Magaalaa Itoophiyaa haftee Pilaastikaa to'achuun badhaasa idil-addunyaa argatte

Madda suuraa, Bulchiinsa Magaalaa Harar
Magaalli Harar A.L.A. bara 2024 irraa eegaluuni hafteewwan Pilaastikaa too'achuu fi gara omisha bu'a qabeessa ta'eetti jijjiiruuf tattaaffii taasisuu kan eegalte.
Hoji-gaggeessaan magaala Harar Obbo Yaayaa Abdurashiim BBCtti akka himanitti, magaalattiin dhaabbata Kiyuubik Itoophiyaa jedhamu waliin ta'uun Harar balfa pilaastikaarraa bilisa gochuuf hojii hojjetaniin bu'aan argamuu himu.
Hojii waggaa tokko keessatti hojjetameenis magalattiin yaa'ii ce'umsa magaalotaa Fooramii Diinagdee Addunyaa Ameerikaatti taa'amerratti beekamtii argatteetti.
Obbo Yaayaan akka jedhanitti, pirojektiin magaala Harar balfa pilaastikaarraa bilisa gochuu kuni kan eegale rakkoo balfi pilaastikaa geessisaa jirurraa ka'uuni jedhu.
"Pirojektiin kuni karoora waggaa 10 keessatti haftee pilaastikaa guutumati too'achuuti. Kunis balfa pilaastikaa gara carraatti jijjiiruu, nageenya naannoo eeguun magaalattii bakka jireenyaaf mijataa ta'e uumuu kan karoorfate" jedhan.
Balfi pilaastikaa daandiiwwan magaalattiirratti gataman, bo'oowwan lolaa keessatti kuufamanii fi bakka kosiitti tuulaman gara carraatti jijjiiruun eegalamuus himu.
"Pirojektii kanaan bakka balfi itti gatamutti balfa gubuu hambiseera. Hafteewwan Pilaastikaa adda bahanii hojiif oolu. Hojii hanga ammaa hojjetameen balfa pilaastikaa harka 90 ta'u too'achuun danda'amera" jedhan.
Hafteewwan pilaastikaa kana adda baasuun, manneen jiraattotaa keessaa walitti qabuu fi gara omishaatti jijjiiruu keessattis namoota 600 caalaniif carraan hojii uumamuus dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Balfa Pilaastikaa kana amma gara bilokeetiitti jijjiiruun akka danda'amu hojiin eegalameera. Kanaanis meeshaalee ijaarsaa kaarboonii gadi aanaa qabaniin ijaarsa raawwachuun akka danda'amu baratameera" jedhan.
Magaalichatti bilokeetii haftee pilaastikaa irraa hojjetameen yeroo jalqabaatiif manni kitaabaa uummataa ijaaramee tajaajila kennaa jira.
"Pilaastika toonii 28 ta'u fayyadamuun manni kitaabaa guddaan magaala Harar keessatti ijaaramee jira. Manni kitaabaa kuni keenyaan isaa guutumaan guutuutti haftee pilaastikaa ir akan hojjetamedha" jedhan Obbo Yaayaan.
Magaalli Hararitti hojii hafteewwan pilaastikaa gara bu'aatti jijjiiruuf waggaa tokko keessatti hojjetameen kaarboonii gara qilleensa naannootti gadhiifamuu malu 700,000KG hanbisuun danda'ameeras jedhan.
Pirojektin hafteewwan pilaastikaa gara omisha bu'aa qabuutti jijjiiruu fi magaala Harar balfa pilaastikaa irraa bilisa gochuu kuni waggoota 10f kan itti fufu yoo ta'u hojii hanga ammaa hojjetameenis magaalota biyyattii keessaa fakkeenya ta'u akka dandeesse dubbatan.
Magaala Harar keessatti hubannoo hawaasaa gama hafteewwan pilaastikaatiin jiru kanarratti uumameen hawaasni hafteewwan pilaastikaa kana baasee gatuu caalaa kuusee birriidhaan gurgurachuu jalqabuus himan.
"Amma dubartoota 600 dhaabbiidhaan hafteewwan pilaastikaa kana walitti qabuurra jiru. Hawaasnis amma hafteewwan pilaastikaa kana karaarratti gatuurra birrii xiqqaan gurgurachuu akka danda'u baraa jira" jedhan.
Magaalli Harar waggoota itti aanan keessatti 'magaala hafteewwan pilaastikaa irraa walaba taate' ta'uuf hojjechaa kan jirtu yoo ta'u, badhaasni idil-addunyaa tibbana argatanis hamilee guddaa kan uumedha jedhan Obbo Yaayaan.
Hafteewwan pilaastikaa kana hojiiwwan ijaarsaa fi bareedinatiif oolchuun alatti gara madda anniisaatti jijjiiruunis galma magaalattiin qabatte keessaayi.
Magaalattii keessatti kan argamu Dallaan Jogol, hambaa addunyaa ta'uun A.L.A bara 2006 UNESCOtti galmaa'e.
Harar magaala Itoophiyaa umrii dheeraa lakkoofsiiste yoo taatu jaarraa 7ffaa keessa buu'uureffamuusheetu himama. Dallaan Jogol magaalatti marfatus balbala shan qaba.
Magaalli Harar akka gaanfa Afrikaattis ta'e akka addunyaatti giddigala daldalaa turuusheen seenaa keessatti beekamti.















