Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Hidhattoonni Yihuudota ajjeesan finxaalessa ta'aniiti - MM

Haleellaa Awustiraaliyaa, Boondii Biichitti ayyaana Yihudootaarratti xiyyeeffachuun raawwatamee namoota 15 galaafate abbaafi ilmatu raawwate.

Guduunfaa

  • Oduu biyya keessaa fi guutmmaa addunyaarraa akka filannoo keessaniitti Marsariitii, Facebook, Whatsapp fi YouTube keenarraan nu hordofaa.
  • Oduu ispoortii kallattiin darbaa tures toora kanaan itti dhiyaadhaa.
  • Waa'ee haleellaa Awustiraaliyaatti hawwaasa Jewish irratti xiyyeefatee maal beekna?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Gootni' afaan qawwee lafatti cuqqaaluun leellifamaa jiru eenyu?

    Awustiraaliyaatti namni hidhataa qawweedhaan namoota ajjeesu wal'aansoo otoo qabuu viidiyoon waraabame 'gootummaan' leellifamaa jiru Ahmad al-Ahmad jedhama. Nama umrii ganna 43ti.

    Sooriyaa, Idilibitti dhalatee guddate. Sana booda gara Awustiraaliyaatti godaane.

  2. Hidhattoonni amantoota warra wangeelaa waldaarraa butan

    Naayijeeriyaa bulchiinsa Kogii jedhamutti shiftoonni qawwee hidhatan yoo xiqqaate amantoota 13 waldaarraa butan.

    Hidhattoonni haleellaa waldaa warra wangeelaa, sagantaa Dilbata ganamaarratti banan kunneen amantoota kaan butanii fudhatanii deeman.

    Hidhattoota haleellaa banan keessaa shan ajjeefamuu fi kan mada’aas miliquu Komishinarri odeeffannoo bulchiinsa Kogii, Kingley Fanwo ibsaniiru.

    Qondaalonni biyyattii namoonni haleellaa banan kun ‘shiftoota’ yeroo heddu gadhiisuuf maallaqa gaafatan ta’uu ibsan.

    Torban lama duras hidhattoonni waldaa naannichatti dhiyoo jiru- magaalaa Ijibaa jedhamurraa paastarii waldaa fi haadha warrasaa dabalatee miseensota waldaa biroo butuun ni yaadatama.

    Qaamoleen nageenyaa namoota butaman gadhiisisuuf yaalaniis ammayyuu namoonni kun hidhattoota harkaa hin baane.

  3. Suuraa dargaggoo Awustirliyaatti haleelaa raawwate hidhannosaa waliin agarsiisu

    Miidiyaaleen Awustiraaliyaa namni haleellaa raawwate, Naveed Akiraam, umriin isaa ganna 24 ta’uu ibsan.

    Dargaggoon kun qawween cinatti rasaasaa fi meeshaa waraanaa biraas qabateera.

    Riqicha namoonni lafoo irra qaxxaamuran iddoo dhaabatee naannoosaa mil’atu taasifate.

    Namni kun abbaasaa nama ganna 50 Sajiid jedhamu waliin raaawwate. Namni kun dhukaasa keessatti ajjeefame.

    Naveed garuu ammayyuu hospitaala kan jiru yoo ta’u, du’aaf jireenya giddu jira.

    Naveed Awustiraaliyaatti dhalate.

    Bara 2019 qondaalonni biyyattii dargaggooo kanarratti kan xiyyeeffatanii hordofaa turan yoo ta’u, Ministirri Muummee Awustiraaliyaa ''hokkora keessatti hirmaachuu waanti akeeku ykn yaaddoo nageenyaa uumuu waanti akeeku hin turre’’ jedhan.

    Abbaan isaa bara 1998 barnootaaf gara Awustiraaliyaatti godaanaan boodarra eeyyama biyya sana jiraachuu argatan.

  4. Hidhattoota Yihuudota galaafatan 'finxaaleessummaatu' kakaase - MM Awustiraaliyaa

    Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Antoonii Albaanis hidhattoonni lamaan garee badii raawwatu waliin hidhata hin qaban, ofumaa sosso'aa turan jedhan.

    ''Namoonni kuni garee seelii ta'u isaanii ragaan hin jiru,'' jechuun miidiyaa biyyattii ABC'tti dubbatan.

    Haa ta'u malee, wanti kanaaf isaan kakaase ''ifatti ... ilaalcha finxaalessuummaadha,'' jechuun himan.

    Dabaluunis, poolisiin nama sadaffaa dhukaasa keessa qooda qabu akka hin qoranne himan.

    Kanneen dhukaasa banan keessaa waa'ee nama umriin xiqqaa, Naviid Akiram, yeroo gaafataman, durumaa shakkiin hordofamaa akka ture himan.

    Namni ajjeechaan shakkame bara 2019 namoota hidhaman waliin hariiroo qabaachuun qoratamee ture.

    Qorannoon ji'a jahaaf taasifame shakkamaan haleellaa raawwatuuf akka deemu wanti akeeke hin jiru jedhan.

    Haleellaa Awustiraaliyaa, Boondii Biichitti ayyaana Yihudootaarratti xiyyeeffachuun raawwatameen namoota 15 galaafate abbaafi ilmatu raawwate jedhameera.

  5. Namichi hidhattoota Awustiraaliyaatti namoota ajjeesan keessaa tokkorraa qawwee butuun leellifamaa jiru badhaafame

    Ahmad al Ahmad gootummaa agarsiisen maallaqni deeggarsaa walitti qabamaafi jiru dolaara kuma dhibbaan lakkaawama.

    Kanneen deeggarsa maallaqaa kennan keessaa tokko biliyeenarii beekamaan Biil Akmaan yoo ta’u, innio dolaara 100,000 kenne. Deggarsi maallaqaa dinqisiifattoota isaatiin itti fufee jira.

    Ahmad al Ahmad ofii bakka lama rasaasan rukutamee hospitaalatti waldhaansa argataa jira. Bakka waldhaansa argataa jirutti bulchaan Niiw Saawuz Weels Kiriis Miins dabalatee aangawoonni daawwachuun dinqisiifataa jiru.

    “Ahmad goota dhugaati” jechuun jajan Kiriis Miins.

    “Eda halkan, namni kun balaa isa mudatu osoo beeku shororkeessaarraa qawwee butuun gootummaan agarsiise shakkii tokko malee lubbuu hedduu baraare.

    "Isa bira dhaqee yeroon isa waliin dabarsuu fi galata uummata Niiw Saawuz Weels dabarsuufkabajatu natti dhagahama.

    “Gootummaan Ahmad osoo mul’achuu baatee lubbuu hedduutu darba” jedhan bulchaan Niiw Saawuz Weels.

    Ahmad al Ahmad beekumsa loltummaa fi hidhannoo qawwee hin qabu. Bakka taatee kanatti dhiyoo jirutti dunkaana kuduraa fi muduraa itti gurguratu irraa balaa kan arguun birmate.

  6. Daangoteen abbaa taayitaa to’annoo boba’aa Naajeeriyaa malaammaltummaan kokkee qabaa jiru

    Dureessi Naajeeriyaa, Afrikaarraa qabeenyaan tokkoffaa, Aliikoo Daangoteen hogganaan abbaa taayitaa to’annoo boba’aa Naajeeriyaa Faaruq Ahmad, shira diinagdee damee boba’aa irratti dalageen akka mana murtiitti dhiyaatu gaafachuu Roohitars gabaaseera.

    Faaruq Ahmad, qondaalli omishaa fi raabsaa boba’aa biyyattii to’atu malaammaltummaadhaan maallaqa sassaabbateen ijoolleesaa dolaara miliyoona 5.5 baasuun Siwiizerlaanditti barsiifata jechuun himatan dureessi Afrikaa kun.

    Maallaqni namni kun ijoolleesaa biyya alaatti barsiifatuun kun mindaa mootummaan kaffalaafii jiruun tasuma kan wal hin ginne ta’uu himu Aliikoo Daangoteen.

    “Namni waggoota jahaaf dolaara miliyoona shan kaffalee ilmaan afur alatti barsiisu osoo anallee ta’ee gibira hagamii akkan baasu abbaan taayitaa gibiraa na sakatta’uu qaba,” jedhu biliyeenariin hangafti Afrikaa.

    “Qe’ee dhaloota kiyyaa Sokootoo, uummanni mana barnoota ijoolleetiif Naayiraa 100,000 (dolaara 69) kaffalachuun qormaata itti ta’ee jira. Namni barasaa guutuu hojjetaa mootummaa ta’e tokko akkamiin ijoollee afur dolaara miliyoona shan kafalee barsiisa?” jedhu Daangoteen.

    Ijoolleen kootuu mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Naajeeriyaadhumattin barsiise kan jedhan dureessi Naajeeriyaa Daangoteen,anumtuu ijoollee koo mana barnootaa qaalii akkanaatti hin barsiifne jedhan.

    Qondaala kanarratti qorannoon akka godhamus gaafatan. Atakaaroon abbaa taayitaa to’annoo boba’aa Naajeeriyaa fi Aliikoo Daangotee kun kan jalqabaa miti.

    Dhaabbanni calallii boba’aa Daangotee bara 2024 - 2025 abbaa taayitichaa fi korporeeshinii boba’aa mootummaa Naajeeriyaa heyyama daldalaa boba’aa alaa galchitoota boba’aa mulquufi jechuun himata irratti banee ture.

    Booda walakkeessa bara 2025 ofumaa Daangoteen himata kana dhaabe. Manni murtiis galmee cufe.

    Faaruq Ahmad gama isaatiin dhimma kanarratti yaada akka hin kennin Rooytars gabaaseera. Asiin dura garuu, dhaabbanni calallii boba’aa Daangotee kophaatti daldala petrooliyemii dhuunfachuu barbaadeeti, haa ta’uu malee inni qofti gabaa petirooliyemii biyyattii hin quubsu jedhe ture.

    Dureessi Afrikaa beekamaa, Aliikoo Daangoteen, Itoophiyaatti dameewwan invastimantii omisha simintoo fi xaa’oo irratti babba'ee hojjechaa jira.

  7. Gaara Mul'ataa hanga Yunivarsiitii Joorjiyaatti - Prof Mohaammad Hasan eenyu?

    Hangafoota seenaa Oromoo akka amma addunyaan Oromoo hubattutti akka dhiyaatu bu'uura kaayan keessaa tokko jedhama.

    Seenaa Oromoo kan barreeffamaatiif kanneen karaa saaqan keessaa nama tokko. Bu'aawwan qorannoowwan isaanii hubannoo dogoggoraa seenaa siyaasaa, eenyummaa fi aadaa Oromoorratti duraan turan kan soroorsan ta'uu himama.

    Hayyuu qorattoota seenaa Oromoo boodarra dhufaniif xurree xurree banes jedhamuun beekamu.

    Hojiiwwan qorannoo warra boodaatiif ciicata (galtee) ta'an gumaachaniiru. Umriisaanii hedduu qorannoo fi barsiisuun dabarsan.

    Kitaabota seenaa Oromoo fi Itoophiyaarratti barreeffaman guguddoo lama, artiikiloota dhibba tokkoo ol barreessaniiru.

    Ammaan tana sooramarra jiru. Dhiyoo tana Hawaasni Oromoo Ameerikaa kutaa bulchiinsa Joorjiyaa jiraatu gumaacha bara jireenya isaa Oromoof godheen beekkamtii kenneefii jira. Hayyuun Seenaa Profeesar Mohammad Hasan.

  8. NATOtti makamuu ilaalchisee Yukireen ejjennoo jijjiiruun marii nagaarratti dhiibbaa hin qabu - Ogeeyyii

    Yukreen hawwii gamtaa waraanaa NATO’tti makamuu dhiisuun adeemsa marii araaraa irratti dhiibbaa wayiituu akka hin qabaanne ogeeyyiin nageenyaa US himan.

    Ogeeyyiin nageenyaa US lama Yukreen karoora gamtaa NATO lixuu dhiistus adeemsa marii araaraa irratti waan jijjiiru waan qabaatu miti jedhan.

    Dilbata kaleessaa Preezdaantiin Yukreen Volodimir Zeleniksiin marii dhimma araaraa Yukireenii fi Raashiyaarratti ergamoota addaa US waliin tolchan irratti Yukreen hawwii miseensummaa gamtaa NATO qabdu akka dhiisuu dandeessu akeekan.

    Zeleniskiin wabiin nageenyaa US, Awurooppaa fi kaanirraa Yukireeniif kennamu karoora NATO seenuu Yukireen yaadde waan bakka bu’uufii danda’u akka ta’e eeran.

    “Kun jijjiirama wayiituu waan fidu miti” jedhu daayireektara qorannoo ittisaa fi imaammata alaa Institiyuutii Kaatoo kan ta’an Jastiin Logaan.

    “Carraaqqii sababa dhiyeeffachuu ti” jedhu. “Waa maraafuu, miseensummaan NATO Yukireen yaaddu yeroo dheeraa keessattillee waan dhugoomaa jiru miti” jedhu Logaan fi Andreew Michaa, Profeesarri dhimmoota qo’annoo tarsiimawoo Yunivarsiitii Filooriidaa.

    Michaan waayeen Yukreen NATO seenuu fi seenuu dhiisuun ammatti dubbii hiika qabu mitis jedhu. Karaawwan ittiin biyyoonni nageenya Yukreen mirkaneessan kan biroo ni jira jedhu Logaan.

    Yunaayitid Isteetsi Yukreeniif deeggarsa meeshaa waraanaa gochuu fi Raashiyaarra qoqqobbii kaawuu akka tooftaa wabii nageenyaa Yukreenitti kaasu Logaan. Gorsaa imaammata alaa bulchiinsa Preezdaant Obaamaa kan turan Breet Bruuyin garuu yaadni Yukreen “waan hiika qabuu fi bu’uura qabeessa” jedhu.

    Kun hawwii nagaadhaaf Yukireen qabduuf agarsiiftuu tokko ta’uu danda’a kan jedhan namni kun, Zeleniskiin karoora nageenyaa jabaa uummata Yukreeniif seene dhiisuu isaatiin Zeleniskiin garuu maal argata? jechuun gaafatu.

    Yukreen waadaa Traampiin salphumatti akka hin gowwoofamnes wanni gochaan deeggarame jiraachuu mirkaneeffachuu akka qabdu hubachiisu Breet Bruuyin.

  9. Dhukaasni Awustiraaliyaa Boondi Biichitti lubbuu namoota 15 wayita raawwatame

    Awustiraaliyaa, Boondi Biichitti abbaafi ilmi Yihudoota ayyaaneffannaarra turanirratti dhukaasa banuun mucaa durbaa waggaa 10 dabalatee namoota 15 ajjeesan.

    Viidiyoo namoonni waraaban yeroo namoonni kunneen lamaan riqicharra dhaabatanii bakka namoonni walitti qabamanii jiranitti dhukaasa.

  10. Daawwadhaa: Namni tokko hidhattoota Awustiraaliyaatti namoota ajjeesan keessaa tokkorra yeroo qawwee fudhatu

    Akeekkachiisa: Viidiyoon kun isin rifaasisuu danda'a.

    Yeroo namni tokko hidhattoota lamaan namoota 15 ajjeesan keessaa isa tokko duubaan dhufee qabee qawwee irraa hiikkate namni ijaan arge waraabeera.

    Daawwadhaa

  11. Lakkoofsi haleellaa Yihudootarratti xiyyeeffachuun Awustiraaiyaatti raawwatameen namoonni ajjeefaman 15 qaqqabe

    Awustiraaliyaa, Boondi Biichitti haleellaa abbaafi ilmi ayyaana Yihudootaarratti xiyyeffachuun raawwataniin lakkoofsi namoota ajjeefamanii 15 qaqqabuu Poolisiin Niiwu Saawoz Weelsi beeksise.

    Namoota ajjeefaman kanneen keessa mucaan durbaa umuriin ishee waggaa 10 taate keessatti kan argamtu yoo taatu, walumaagalatti umuriin isaanii 10 hanga 87 gidduu jira.

    Poolisiin gocha shororkeessummaadha jedhe kana wayita jalqabbii ayyaana Hanukkah irratti raawwatamuu ibse. Hanukkah ayyaana Yihudootaa guyyaa saddetiif kabajamudha.

    Haleellaa kana kan raawwatan keessaa namni umuriin isaa waggaa 50 (abbaa) yoo ajjeefamu, kan lamaffaa umuriin isaa waggaa 24 ta'e (ilmi) madaa'ee haala yaaddessaa keessa hospitaalatti argama.

    Gaheessi waggaa 50 kun miseensa kilabii qawwee yoo ta'u, hayyama qawwee hidhachuu akka qabu poolisiin ibseera.

  12. Shakkamtoonni dubartii si gaggeessina jechuun konkolaataa galchanii bilbilaafi faaya saaman to’ataman

    Shakkamtoonni dubartii tokko si gaggeessina jechuun erga konkolaataa keessa galchaniin booda billaan doorsisanii bilbilaafi warqee mormaa irraa fudhatan nama sadaffaa itti dabarsan waliin to’atamanii qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu Qajeelchi Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

    Shakkamtoonni maqaan isaanii Amaanu’eel Lawuxee fi Alulaa Tamasgeen jedhaman dubartii Bileen Ababbaa jedhamtu si gaggeessina jechuun erga kokolaataa galchanii booda dubartii kanarratti yakka wanbadummaa kana kan raawwatan A L I Sadaasa 14, 2018 halkan saatii 8:30 irratti Kutaa Bulchiinsa magaala Boolee bakka Riqicha Ruwaandaa jedhamee beekamuttidha.

    Miidhamtuun Bileen Abbabaa jedhamtu dhiisiftee gara manasheetti galuuf jecha daandiirra socho'aa osoo jirtuu arganii shakkamtoonni si gaggeessina jechuun konkolaataa Viitzi koodii gabatee 3 A1961 AA keessa galchuun erga xiqqoo socho'anii booda naannoo Riqicha Ruwaandaa erga gahanii shakkamaan Amaanu'eel Lawuxee jedhamu tasa billaa baasuun sodaachiseen yeroo sanatti harkatti qabattee kan turte bilbila lamaafi abilii mormaa meetii tilmaamaan kuma 28 ta'u irraa fudhatan.

    Itti aansuun paaswoordii bilbilaashe bansiisuun mobaayil baankingiifi Tele Birra fayyadamuufi dhiisuushee erga mirkaneeffatanii booda konkolaataa keessaa darbatanii baasuun bakka sanarraa miliqan.

    Qajeelchi Poolsii Kutaa Magaala Boolee iyyanni Aadde Bileen Abbabaarraa isa qaqqabe buufanni poolisii naannoo Daandii qilleensaa shakkamtoota to'annoo jala oolchuuf tekinooloojii fayyadamuun lakkoofsa gabatee konkolaataa shakkamtoonni itti fayyadaman adda baasuu danda'eera.

    Poolisiin qorannoo dabalataa taasiseen shakkamtoota kanarraa nama mi'a kanneen fudhatu Musxafaa Radii jedhamus to'annoo jala oolchuu beeksiseera.

    Sakatta'ina dabalataa konkolaataa sana keessatti taasiseenis bilbiloota dabalataa 6, taabiletii 2, magaazii sibiila muru, Earphone 2 dabalatee borsaa dubartoota lama argamuu odeeffannoon buufata poolisii Booleerraa argame ni mul'isa.

    Namoonni tokko tokko si gaggessina jechuun yakka kanaan wal fakkaatu akka raawwatan hubachuun, hawaasni eenyummaa namaa osoo adda hin baafatiin hayyamamoo taanaan gocha yakka akkasiif saaxilamuu waan danda'aniif of eeggann gochuu akka qaban poolisiin ergaa dabarseera.

  13. Waa'ee haleellaa Awustiraaliyaatti hawwaasa Jewish irratti xiyyeefatee maal beekna?

    • Hawwaasni Jewish Awustiraaliyaa jiraatan qarqara galaanaa Boondii jedhamutti ayyaana Hannuuka akabajataa osoo jiranii haleellaan isaan irratti baname.
    • Ayyaanni kun waggaa 2000 dura injifannoo warri Jewish Giriikota irratti argatan yaadachuuf kabajama.
    • Ayyaana Ifaa jedhamees beekama. Kunis amantii isaanii bilisaan akka waaqeffatan injifannoo isaan dandeesisedha.
    • Haleellaa kanaan namoonni 11 ajjeefamanii gara 29 mana yaalaa galaniiru. Poolisoonni lamas madaa'aniiru.
    • Hawwaasni Jewish addunyaa guutuu irraa ayyaana kana kabajan yaaddoo guddaa qabu.
    • Landan keessatti yaaddoo jiru irraa kan ka'e eegumsi naannoo ayyaanni kun gaggeefamutti cimeera.
    • Namni haleellicha gaggeesse tokko to'annoo jala oolee qoratamaa jira. Tokko du'uu hin hafne jedhame.
    • MM Awustiraaliyaa haleellaan kun ''jiba warra Jewishiif qaban, shororkeessummaa fi gochaa hamminaati'' jedhan.
    • Pirezidaantiin Israa'el Isaaq Herzoog haleellaan kun ''haleellaa gara jabinaa fi hammeenyaa hawwaasa Jewish irratti raawwate'' jedhan.
    • MM UK, Kiir Istaarmer yeroo hundumaa Awustiraaliyaa fi hawwaasa Jewish cina dhaabbanna jedhan.
  14. Itoophiyaan waa'ee humna waraanaa ishee Somaaliyaa jiruu beeksifte

    Humni waraanaa Itoophiyaa Somaaliyaatti bpbba’e haala gaarii irratti akka argamu Raayaan Ittisa Biyyaa beeksise.

    Humni waraanaa Itoophiyaa Somaaliyaatti nageenya kabachiisuuf bobbaafamee fi Seekshin 3 jedhamuun beekamu ergama biyyaalessaa fi ardichaa itti kenname bahachuuf dandeettii fi gahumsa gaarii akka qabu himame.

    Ajajaan waraana Sekshin 3 jedhamuun waamamuu Birgeeder Jeneraal Takiluu Hurrisaa, human waraanaa bobba’e kana iddoowan itti bobba’anii jiran Diinsuur Bardarree, Gabreharree, Qabsadiree, Buurdiboo, Bardallee, Burhakaabaa jedhaman deemuun daawwachuu himan.

    Ergama nagaa kabachiisuu haala gaariinbahachaa akka jiranii fi biyya isaanii fi ardicha kabachiisan himaniiru.

    Maashinootaa fi konkolaatota waraanaa kana dura tajaajila kennuu dadhabanii dhaabbatan haaressuun hojiitti galchuu fi dadhabe osoo hin jedhiin hojjechaa jiraachuu isaanii ibsan.

    Ergama nageenya kabachiisaa Somaaliyaa keessatti Itoophiyaan akka hin hammatamne Somaaliyaa fi Masiriin jalqaba dhiibbaa gocha aturan.

    Ha atahu malee, Itoophiyaan waggoota dheeraaf Al Shabaab waraanaa akkuma turte ammas Somaaliyaa keessatti itti fufteetti.

    Masiriinis Somaaliyaatti human waraanaa ishee bobbaasuun ni beekama.

  15. Miseensi IS lammilee Ameerikaa sadii ajjeese

    Loltoota Ameerikaa lamaa fi namni sivilii turjumaanni tokko haleellaa miseensi IS qawwee hidhate raawwateen ajjeeffamuu Ajajni Giddugaleessa Waraaana Ameerikaa (Centcom) beeksiseera.

    Qondaalonni akka jedhanitti, haleellaa kanaan loltoonni sadii biroo mada’aaniiru.

    Miseensi IS dhukaasa keessatti ajjeeffame.

    Miidyiaan Sooriyaa akka gaabaasetti, miseensonni waraanaa Sooriyaa sadii biroo mada’aaniiru.

    Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp’’ haaloo ba’iinsa hamaatu IS eeggata’’ jedhan.

    Mootummaan Sooriyaa haleellaa kana balaaleffachuun ibsa baase.

    Eeenyummaan lolltoota ajjeeffamanii sa’aatii 24 keessatti firoottaan isaanii hanga adda baafamanitti akka hin ibsamne Ajajni waraana Giddu galessaaa beeksise.

    Dhaabbannii UK keessa maadheeffatee fi mirga namoomaa Sooriyaa hordofu akka jedhutti, haleellaa sana miseensa qaama nageenyaa mootummaa Sooriyaatu raawwate.

    Ammatti gareen haleellaa kan raawwachuu amane hin jiru, ibsamne eenyummaan nama haleellaa banes hin ibsamne.

  16. Sagantaa eebba siidaa fi daawwannaa Mesii Hindiirratti hokkorri dhalate

    Dinqisiifattootni Liyooneel Mesii Hindi jiran gatii guddaa baasuun eebba Siidaafi daawwannasaarratti argaman mufiin hokkora kaasan.

    Dinqisiifattotni Mesii kumootaa lakkaa'aman maallaqa biyyattii rupee 12,000 (£100; $133) baasanii Istaadiyoomiitti argaman nama argua fedhan akka barbaadanitti arguu dhabuusaaniitti dheekkaman.

    Mesiin Istaadiyoomii keessa kan adeeme garee aanga'oota olaanoo fi namoota beekamoo hedduun marfamee ture.

    Daqiiqaawwan 20f dirree keessa haala kanaan erga socho'ee booda dafee qaamolee nageenyaan fudhatamee bahe.

    Sana booda istaadiyoomii Kolkata's Salt Lake keessatti dinqisiifattootnisaa dheekkaman, teessoo caccabsan waan argatan hunda dirreetti daddarban.

    Ministirri Kibba Bengaalii ta'ii mudatetti gadduu ibsitee, Mesiifi deeggartootasaa dhiifama gaafatte. Dhimmichi akka qoratamus beeksifte.

    Dubbii himaan Mesii, Mesiin sa'aatii saganticha irra turuuf waliigalame kabajeera jechuun ibse.

    Poolisiin bulchiinsa Kolkaataa ammoo qopheessaan sagantaa kanaa to'atamuu himeera.

    Amma dinqisiifattootni maallaqa Mesii arguuf tikkeeta bituuf baasan haala deebisanii argatan irratti mariyatamaa jira.