Baayern Muunik 10-0 Oklaand: Riikardii Waancaa Kilaboota Addunyaa

Dorgommii waancaa kilaboota addunyaa

Madda suuraa, Getty Images

Waancaan Kilaboota Addunyaa Yunaayitiid Isteetsitti Sambata darbe eegalame guyyaa kaleessaa seenaa dorgommichaa keessatti riikardii haaraa galmeesse.

Dorgommii idila addunyaa guddaarrattis walmadaaluu dhabuu gareelee dorgomanii isa guddaatu mul'ate.

Yeroo 34 shaampiyoonaa Jarman, yeroo jaha ammoo shaampiyoonaa Awurooppaa kan ta'e Baayern Muunik kilaba biyya Niiw Ziilaand Oklaand Siitii 10-0n injifate.

Baayern yeroo dhumaatiif gargaagartummaa goolii 10 oliin kan injifate bara 2021 ture.

Taphni kun 10-0n haa xumuramuyyuu malee sanaa ol ta'uu danda'a ture.

Baayeern bundasliigaa keessatti goolii 10 oliin injifatee beeka. Bara 1971 Doortimandiin 11-1n mo'ateera. Bara 2021tti ammoo garee biyyattii xiqqaa Bireeme SV jedhamu 12-0n mo'atee beeka.

Riikardiin goolii kilabichaa bara dorgommii 1997/98 kilaba DJK Walibarg jedhamurratti kan lakkoofsise16-1 dha. UStti riikardiin kunuu cabuu danda'a jedhamee shakkamee ture.

Waancaa kilaboota addunyaarratti injifannoon garaagartummaa goolii guddaa galmaahe bara 2021 Al- Hilaala Al Jaziiraa garagartummaa goolii jahaan isa injifatee turedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Warri Oklaand goolii kanaa oliinuu mo'amuurraa hafuusaaniitti carroomaniiru. Baayern yaaliiwwan goolii 31 taasise, sana keessaa 17 kallattii isaanii kan eeggatan turan. To'annoo kubbaa 71% qabatanii turan.

Oklaand kubbaa tokko qofa kallattiisaa eeganii goolii eegaa Baayern Imaanu'el Nuweeritti rukutan.

Taphattootni garee biyya Niiw Ziilaand kun piroofeeshaanalota miti. Kilaba guddaa akka Baayern wajjin dirree keessattis ta'e direen alatti yoo madaalaman walirraa hedduu fagoo jiru.

Leenjisaan kilabichaas kana dhugaa bahuun, hiree Baayern waliin taphachuu argachuunuu guddaa ta'uu dubbatan.

Garaagartummaa gudddaa kilaboota lamaanii ilaaluuf:

Galii bara darbe kilabootni lamaan argatan wal biratti yoo ilaalamu Oklaand bara darbe galii doolaara Niiw Ziilaand miliyoona 1.1 argate. Baayern ammoo yuuroo miliyoona 951.5.

Taphattootni Okilaand torbanitti miindaan argatan doolaara Niiw Ziilaand 150 (£66). Miindaan Haarii Keen torbanitti paawundii 400,000. Taphataan garee kanaa miindaa hanga Harii Keen argachuuf waggaa 117 eeguu qaba jechuudha.

Taphattotni garee Okilaand walumatti yuuroo miliyoona 4.58 baasu jedha Transfermarkt. Miseensonni garee Baayern ammoo yuuroo miliyoona 903.5.

Akka sardarkaa Opta'n baasuutti Baayern sadarkaa jahaffaaratti argama. Okilaand ammoo 5,074ffaarra jira.

Dorgommii waancaa kilabota addunyaa irratti kilbni biraan sadarkaa gad aanaarra argamu kilaba biyya UAE Al Ain yoo ta'u, sadarkaa 625ffaarra jira.

Akkamiin hirmaannaa waancaa kilaboota addunya argate?

Okilaand shaampiyoonsi Liigii biyyoota Oshiiniyaa bara 2021 hanga 2024 gaggeeffame keessatti garee gaarii jedhamee filatame.

Dorgommi aardii kanaarratti Okilaand injifannoo guddaa qaba. Erga bara 2006 as yeroo 13 shaampiyoonaa ta'eera.

Taphoota dorgommii kanaa as dhiyoo shan keessa afur injifachuun tokko qixxee bahan.