Ameerikaatti killeen 100,000 suuqii keessaa hatame

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaatti qaala'insa gatii killee mudateen wal qabatee killeen 100,000 suuqii tokko keessaa hatamuun ibsameera.
Hattoonni kutaa Ameerikaa Pensilvaaniyaa keessatti killee kuma 100 ol kan gatii doolaara kuma 40 (birrii miiliyoona shanii ol baasuu) suuqii bu'aaleen nyaataa itti gurguramu tokko keessaa hatanuun dhagahame.
Saamichi kun Guraandhala 1, 2025 suuqii konkolaataa fe'umsaa Pete & Gerry's Organics Greencastle keessatti argamu irratti kan xiyyeeffate ta'uu poolisiin beeksiseera.
Taateen kunis kan mudate tibba weerara dhibee simbirroo (bird flu) mudachuudhaan wal qabatee gatiin killee haalaan dabaluu isaatiin wal qabatee, killeen tarree soorata filatamaa gatiin hin eegamne ta'eettiidha.
Dhaabbileen gurgurtaa killees gatii omishaalee isaanii haalaan dabalan.
Ragaan mootummaa Ameerikaa irraa argame akka agarrsiisuutti, waggaa darbe keessa gatiin killee parsantaa 65 oliin dabale.
Haaluma walfakkaatunis qajeelchi qonnaa biyyattii bara 2025ttis gatiin killee dabalataa gara %20 akka dabalu tilmaameera.
Kibxata darbe dhaabbanni Waffle House maamiltoonni killee tokkoof kaffaltii dabalataa doolaara 0.50 akka kaffalan taasisuu beeksiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbanni bu'aaleen nyaataa itti gurguramu Ameerikaa kun, ''kaffaltii dabalataa yeroof gatii killee irratti dabalame kunis dabaluu gatii oomisha kanarratti haala kanaan dura baramee hin beekamneen dabaluu isaatiin walqabateeti'' jedheera.
Weerarri dhibee simbirroo kun bara 2022 kan eegale yoo ta'u, ji'oota darban keessa guutuu Ameerikaa keessatti weerarri vaayirasichaa akka mul'ate, qajeelchi qonnaa biyyattii beeksiseera.
Ejensichi ji'a Muddee keessa qofa daballii gatiin %8 ol taasifamuu isaa hubachiiseera.
Odeeffannoon qajelchaa akka agarsiisutti, Muddee bara 2023 keessaa gatiin killee kaartoonii tokkoo giddu galeessaan doolaara 2.51 yoo ta'u, waggaa tokkoon booda ammoo doolaara 4.15tti akka ol ka'e agarsiisa.
Daballii gatii kunis manneen daldalaa tokko tokko keessatti sheelfiin (girgijjii)n qullaatti akka hafu taasisuun gabaafameera.
Weerarri dhibee simbirrootaa kun guutuu Ameerikaa keessatti simbirroota, loon fi hoosistoota irratti kan mul'ate yoo ta'u, namootaatti darbuunsaa baayyee gaadaanaadha.












