin ka'uu mala jedhamee yaaddoo uumee jirutti.

  10. Zimbaabuween seera bara aangoo pirezidaantii dheeressu qopheessite

    Pirezidaant Emersan Manangaaguwaa

    Madda suuraa, Gett

    Kaabineen Zimbaabuwee wixinee seeraa bara angoo pirezidaantii biyyattii dheeressuuf gargaaru qopheessuun raggaasise.

    Seerri qophaa'e kun pirezidaantiin Zimbaabuwee Emersan Manangaaguwaa hanga bara 2030tti aangorra akka turan kan taasisuudha.

    Emersan Manangaaguwaa yeroo ammaa manguddoo ganna 83 yoo ta'an, wiixineen seeraa qophaa'e kan hojiirra oolu yoo ta'e, hanga umuriinsaanii 88 ta'utti itti fufanii biyyattii gaggeessu jechuudha.

    Akkaataa seera filannoo biyyattiin ittiin bulaa jirtuun, pirezidaantiin tokko filamee kan gaggeessu waggaa shaniifi.

    Wixinee haaraa qophaa'een garuu aangoon pirezidaantii waggaa torbaaf kan turu yoo ta'u, marsaa lama- jechuun waggaa 14 akka itti fufu taasisa.

    Wixineen seeraa bara aangoo pirezidaantii dheeressuuf qophaa'e kun osoo gara paarlaamatti hin ergamin dura mariin hawaasaa akka irratti gaggeeffamu ni taasifama jedhan Ministiira Haqaa Zimbaabuwee kan ta'an Ziyaambii Ziyaambiin.

    Emersan Manangaaguwaa humni waraanaa Zimbaabuwee Roobart Mugaabee aangorraa erga buusee booda bara 2017tti aangotti kan dhufan yoo ta'u, filannoo bara 2018fi 2023 gaggeeffame mo'achuun biyyattii bulchaa jiru.

  11. Ilmi pirezidaantii duraanii Zaambiyaa konkolaattota 79, buufata boba'aafi manneen jireenyaa qaqqaalii fudhate akka deebisu ajaji itti bahe

    Qabeenya ilmi pirezidaantii akka deebisuuf itti murtaa'e

    Madda suuraa, The National Prosecution Authority of Zambia

    Manni Murtii Olaanaa Zaambiyaa ilmi pirezidaantii duraanii biyyattii qabeenya dolaara miliyeena 1.3 ol baasu akka deebisu ajaje.

    Ilma Pirerzidaantii duraanii Zaambiyaa Edgaar Luunguu kan ta'e Daalitsoo Daanguu konkolaatawwan gosa garaa garaa 79, lafa bakkee garaa garaa fudhate 23, riil isteetii, suuqii daldalaa guddaa, buufata boba'aa, manneen jireenyaa qaqqaalii magaalaa Lusaakaa keessatti argaman akka deebisuuf ajaji mana murtichaarraa itti bahe.

    Nama ganna 39 kan ta'e ilmi pirezidaantii duraanii kun qabeenya hanga kana karaa seera qabeessa akkamitti akka horate ragaa qabatamaa dhiyeessuu waan hin dandeenyeef Manni Murtii Olaanaa Zaambiyaa qabeenya akka deebisuuf itti mure.

    Abbaansaa Edgaar Luungu bara 2015 irraa kaasee waggaa jahaaf Zaambiyaa bulchus, ganna darbe Afrikaa Kibbaatti du'e.

  12. Kanaadaatti haleellaa mana barumsaatti raawwateen namoonni sagal du'an, 25 madaa'an

    Haleellaa mana barumsaarratti raawwateen namoonni sagal du'aniiru

    Madda suuraa, Madi Taylor / Facebook

    Haleellaan kun kutaa Kanaadaa- Biritish Kolombiyaatti kan mudate yoo ta'u, meeshaa waraanaatiin raawwatame jedhe poolisiin.

    Poolisiin akka jedhutti qaamni haleellaa raawwate erga lubbuu namoota sagalii galaafatamee booda lubbuu ofii balleesseera.

    Namoonni ja'a battaluma mana barumsaa sadarkaa lammaffaa keessatti du'an, namni torbaffaan osoo gara hospitaalaa geeffamaa jiruu lubbuun keessaa baate.

    Reenfi nama haleelaa kana raawwatees achuma mana barumsichaatti argame.

    Reenfi namoota lamaa ammoo mana jireenyaa naannoo mana barumsichaa jiru tokko keessatti argame.

    Humni poolisii battala iddoo haleellaan itti mudatetti argame, qaamni haleellaa raawwate kun ''uffata dubartii kan uffatee fi rifeensa ammoo halluu boora kan dibatedha,'' jedhe.

    Qondaalonni eenyummaa nama haleellaa raawwate kanaa beeku, garuu hanga yoonaa hin ibsine. Saalli nama kanaa maal akka ta'es hin himne.

    Poolisiin gosa meeshaa waraanaa namni kun fayyadames adda hin baasne.

    Namoonni du'an umriinsaanii waggaa meeqa keessa akka jirus hin mirkaneessine.

    Haleellaan kun mana barumsaa fi mana jireenyaa naannawa jirutti kan raawwatame yoo ta'u hariiroon mana barumsaa kanaa fi mana jireenyaa kanaa maal akka ta'e poolisiin hanga yoonaa adda hin baasne.

    Ministirri Muummee Kanaadaa Maark Kaarnii taatee kanaan gadduun imala gara Jarmaniif karoorsan haqaniiru.

  13. Akkam jirtu?

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Toora oduu kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Marsariitii, WhatsApp, Facebook fi YouTube keenyarraas odeeffannoo hedduu argattu

    Nu hordofaa.