Dubartoonni maaliif miidhaginaaf yaala baqaqsanii hodhuu filachaa jiru?

Shamarree wal-dhaansa 'plastic surgery' taasifatte.

Madda suuraa, @hotgirlenhancements

Durii sooreyyii dulloomaniiti waldhaansa baqaqsanii hodhuu pilaastikaa bareedinaaf godhachaa ture.

Amma kun jijjiirameera. Bareedina dabalachuuf dargaggoonni hedduun amma yaalii baqaqsanii hodhuu kana filachaa jiru.

Wanti kun durii dhoksaan taasifamaa ture. Amma miidiyaa hawaasaa yoo ilaate, dargaggoota umrii waggaa 20-30 waldhaansa taasifameef qoodaa oola.

Gariin gammachuudhaan suuraa fuula isaanii baqaqsanii hodhuun dura fi booda qoodu.

Yeroo fuullisaanii sababa opereshiniitiin dhiita'es hin dhoksan, achuma irratti maxxansu. Dhukkubbii yaaliin kun qabus hordoftoota isaaniif ibsu.

Namoonni beekamoo Ameerikaa akka Kiriis Jeenaar, Kaat Saadlar fi Maark Jaakoobs waa'ee wal'aansa isaanii ifatti dubbataniiru.

Isaan qofa adoo hin taanee, Hooliwuud keessa namoonni fuula hin fooyyeffatin hin jiru hammii jedhuutu jira.

Namoonni kana godhatan warra lixaa qofa sitti hin fakkaatin. Keeniyaa fi Itoophiyaatis kanneen Turkiitti imalanii bareedina dabalatan jiru.

Fakkeenyaaf Keeniyaa keessatti, namoonni miidiyaa hawaasaa irratti dhiibbaa uumuun beekaman hedduun amma baqaqsanii hodhuu pilaastikii kanaa hojjechifachaa jiru.

Gariin funyaan konkonaa argachuuf, cooma fuularraa hir'isuuf, hidhii isaanii guddisuuf, gariin immoo cooma garaa balleessuuf akkasumas harmaa fi teessuma/hudduu guddisuuf kana godhu.

Addunyaa digitaalaa kan namoonni miidiyaa hawaasaa irratti fakkeessanii jiraatan kana irratti ofitti amanamummaan xiqqachaa jirtu jechuu?

Yoo akkas hin ta'in namoonni maaliif opereshinichaaf paawundii kumaatama kaffalu?

BBC'n namoota oppreeshinicha godhate dubbiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Emiliin umrii waggaa 28'tti waldhaansa kana kan filatteef fuula ishee bareechuu. Opereshinii kanaan mangaagaa waan bocame fakkaatu, maddii cooma hin qabne fi ija akka sardiida argachuu barbaadde.

Turkiitti keessatti waldhaansa kana kan argatte Emiliin gaabbii hin qabdu, ''jireenyikoo jijjiirameera'' jetti.

"Walumaagalatti baqaqsanii hodhuu ja'atu naaf godhame." jechuun ibsiti. "Isaan keessaa fuulakoo fi hidhii ol kaasuu akkasumas funyaankoo bocuudha."

Adeemsa kana yoo ibsitu, daldaltuun Torontoo, Kaanaadaa jiraattu tun, ogeessi baqaqsanii hodhuu "sirba ana jaalladhu sirbisiisaa akkan rafu qoricha naaf kenne: yeroon hirribaa ka'u fuula haaraa fi funyaan haaraa qaba" jetti.

Fayyuun yeroo dheeraa fudhate- dhukkubbii fi madaan torban muraasa jalqabaa hir'achuu jalqabe, garuu maddiinshee ji'a ja'aaf hadoodee ture.

Ammas opereshinii kana ni raawwattaa gaafii jedhu daftee hin deebifne. Turtee, "Erga opereshinii kana godhadhee jireenya koo jijjiireera. Amma fayyaa qaba, baay'ee farsoo hin dhugu, gogaa koo nan ilaala, nan rafa. Waan amma beeku osoon beekee opereshinicha hin godhadhu ture," jetti

" Haati koos hin beektu turte, erga raawwadheen booda itti hime."

"Of fooyyeessuu barbaade," jetti Emiliin "amma foyya'e natti fakkaata."

fakkii

Madda suuraa, BAAPS

Ingilaand magaalaa Biriistal keessatti kilinikaa kan qabu gorsaan baqaqsanii hodhuu pilaastikii Siimoon Liin fuula dhibbaan lakkaa'aman fooyyessuu hima.

Sababni opereshiniin kun nama hawwataa dhufeen, fuulaafi morma bareechuun salphaatti raawwatamuusaa.

Durii wanti akkanaa hospitaalaa qofaatti raawwataman. Qorichi dhukkubii duraatti kennamee. Amma ammoo qoricha malee kilinika isaa keessatti tolcha.

Industirii bareedinaa keessatti kuni "yeroo gammachiisaa" ta'uu dubbata.

Haata'u malee ogeessi baqaqsanii hodhuu kun namoota yaaliin kun umrii waggaa 40 ol ta'aniif mijata jedha.

Nama umrii 20 fi 30 keessa jiran irratti adeemsa walxaxaa akkasii raawwachuun baay'ee hin baratamne jedha.

Hojimaata akkanaa keessatti balaa guddaatu jira. Dhiigni gogaa jalatti walitti qabamuu danda'a. Kunis yoo hin wal'aanamin ribuu gogaa ajjeessuu danda'a. Dabalaatanis infekshinii, miidhaa narvii fi rifeensaa balleessuu danda'a.

UK keessatti opereshiniin shuntuura fuulaa balleessu paawundii 15,000 hanga 45,000, garuu kilinikoonni garii paawundii 5,000 ni hojjetu.

Garuu osoo yaalli kana hin godhatin dura, ogeessa baqaqsanii hodhuu pilaastikii fuula sirreessuu irratti adda ta'e filachuun barbaachisaadha jedhu ogeeyyiin.

Shammarree baqaqsanii hodhuun fuulashee jijjiirtte

Madda suuraa, Julia Gilando

Ibsa waa'ee suuraa, Juuliyaa Giilaandoon waldhaansa baqaqsanii hodhuuf gara Turkii deemte

Juuliyaa Giilaandoon dubartiin umrii wagga 34 fuulishee walqixxee akka ta'uuf sirreessuu barbaadde.

Hiriyoonni ishee hedduun fuula ishee rakkoo tokko akka hin qabne itti himanis amanuu didde. Waldhaansa baqaqsanii hodhuu argachuuf Turkii deemtee doolaara 8,000 kaffaltte.

Turkiitti opereshinii miidhaginaa kana godhachuun balaa guddaa qabaachuu osoo beekanuu, Sababa gatiinsaa xiqqaa ta'eef namoonni achiitti imalan baayyachaa jira.

"Jalqaba yaadni kun maraatummaa natti fakkaate, garuu erga qorannoo ofiikoon hojjedheen booda, deemuu murteesse," jetti ogeettiin fayyaa kun

"Biyya ormaa keessa kophaa koo waan turreef nan sodaadha ture, afaan isaanis hin beeku.

"Opereshiniikoo booda guyyaa lama hospitaala ture. Baay'een waan dhiita'eef arguu hin danda'u ture. Yeroo hamaa ture, sammuunkoo jeeqamee ture. Yeroo garii gammachuu yoo kaan ammoo nan gadda ture."

Caroline Stanbury

Madda suuraa, Caroline Stanbury

Televijiinii irratti sagantaa garaagara kan dhiheessitu Kaarooliin Istaanbarii waggaa lama dura umurii wagggaa 47'tti fuulashee midhaaffatte. Umriikee xiqqaa dhiisi osoo namoonni jechaa turanii.

"Wanta gaarii ani ofiin godhe," jetti Kaarooliin. "Maaliif hanga waggaa 60 eeguu qaba? Amma miira ajaa'ibaati natti dhaga'ama." US deemtee doolaraa 45,000 kaffaluun hojjechiiffatte.

Ogeessi baqaqsanii hodhuu pilaastikii Beeljiyeem keessatti argamu Aleeksiis Verpaele, UK dabalatee maamiltoonni addunyaa mara irraa irraa qaba. Dargaggoonni wal'aansa kanaaf dhufan dabalaa dhufuun isa yaaddeessuu hima.