
Madda suuraa, Marharyta Fal/Frontliner/Getty Images
Wixineen karoora nagaa US-Raashiyaa bal’inaan miliqee kan ba’e
yoo ta’u, naannoowwan industirii Yukireen baha Donbaas ammallee to’annoo
Yukireen jala jiran Raashiyaaf dabarfamee akka kennamu yaadni dhiyaateera.
Wixineen karoora nagaa kun qabxilee ijoo 28 kan qabu yoo ta’u, irra isaa yeroo
ilaalan qabxiiwwan Yukireen fudhachuu dandeessu hedduu qaba. Kaan garuu
dhimmoota ifa hin taaneefi sirrii ta’uu dhabuu malanitu keessa jiru.
Walabummaan biyyummaa Yukireen "kan mirkanaa’e ta’a"
,akkasumas " waliigalteen Raashiyaa, Yukireen fi Awurooppaa gidduutti walirratti waraana banuu dhorku ni jiraata.
Kiiviif "wabii nageenyaa" cimaa ykn amanamaa ta'ee fi guyyoota 100
booda filannoo ariifachiisaa akka gaggeeffamuuf gaaffiin ni jiraata.
Yoo Raashiyaan Yukireen weerarte ammoo qoqqobbii irratti deebisuufi
waliigaltee kana cabsinaan ammoo "waraanaa qindaa'aa cimaan deebiin"
akka kennamu yaadameera.
Yukireen keessatti seera waraanaa waan bulaa jirtuuf
filannoon hin danda’amu ta’us, yaadaan yoo waliigaltee nagaa mallatteeffame
gaggeeffamuu danda’a.
Garuu wabii nageenyaa irratti eenyu akka isheef kennuufi
hangam cimaa ta'uu akka danda'an bal'inaan hin jiru.
Kun ammoo haleellaa Yukireen irratti raawwatamu akka
haleellaa hunda irratti raawwatameetti ilaaluuf waadaa akkaataa NATO keewwata
Shanaffaa irraa baay’ee gadi bu’a.
Lafa Yukireen dabarsee kennuu fi humna waraanaa hir’isuu
Yaadota baay’ee falmisiisaa ta’an keessaa tokko Yukireen lafashee
to’attee jiru keessaa dabarsitee kennuufi humna waraanashee hir’isuudha.
"Humnoonni Yukireen kutaa Doonetsik Oblaast amma
to'atan irraa ni ba'u.
Lafa yoo xiqqaate lammiileen Yukireen miliyoona afurtamaa
keessa jiraatan - magaalota Doonetsik "fortress belt" Slovyansk,
Kramatorsk fi Druzhkivka - dabarsuu - irra caalaan lammiilee Yukireen fudhatama
hin qabaatu. Raashiyaan magaalaa Pokrovsk qabachuuf yaaluun waggaa tokkoo ol
dabarsiteetti - Yukireen lola malee wiirtuuwwan tarsiimoo barbaachisoo akkasii
dabarsitee kennuun ishee hin oolu.
"Baayyinni Raayyaa Ittisa Biyyaa Yukireenis loltoota kuma 600 qofaan daangeffama."
Waraanni Yukireen Amajji darbe loltoota 880,000 iiraa akka gahe
tilmaamameera, kunis yeroo weerarri kun guutuutti jalqabame bara 2022 keessa 250,000 ture.
Loltoonni Yukireen gara 600,000 gadi akka xiqqatu kana
Raashiyaan fudhachuu dhiisuu dandeessi. Isheen kana caalaa akka hir’ifamu
barbaaddi.
Wixineen kun " Kiriimiyaa, Luhansk fi Donetsk akka qaama
Raashiyaatti beekamtii ni argatu" jechuun yaada dhiyeessa.
Egeree Yukireen - Gamtaa Awurooppaa waliin malee Naatoo waliin ta'uu akka hin dandeenye kaa'a.
Raashiyaan moggeeffama kanaan dura irra ture jalaa akka baatus yaada dhiyeessa karoorri kun.
Raashiyaan dinagdee addunyaa keessatti deebitee akka makamtu" waliin adda baafamuu irraa deebiftee garee humnoota G8tti deebitee affeeramuu ishee eera.
Haata'u malee. wixineen kun qabxiiwwan biroo murtessoo ta'an hin kaasiin hafes ni qaba.