Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tarkaanfiin Tiraamp godaantotarratti fudhachaa jiru Itoophiyaanota miidhaa? Maal gochuu qabu?
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp godaantota dhalattoota Sumaalee ta'an Ameerikaa seenan akka biyyaa ari'an dhaadachuun isaa yaaddoo uumeera.
Keessumaa bulchiinsa Ameerikaa dhalattoonni Sumaalee itti heddummaatan Mineesotaa keessatti Sumaalotarrayyu darbee hawaasni Itoophiyaa yaaddoo kanarraa bilisa waan ta'an hin fakkaatu.
Sababiin isaa ammoo dhalattoota Sumaalee Ameerikaatii ar'iuu dhaadachuu qofa osoo hin taane, bulchiinsi Doonaald Tiraamp imaammata bal'aa godaantotaaf yaaddoo ta'an diriisuun hojiirra oolchaa jira.
Dhuma ji'a Sadaasaa kana bulchiinsi Tiraamp namoota biyyoota 19 irraa gara Ameerikaa deemuun 'giriin kaardii' argatan deebisee ilaaluuf tahuu ibsee ture.
Tiraamp Giriin Kaardiin namoota biyyoota 'nu yaaddeessu' jedhamanirraa godaananii bal'inaan irra deebiin ilaalamuu qaba jechuun hogganaan Tajaajila Lammummaafi Godaansaa ajajeera.
Giriin kaardii biyyoota kamiitu irra deebiin ilaalamuuf tarree keessa gale jedhee BBC'n dhabbata Tajaajila Lammummaafi Godaansaa gaafatee ture.
Dhaabbatichi labsii Waxabajjii darbe Waayit Haawus baase eeruun Afgaanistaan, Kiyuubaa, Heeytii, Iraan, Somaaliyaa fi Veenizuweelaan faa' keessa jiru jedhe.
Kana malees, Doonaald Tiraamp, "godaansa biyyoota hiyyeeyyii addunyaa hundumarraa gara Ameerikaa godhamu dhaabbataadhaan akka dhorku dubbateera.
Yaadni Tiraamp kun haleellaa loltoota Ittisa Biyyaa US lamarratti Sadaasa 28, 2025 Waashingitan DC ollaa Waayita Hawusiitti raawwatameen shakkamuu lammii Afgaanistaan hordofee dhagahame. Haleellaa sanaan loltuun tokko du'uun gabaafamee ture.
Tiraamp sagantaa yaaddessaa kana hojiirra akka oolchu ibsaa osoo jiruu Kibxata gaafa Mudde 2, 2025 dhuma walga'ii kaabinee televizhiniin sa'aatii tokkoof tamsa'erratti godaantota Somaalee Ameerikaa keessatti arguu hin barbaadu jechuun dubbate.
"Gara bakka irraa dhufaniitti deebiyuu qabu, biyyi isaanii waan tokkoofillee faayidaa hin qabu. "Ani biyya keenya keessatti isaan hin barbaadu. Dhugaasaa isinitti himuudhaaf, EYYEEN. Namni ta'e, 'Oh, akka siyaasaatti sirrii miti jechuu mala. 'Maaltu na galche, dhimma koo miti. Ani biyya keenya keessatti isaan hin barbaadu," jechuun dubbate pirezidant Doonaald Tiraamp.
Tarkaanfiin hawaasa Sumaalee irratti fudhatamu kun Oromoo dabalatee ummata Itoophiyaa achi godaananiif hangam yaaddoodha?
Ameerikaa, Meriilaanditti gorsaa seeraa, abokaatoo dhimma godaansaafi barsiisaa seeraa Henook Gabbisaa (PhD) BBCn dubbiseera.
Namoota biyya biraarraa godaananii 'Green Card' [hayyama jireenyaa argatanii Ameerikaa jiraachaa jiran ilaalchisee imaammati tokko akka bahe kan kaasu Dr. Henook, bara 2021 hanga 2025tti gara biyya sanaatti godaananii 'Green Card' argatan ykn iyyannoon isaanii ilaalamaa jiru akka keessa deebiyamee ilaalamu gaafata jedha.
Bara kana keessa hayyama jireenyaa kenname ykn iyyanni gale akka keessa deebiyamee ilaalamu qofa osoo hin taane, iyyannoon isaanii ilaalamaa kan jiru yeroodhaaf akka dhaabbatu taasifame jedha hayyuun seeraa kun.
Ameerikaatti dhaabbanni dhimma godaantotaa hojiirra oolchu ICEn kan adamsu namoota dhaddacha godaantotaatiin Ameerikaatii akka bahan murteesse ta'ee, dabalataanis namoota yakkaan ykn dhimma biraatiin barbaadamanidha jedha Dr. Henook.
Dr. Henook godaantonni kolu-galtummaa gaafatan gaaffiin isaanii fudhatama yoo dhabellee mirga ol iyyachuu ni qabu jedha.
Baqataan tokko dhimmi isaa mana-murtiitti ilaalamaa osoo jiruu "baqataa seeraa alaa" jedhamuu akka hin dandeenye dabalee ibsa abokaatoon godaantotaa kun.
Baqataan tokko gaaffiin isaa fudhatama dhabnaan hanga mana-murtii waliigalaatti deemee dhimmi isaa akka ilaalamuuf gaafachuu danda'a.
Ameerikaatti gaaffiin kolu-galtummaa bifa lama qabu. Tokkoffaan daangaa cabsanii karaa seeraan alaa namoota seenanidha.
Isaan kun warra viizaa malee dhufe waan ta'aniif osoo hin qoratamiin ykn akka seenaniin osoo isaaniif hin hayyamamiin "cabsanii warra galan" waan ta'aniif daagaa Ameerikaa cabsanii akkuma galaniin harka kennuun kolu-galtummaa gaafatu.
Godaantonni daangaafi seera cabsanii seenan dhimmi isaanii kallattiin mana-murtii immigireeshiniitiin ta'a.
Isaanis kolu-galtummaa erga gaafataniin ooda akka nama kamiiyyu adeemsa seeraa hordofanii kolu-galtummaa argachuu danda'u. Argachuu baannaan hanga mana-murtii waliigalaatti deemanii dhimmi isaanii akka ilaalamuuf gaafachuu danda'u.
Henook Gabbisaa adeemsi kun salphaa waan hin taaneefi abokaatoo seeraa isaan barbaachisa jedha. Adeemsi isaa walxaxaa waan ta'eef maallaqa guddaas isaan gaafata akka inni jedhutti.
Kan lamaffaa ammoo viizaatiin qorannoon irratti taasifamee turistiin ykn viizaa gosa gara garaatiin gara biyya keessaa kan galan yoo ta'u, isaan gara mana-murtii osoo hin taane gara ICE deemanii kolu-galtummaa gaafatu.
Namoonni akka kanaa himata osoo hin taane gaaffiifi deebii akka marii fakkaatuti taasifamaaf.
Yeroo baayyee sababa amansiisaa ta'e yoo qabaatan gaaffiin kolu-galtummaa isaanii fudhatama argata.
Gaaffiin isaanii fudhatama yoo dhabe ykn yoo hayyamamuufiif dhabe garuu gara mana-murtii baqattootaatti geeffamee dhimma isaanii abbaan seeraa ilaalaaf.
Abokaatoo Henook karaa seeraan viizaatiin namoonni galan gaaffiin isaanii ' Affirmative Asylum Process' kan jedhamu akka ta'eefi karaa daangaa seenanii warri kolu-galtumma gaafatan ammoo 'Diffentive Asylum' akka jedhaman ibsa.
Seera cabsanii waan seenaniif adeemsicha keessattis "biyya kanaa ari'amtu, sababiin ittiin hin ari'amneef maalidha? Nu amansiisaa" adeemsa jedhuti jira jedha.
Murteen falmii hedduu kaase kun seenaa keessatti murtee mana-murtii badaa ta'an keessaa kan eeramu ta'uu danda'a jedha hayyuun seeraa kun.
ICE baqattoota dhimmi isaanii mana-murtiitti ilaalamaa jiru hidhuu danda'aa?
Ogeessi seeraa kun buchiinsi Tiraamp baqattoota gaaffiin isaanii adeemsarra jiru hidhuu hin danda'u jedha.
Bulchiinsi kun hidhuu kan danda'u namni tokko kolu-galtummaa gaafatee dhimmi isaa osoo ilaalamaa jiruu yakka yoo hojjete, yakka idilee yoo hojjete ta'uu ibsa.
Lamaffaa ammoo baqattoonni daangaa cabsanii seenan iyyata isaanii mana-murtii galchanii dhimmi isaanii ilaalamaa kan jiru yoo ta'e yeroo yerootti gara waajira dhimmi ilaallatuu deemanii gabaasa gochuun irraa eegama.
Baqatoonni daangaa cabsanii seenan hidhamanii waan gadhiifamaniif, yeroo bahanitti deddeebiyaanii gabaasa akka godhaan ajajamu jedha Henook.
"Kun 'alternative detention' isa jedhamudha. Yeroo barbaadamanitti deemanii gabaasa yoo hin goone battalumatti qabamanii mana-hidhaa galfamuu danda'u."
Baqattoonni akkasii mana-hidhaa yoo galfamanis gaaffii kolu-galtummaa isaanii mana-hidhaa keessa taa'anii hordofuu danda'u.
"Kana jechuun ammoo ICEn qabee gara biyyasaaniitti isaan deebisa jechuu miti," jechuun ibsa Dr. Henook Gabbisaa.
Namni kamiyyu biyya kana keessa seenee gara biyya isaatti akka deebiyu gochuudhaaf murtee daanyaa barbaada kan jedhu Dr.Henook, "mana-hidhaarras ta'e mana-hidhaatiin alatti dhimma isaa hordofee raawwachiisuuf murtee daanyaa barbaachisa."
Ameerikaa karaa seeraatiin viizaatiin seenanii gaaffii kolu-galtummaa dhiyeessuun cufameeraa?
Ameerikaatti hayyuu seeraa kan ta'e Henook Gabbisaa akka jedhutti, karaa seeraa viizaatiin Ameerikaa seenaniin gaafii kolu-galtummaa gaafachuun ammayyu ni danda'ama.
Abokaatoo godaantota kan ta'e Henook, seerri 'Immigration Nationality' bara 1980oota keessa Kongiresii ragaasifame pirezidaantichi aangoo shaaruu hin qabu jedha.
"Seera Kongiresii kan jijjiiru Kongiresii mataa isaa ykn ammoo mana-murtii qofadha," kan jedhu Henook, namoonni kolu-galtummaa gaafatan yeroo murtaa'eef deebiin hin kennamuuf qofa jedhama.
Seerri, imaammanni ykn ajaji pirezidantii (excutive order) mirgi kolu-galtummaa gaafachuu cufameera jedhu baheeru hin jiru.
Bulchiinsi Tiraamp godaantota biyyoota 19 irraa dhufan adda baase ilaalchisuun abokaatoowwan yeroo dubbatan, "biyyoota kanneen keessaa viizaa argatanii dhufuun ulfaataa ta'eera; namni kamiyyu viizaa argachuu dhabuu danda'a," jedhu.
Tiraamp bara bulchiinsa isaa jalqabaa keessa biyyoota Musiliimaa torbarra dhorkaa viizaa kaa'ee ture.
Ammammoo Ertiraa, Somaaliyaa fi Sudaan dabalatee baqattoonni biyyoota 19 irraa dhufaniifi hayyama jireenyaafi hojii qaban ragaan isaanii irra deebiyamee qorannoon akka irratti taasifamu ibsameera.
Sababa ejjennoo Tiraamp dhimmi warra kolu-galtummaa gaafatanii harkifacuu danda'aa?
Namoota seeraan galaniif saffisni iyyanni isaanii itti ilaalamuuf haalaan dabaleera jedhu abbootiin seeraa.
Namoonni karaa seera-qabeessa ta'een seenan dur gaaffiifi deebiidhaaf waggaa sagal hanga kudhanii eegaa turan, amma garuu ji'a tokkoo hanga lamaa booda gaaffiifi deebiidhaaf waamamuu danda'u jedhu abukaatonni.
Carraa isaan murtee argachuuf qaban ammoo dhibbentaa 50 yoo ta'u, kaneen hanga parsantaan 50 ammoo ji'a ja'aa ol isaan fudhata.
"Erga pirezidant Tiraamp gara aangootti dhufee booda namoonni raga quubsaafi, dhimma amansiisaa qaban, dhugumatti warra kolu-galtummaa gaafatan, ji'a lama keessatti waraqaa argatan maamiltoota hedduu qaba," jdha Dr. Henook.
Itoophiyaanonni kolu-galtummaa gaafatan maal gochuu qabu?
Abokaatoon dubbisne akka jedhanitti, Somaalotaa fi Itoophiyaanota adda baasuun rakkisaadha jedha. Kanarratti ammoo Somaalonni Itoophiyaarraa ta'an jiru.
Qondaalonni ICE ammoo gara Miniyaapoolis deemuun isaanii waan hafu miti kan jedhe Dr. Henook, "isaaf qophii gochaa jiru," jechuun dubbata.
"Kanaan ammoo kaneen miidhaman baqattoota Somaaliyaarraa ta'an qofa miti. Namni kamiyyu gaaffii kolu-galtummaa gaafate miidhamuu danda'a."
Walumaagalatti of eeggannoo gochuun akka barbaachisu kan himu hayyuun seeraa kun, namoonni kolu-galtummaa gaafatanii dhimmi isaanii ilaalamaa jiru rakkoo biraa keessa akka of galchuu hin qabne gorsa.
Yeroo konkolaachisaniti of eeggannoo gochuu qabu; dhuganii oofuullee hin qaban; saffisa barbaachisuun olitti oofiis hin qaban; yeroo socho'anittis sanadoota isaanii barbaachisoo ta'an qabatanii deemuu qabu; qaamolee nageenyaa waliin atakaaroo keessa galuu dhiisuu; yeroo qaamoleen seeraa ykn nageenyaa isaan dhaabsisanitti hidhamuurra jedhanii miliquudhaaf yaaluu dhiisuu kaneen jedhan of eeggannoo taasisuu qaban keessaati.
Baqattoonni gaaffiin kolu-galtummaa isaanii ilaalamaaf jiru hayyama hojiisaanii ykn nagahee isaanii yeroo barbaachisaa ta'etti qaamolee nageenyaatti agarsiisuu, warri viizaan jiran ammoo viizaa isaanii agarsiisu akka qaban gorsu.
Gaa'ela keessatti ykn jaalallee isaanii waliinis taanaan atakaaroo keessa galuu dhiisuun xiyyeeffannoo qaamolee nageenyaa keessa karaa hin malleen seenuu xiqqeessuu danda'a.
Yoo to'ataman garuu battalumatti gara abokaatoo godaantotaa (immigireeshiniitti) bilbiluun isaanirra jira.
Yeroo hunda bilbila abokaatoo qabatanii soch'uufi to'annoo jala yoo oolfaman abukaatoo isaaniitiif dafanii bilbiluu akka qaban gorsan.