Baby Shark: Faaruun daa'immanii sakandii 90 akkamiin si'a biliyeena 16 daawwatame?

Madda suuraa, Getty Images
Faaruun daa'immanii "Baby shark, doo, doo, doo, doo, doo, doo" jedhuun beekamu ijoollee biratti akkaan jaalatamaadha. Kiim Miin -seuk bara 2016 fiilmii faaruu daa'immanii Baby Shark jedhamuun beekamu gaafa gadi lakkisu, hojiinsaa akkas addunyaa wal-gaha jedhee hin yaanne.
Addunyaarratti viidiyoo Youtube irratti hedduumminaan daawwatame ta'ee jira- Youtube irratti si'a biliyeena 16 daawwatamuun beekamtii guddaa argateera.
Qalbii ijoollee miliyeenaan lakkaa'amanii hawwachuun alatti dhaabbata viidiyoo faaruu daa'immanii kana hojjate Pinkfong jedhamullee maallaqa guddaa akka sassaabatu taasiseera.
Viidiyoo Baby Shark irraa dhaabbatichi dolaara miliyeena 400 argateera.
"Qabiyeewwan keenya qopheessinu keessaa [viidiyoon Baby Shark jedhu] addatti baay'ee jaalatama jennee hin yaanne," jedha hoji gaggeessaa dhaabbata Pinkfong kan ta'e Kiim bakka biiroo muummee dhaabbatichaa itti argamu Kooriyaa Kibbaa, magaalaa See'ul irraa.
"Duubatti deebinee gaafa ilaallu, hojii kallattii imala keenyaa jijjiiredha," jedha jechuun BBCtti hime Kiim.
'Mindaa eegnee hin turre'
Dhaabbatichi bara 2010tti daa'imman hanga ganna 12 jiraniif qabiyyeewwan dijitaalaa hojjachuuf hundaa'e.
Yeroo hundaa'u hundeessaa dhaabbatichaa kan ta'e Kiim Miin-seuk dabalatee hojjattoota sadi qofa turan.
"Biiroon [itti eegalle] xiqqoo turte. Inumaayyuu yeroo sana mindaa irraa arganna jennee hin turre," jechuun hojiin nama sadiin eegalan har'a dhaabbata dolaara miliyeena 400 irraa argate isaan taasisuu hima.
Pingfong yeroo garaa garaatti qabiyyee irratti xiyyeeffatu jijjiirera, boodarra daa'imman xixiqqoo irratti xiyyeeffachuun qabiyyee bashannanaa hojjachuu eegale.
Dhaabbatichi hojjattootasaa gara 100tti ol guddisuun geemiwwaniifi qabiyyee sasalphaa daa'imman bashannansiisaniifi barsiisan hojjachuurratti xiyyeeffate.
Viidiyoon gabaabaan sakandii 90 "Baby Shark" gaafa gadi lakkifamu akkaan daawwatamuun jaalatame.
Dhaabbanni viidiyoowwan daa'immanii hojjatu kun bara 2022 irraa eegalee The Pinkfong Company jedhamuun waamamuu akka eegaleefi fakkii jeedala qabaachuun kan beekamuudha.
Dhaabbati Pinkfong yeroo ammaa hojjattoota 340 kan qabu yoo ta'u, magaalota akka Tookiyoo, Shaangaayifi Loos Anjelas keessaa biirolee qaba.

Madda suuraa, Getty Images
Faaruun daa'immanii Baby Shark jedhu kan jalqabe UStti bara 1970oota keessa akka eegaletu amanama; ijoolleen bakka daawwannaa dirreetti taasisan fa'aatti faarfatu jedhama.
Faaruun daa'immanii "Baby shark, doo, doo, doo, doo, doo, doo" jedhuun beekamu ijoollee biratti akkaan jaalatamaa, garuummoo namoota gaheessota ta'an biratti baay'ee fudhatama kan hin qabne ta'uu kaasa Nanyang Technological University tti ogeessa miidiyaa kan ta'e Keeviin Chiiwu.
Faaruun Baby Shark jedhu kun qalbii daa'immanii akka hawwatu Kiim bareechee beeka.
"Akkuma muuziqaa K-pop yoo ta'u, ritimiinsaa saffisa kan qabuufi araada nama qabsiisudha," jechuun jechoonnisaas salphaatti daa'imman qabachuu akka danda'an hima namni faaruu daa'immanii kan eegale Kiim.
Bara 2020tti viidiyoon Baby Shark Youtube irratti viidiyoo si'a heddu ilaalame jechuun rikardii qabatee ture.
Haa ta'u garuu dhaabbanni Pinkfong qindeessaa Ameerikaa jalaa hojii hate jedhamuun himannaan abbeentaa bara 2019 irratti banamee ture.
Haa ta'u garuu faaruun kun afoola hawaasaa irraa kan fudhatameedha jechuun Manni Murtii Waliigalaa Kooriyaa Kibbaa himannicha kufaa taasise.
Dhaabbanni Pinkfong himannaarraa bilisa jedhamuun beekamtiinsaa akka dabalu taasise.
Kiim Miin-seuk akka jedhutti, dhaabbanni Pinkfong qabiyyeewwan hojjatu irraa galiin argatu %40 viidiyoo Baby Shark jedhurraayi.
















