Obbo Taayyee Danda'aa haqni saffisaa akka kennamuuf mana murtii gaafatan

Obbo Taayyee Danda'aa Mana Sirreessaa Qilinxootii deddeebi'uun himatasaanii hordofaa jiru.

Himatawwan sadiin kan himataman Deetaan Ministeera Nagaa duraanii Obbo Taayyee Danda'aa, haqni saffisaan akka kennamuuf mana murtii gaafachuusaanii abukaatoonsaanii himan.

Abukaatoo Obbo Taayyee kan ta'an Abarraa Nigus, Obbo Taayyeen "Ani nama hidhaarra jiru waanan ta'eef haqni saffisaa (naaf yaa kennamu), mirgi heeraakoo naaf yaa eegamu" jechuun iyyata dhiyeeffachuusaanii BBC'tti himaniiru.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddachi tokkoffaa kan yakkoota heeraafii sirna heeraa irratti raawwataman ilaaluu Obbo Taayyeen yakkoota ittiin himatamaniin balleessaa raawwataniirumoo hin raawwanne kan jedhurratti murtee laachuuf ture har'atti beellama kan qabate.

Haa ta'u malee manni murtichaa beellama biraa kennuusaa abukaatoo himatamaa kan ta'an Obbo Abarraan BBC'tti himaniiru.

"Dhaddachichi 'dhimma Taayyee Danda'aarratti abbaan seeraa tokko waan ka'eef abbaan seeraa sadaffaa nuuf hin ramadamne' kan jedhuun qorannicha osoo hin hojjetin hafaniiru" jedhan.

Manni murtichaa dhimma kanarratti beellama yeroo dheeressu kun yeroo lammaffaaf ta'uu kan himan Obbo Abarraan, beellamni inni duraa ALI Onkololeessa 13, 2018 akka ture himu.

Galmichi "ganna keessa hojjetamee murtee Onkololeessa 13 darbe ni dhageenya jennee ture. Haa ta'u malee isa osoo hin hojjetin har'atti nu beellamanii turan" jedhan.

Manni murtichaa dhaddacha Onkololeessa 13 taa'een Abbaan Seeraa tokko ka'uu isaaniitiin galmichi akka hinqoratamne itti himuun har'a Onkololeessa 24'tti beellama qabatee akka ture Obbo Abarraan himaniiru.

"Ammas sababa walfakkaataa kaasuun murteen akka dheeratu taasifameera. Dhaabbatichi Abbaa Seeraa hir'ate bakka buusuufii dadhabuusaatiin (beellamni) dheerachaa jira" jedhan.

Himatamaan Obbo Taayyee Danda'aa gama isaaniitiin murteen jalaa dheerachuusaa mana murtiitti iyyachuusaanii abuukaatoonsaanii himaniiru.

Waa'ee himatawwan Obbo Taayyee

Deetaan Ministeera Nagaa duraanii akkasumas miseensi Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda'aa, Mudde ALI 2016 aangoorraa erga kaafamanii booda ture kan hidhaman.

Itti aansuunis Abbaa Alangaa Fedraalaan himatawwan sadi irratti banamuun dhimmi isaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamuu eegale.

Himatawwan sadeen irratti banamanis Seera Yakkaa ALI Bara 1996 bahe keewwata 251/C fi keewwata 257/E akkasumas labsii meeshaa waraanaa cabsuu kan jedhanidha.

Himatawwan lamaan jalqabaa qabiyyee miidiyaa hawaasaafii miidiyaa idileetti fayyadamuun ergaawwan hookkara kakaasan akkasumas kaayyoo "qaamolee farreen nageenyaa ABO-Shanee fi Faannoo" milkeessan dabarsaniiru jedhu ofkeessaa qabu.

Boodarra Manni Murtichaa Obboo Taayyeen himatawwan lamaan jalqabaarraa bilisa gochuun himata dhimma meeshaa waraana seeraan alaa qabatanii argamuu jedhu qofa akka ofirraa ittisan ajaje.

Haa ta'u malee oliyyannoo Abbaa Alangaa bu'uura gochuun Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa ALI Caamsaa 2017 Obbo Taayyeen himatawwan lamaan mana murtii jalaatiin bilisa ittiin jedhe akka ofirraa ittisan murtee kenne.

Haaluma kanaanis himatawwan sadeenuu Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamuu itti fufan.

Abukaatoon Obbo Taayyees, "Adoolessa 30, 2017 ragaalee viidiyoo, sanadaa fi namaa dhaggeesifannee xummurreerra" jechuun himatawwan akka ofirraa ittisan ajajni kenname ofirraa ittisuu himan. Abbaan Alangaas dhaddachicharratti yaadasaa dhiyeessee akka ture himan.

Manni murtichaas galmicha qoratee Obbo Taayyeen balleessaa raawwataniirumoo hinraawwanne kan jedhurratti murtee laachuuf jalqaba Onkololeessa 13, itti aansuunis har'a Onkololeessa 24'tti titti beellama qabatee ture.

Dhaddacha hara taa'en immoo galmicharratti jalamurtii laachuuf ALI Sadaasa 3, 2018'tti beellamni qabamuu Obbo Abarraa Nigus himaniiru.