IMF waa'ee haaromsa dinagdee Itoophiyaa maal jedhe?
Ministirri Faayinaansii Itoophiyaa Ahimed Shiidee Itti Aanaa Daariktera IMF waliin dhimma dinagdee Itoophiyaa irratti har'a Finfinneetti mari'ataniiru.
Itti Aanaa Daariktera IMF, Naayijel Kilaark, "har'a jijjiirama haaromsi dinagdee Itoophiyaa fide ofumakoon arguuf carraa argadheera.
Haaromsi Dinagdee biyya keessaa Itoophiyaan hojiirra oolchite nama raajeffachiisa'' jedhan Naayijel Kilaark.
Bu'uurri haaromsa hojiirra oole kanaa dinagdee Itoophiyaa haaromsuu fi haalatti guddinni dinagdee yeroo dheeraa keessa uummata Itoophiyaa fayyadu galma ga'u mirkaneessuu'' ture jedhan.
"Ministirri Faayinaansii Ahimed Shiidee erga sagantaa IMF deeggaru hojiirra oolchuu jalqabnee waggaa afur guunneerra jedhan.
Sagantaan hojiirra oole Maayikiroo ikonoomii Itoophiyaa wal hin madaaliin ture furuun guddina dinagdee gabaa irratti hundaa'ee fi dandamataa hojiirra oolchuu ture jedhan ministirichi.
Ahimed Shiidee haala liqaa dheerate irratti yeroo madaallii arfaffaa xumurreerra jedhanii waliigaltee wal deeggarsaa biraa mallatteessuuf qophii tahuu himan.
Deeggarsa IMF, Baankii Addunyaa fi dhaabbilee liqaa kennaniin gama maayikiroo ikonoomiin bu'aa gaarii galmeessineerra jedhan.