Areera aannan harree kiiloo tokkochi Yuuroo 1,200tti gurguramu

Madda suuraa, Getty Images
Sarbiyaa keessatti areerri (cheese) aannan harree irraa hojjatamu kiiloo tokko Yuuroo 1,200tti gurgurama. Kunis giddugalaan mindaa ji'aa caalaa gatii qaba.
Areerri ykn ittoon kunis kan gurguramu bakka kunuunsa uumamaa 'Zaasaavichaa keessatti. Eddoon kunis magaalaa guddoo Belgireed irra gara lixaatti tilmaamaan gara km80 fagaatee argamu keessatti.
"Areera kiiloo giraama tokko hojjechuudhaaf aannan harree liitira 25 si barbaachisa. Harreen tokko ammoo aannan hanga sanaa kennuuf waggaa tokoofi walakkaa ol itti fudhata," jechuun hogganaan kunuunsa uumamaa Zaasaavichaa Vuk Simic BBCtti kan himan.
Areerri harree kun kanneen gatii jabaa qaban keessaa tokko ta'us, areerri cuquluusni Ispeen keessatti omishamu fi Kaabiraalees (blue cheese) kana caalaa baayyee qaaliidha.
Areerri cuqulusni kiilogiraamni 2.5 bara 2024tti Yuuroo 36,000tti gurgurameera. Kanaanis galmee Giinas addunyaa ( Book of World Records) irratti galmaa'eera.

Madda suuraa, Getty Images
Areerri aannan harree kunis ammalleen kan qananiin akkuma ta'eetti kan hafe yoo ta'u, warra kiisiinsaanii guutuu ta'e qofatuu bitata.
Taphataan kubbaa minjaalaa (teeniisii) Saarbiyaa Noovaak Jookooviich ittoo kanaan hawwatameera. Innis dhiyeessii manneen nyaataa isaa kan waggaa guutuutiif ittoo harree bitachuun himameera.
Akka hogganaan duraanii dhabbata kunuunsa uumamaa duraanii, Silobodaan Siimiich jedhaniitti, Jokoovich walakkaa kiiloo tokkoof naannoo Yuuroo 480 kaffaleera.

Jannata umamaa
Zaasaavichaan bakka kunuunsa uumamaa kan lafa iskuweer kiiloo meetira 36 qabu yoo ta'u, gosoota biqiltootaa fi bineensota baay'ee hin argamne, fardeen bosonaafi gosoota simbirroota dhibbaan lakkaa'aman kan qabdudha.
Haata'u malee, jiraattonni ishee beekamoo ta'an harrootadha. Harroonni gara 300 ta'an kan achiitti argaman yoo ta'u, bakki kunis bakka horsiisa harree guddicha kibba baha Awurooppaa keessatti argamudha.

Madda suuraa, Getty Images
Ilmoolee harree reefuu dhalatan miilaan of danda'anii dhaabbachuu hin dandeenye haadhoolii saaniirratti irratti hirkachuun kirkiru. Isaanis haadholii isaanii irraa ho'aa fi soorata kan barbaadan yoo ta'u, harroon kaan immoo ciisanii mul'atu.
Harroonni mata jabummaadhaan maqaa gaarii kan hin qabne ta'anis, uumamaan beeleedoota gara laafoo fi kan namaan waliigalaniidha.
"Tokkoon tokoo harree eenyummaa dhuunfaa ofii isaa qabu," jedha itti gaafatamaan qonnaa horsiisa harree kanaa, Nikolaa Niiliichi.
"Kaan isaanii baayyee taphatu, gariin isaanii ammoo of eeggannoo kan qabaniidha. Garuu hundi isaaniituu xiqqoo hammannaa jaallatu, garuu baayyee miti," jedhu.
Kutaa harroota dhaltuu
Harroota gara 300 keessaa muraasa qofaatuu dhiira. ''Mana dubartootaa kan fakkaatu keessa jiraatu'' jedhu qoosaa.
Harroonni dhaltuun dhalanii guyyoota sagaliin booda dhiiroota waliin wal qunnamuuf qophii ta'u. Kunammoo aannan akka qopheessaniif isaa gargaara.
Haata'u malee, harroonni aannan kennuu kan danda'an yoo ilmoo qabaatan qofaadha. Akkasis ta'e hammi aannan harroonni kennanii baayyee gadaanaadha.

"Harreen tokko guyyaatti gara aanan miilii liitirii 300 ta'u qofaa oomishiti. Kunis hanga bishaan birciqqoo tokkoo kan gahudha jechuudha'' jedhan Siimiichi.
Isa keessaayis wallakkaan ol kan dhugan ilmoolee harreeti. Kanaafuu hammi aannan harree guyyaatti argamu danda'amu baayyee gadaanaadha.
Icciitii areera aannan harree
Garuu areera aannan harree maaltu adda taasisaa?
Icciitii qabiyyee aannan harree yoo gaafatamaniitti, Niikolaa Niilichi seequudhaan, ''Isa sana isinitti hin himu'' jedhan.
Yaadni aannan harree irraa areera hojjachuu kunis jalqaba waggoota dheeraan dura abbaa Vuuk Simiichii, Obbo Silobodaan Simichiin ture.
Aannan harree kan aannan namaa fakkaatu yoo ta'u, haala salphaatti itiita. Kanaafuu aannan kanarraa areera hijachuun salphaadha.

Haata'u malee, yaaliiwwan hedduun erga fashalaa'anii booda ture, injinaroonni nyaata Zaasaaviikaa dhumarratti mala kana kan milkaa'an.
"Dhamni areera (pule cheese) kanaan addadha," jechuun Simich yaada kennaniin. "Jechuu kanan danda'u dhamni isaa baayyee namatti tola, qaaliidhas."
Areerri aannan harree irraa hojjatamu kun ummataan baayyee kan barbaadamu ta'ulleen, ummata bal'aatti kan hin gurguramne akkasumas kan gara biyya alaatti hin ergamnedha.
Zaasaavichaa qofa irraa bitamuu danda'a. Kunis mana nyaataa bakka sanatti argamu keessattillee osoo hin taane, suuqii xiqqaa naannoo sanaa qofa keessatti gurgurama.
"Waggaatti kilogiraama 25 hanga 30 qofa oomishna. Kunis ammoo oomisha addatti baay'ee hin argamne taasiseera," jechuun Simich kan ibsan.
Oomisha harkiifataa
Sarbiyaan horsiisa harree hedduu qabdi. Haata'u malee baayyeen isaanis areera osoo hin taanee aannan gurguru jedha odeeffannoon Waldaa Horsiisee Bultoota Sarbiyaa irraa argame.
Oomishin aannan harree guddina diinagdee biyyattiif gumaacha baayyee gadaanaa qofa akka qabu Manni Maree Daldalaa Sarbiyaa BBC'tti hime.

Madda suuraa, Getty Images
"Oomisha areera aannan harree baayinaan qopheessuun bu'aa hin qabu," jedhu.
Areera kana alerguun dambiiwwan addaa kan barbaadu yoo ta'u, Zaasaaviikaan qophii nyaataa icciitii ta'e kanaaf dhaabbata oomishi tokkicha.
"Ammaaf nama kamiiyyuu waliin qooduudhaaf karoora hin qabnu," jechuun Simich cimsee dubbata.

Sadarkaa idil-addunyaatti namoonni bituu barbaadan hedduun jiraatan illeen, Simich areera aannan harree alerguun dursa waan kenniiniif akka hin taane himu.
"Namoonni addunyaarra jiraatan waa'ee keenya dhaga'uu jalqabaniiru. Nuti immoo ittoo oomishnu hunda gabaadhaaf dhiyeessina," jedha ofitti amanamummaadhaan.
Haata'u malee maamltoonni isaanii harki caalaan namoota biyya alaa dureeyyii ta'anii fi nyaata mi'aawaa baay'ee hin argamne kana bitachuuf fedhii qaban ta'uu isaanii dubbataniiru.












