Korri TPLF murna 'olaantummaan qaba' jedhuun butamee waan hamaa ta’etti deemaa jira jedhame

Dursaan komishinii to'annoo TPLF Obbo Takilebirihaan Araayaa

Madda suuraa, TPLF/FB

Dhaabbanni Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) adeemsiifi kaayyoon kora 14ffaa gaggeessuuf karoorfate murna olantummaa qabuun butamee gara waan hamaa ta’eetti deemaa jiraachuu dursaan komishinii to’annoo dhaabbichaa ibsan.

Dursaan komishinichaa Obbo Takilebirihaan Araayaa korri TPLF ni gaggeeffama jedhame rakkoo qoqqoodamaafi walmiidhuu keessa galuu eeraniiru.

Itti dabaluun, “Korichi beekamtii koree qopheessituutiin ala gaggeeffamaa jira. Kunis humna qama ol aantummaan qaba jedhuun butamee gara waan hamaa ta’eetti deemaa jira,” jechuun yaaddoo qaban BBCf ibsan.

Komishinichi ibsa Roobii baaseen, kora kanaaf qophiin ji’a Ebla darberraa kaasee hojjetamaa akka ture yaadachuun, gareen “koree giddu-galeessaa keessatti guddatan” jedhe gufuu natti ta’aniiru jedheera.

Qoqqoodamaafi waldhiibuu aanga’oota olaanoo jalatti akka kufeeru kan himamaa jiru TPLF, osoo Boordii Filannootiin hin galmaa’iin kora waliigalaa gaggeeffachuu hin qabu jedhame gaggeessuuf qophii taasisaa jiraachuun isa ani beekama.

Kaayyoonni korichaa “aanga’oota olaanoo dhaabbaticha keessatti gurmaa’aniin butameera” kan jedhu komishiniin to’annoo TPLF, miseensonni isaa koree qopheessituu keessaa akka of baasaniif sababa ta’uu ibsa baasaniin eeraniiru.

Dursaan komishinichaa Obbo Takilebirihaan, “korichi gaggeeffamuu qaba; haata’u malee, dimokiraatawaafi ifaan ta’uu qaba. Komishiniin to’annoo kun rakkooleen mul’atan akka fala argataniif gaaffii dhiyeessaa tureera. Garuu sirreeffamuu hin dandeenye,” jechuun BBC Tigrinyaatti himaniiru.

“Humni karaa dogoggoraan deemuu barbaadu waan jiruuf, kana balaaleffanneerra. Qophii korichaa iftoominatu hanqata. Koreen qopheessituu bilisummaan hojjechuu hin dandeenye. Korichi koree kanaan gaggeeffamuun osoo irra jiraatuu garuu gaggeessuu hin dandeenye,” jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Koreen qopheessituu kora TPLF miseensota sagal of keessaa qabu kun koricha gaggeessuuf itti-gaafatamummaa kan fudhatu ta’ullee, “adeemsi amma jiru garuu akkas miti. Wanta golgaa duubaan raawwatamu ta’eera; keessumaa yeroo dhaabbatichi rakkoo wal amantaa dhabuu hamaa keessatti argamu kanatti iftoominni barbaachisaadha,” jedhan Obbo Takilebirihaan.

Hoggantoota olaanoo TPLF gidduutti rakkoon walqoqqooduu hamaan uumamuu kan eeran Obbo Takilebirihaan, “ka’umsi waan hundaa rakkoo keessoodha malee kan alaa dhufu miti,” jechuun dubbatan.

“Rakkoon bubbule jira; kunis rakkoo sirnaati. Hooggansi kaayyoo isaarraa yeroo fagaatu dhaabbaticha faala. Hoggansichi xiyyeeffannaa isaa faayidaafi aangoorra godhateera. Dhaabbaticha keessatti kan mul’atu walitti hidhachuun lama uumameera. Kun ammoo waan hunda balleesseera,” jechuun ibsan.

Haata’u malee, murna TPLF keessatti uumameera jedhaniifi namoota kana gaggeessan dubbachuurraa of qusataniiru.

TPLF kora hoggansa olaanoo torban dura Maqaleetti guyyootaaf gaggeessaa ture erga xumureen booda ibsa baaseen, faayidaa dhuunfaa dursuun jiraachuufi jiraachuu dhabuu paartichaa balaarra kan buuseefi “seenaa koo wagga 50 keessatti qormaanni guddaan na mudateera,” jechuun isa ani yaadatama.

Paartichi A L I Kibxata Adoolessa 9, 2016 ibsa baaseen, “Koree giddu-galeessaa keessa aantummaa ummataatiin faallaa kan ta’eefi fedhii dhuunfaatiif walitti qabamuun” bifa gurmaa’een hojjechuuf akka isaan hin dandeessifne ibsaniiru.

TPLF koree giddu-galeessaasaa keessatti madda rakkoo mudate “gartummaa, farra-dimokiraasummaa, gandummaa, balifattummaa’fi malaammaltummaadha,” jedheera.

Paartichi mootummaa Federaalaa waliin walitti bu’iinsa keessa erga seeneen booda, waraanni Kaaba Itoophiyaa dhalatee mana-maree bakka-bu’oota ummataatiin “dhaabbata shororkeessaa” jedhamuun farrajamee akka ture ni yaadatama.

Isaan boodas paartichi qabeenyi isaa ‘warasamee’ Boordii Filannootiin beekamtiin seerummaa isaa haqamuun paartichi kanaan booda kan hin jiraanne fakkeessee ture.

Haata’u malee, paartichi waraana wagga lamaaf gaggeeffamuun dhiiga dhangalaase dhaabsisuudhaaf mootummaa Federaalaa waliin waliigaltee nagaa Piritooriyaa erga mallatteesseen booda naannoo Tigraay bulchaa jira.

Paartichi amma “shororkeessummaa” bakka buutonni ummataa irra kaa’an jalaa baheera.

Dabalataanis dhiyeenya kana paartii seera-qabeessa ta’ee Boordii Filannootiin akka galmaa’uuf Ministeerri Haqaa Boordii Filannoo gaafachuun isa ani yaadatama.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad (PhD) marii paartilee mormitootaa waliin taasisanirratti TPLF kora osoo hin gaggeessin dura “karaa seeraan galmaa’uu akka qabu” hubachiisaniiru.

MM Abiy kan jechuu isaanii bulee ammoo TPLF sagantaan kora isaa baaseen, hirmaattota kora dhaabaa 14ffaa isaarratti qooda fudhatan filachuu dhuma torban kanaa akka jalqabu beeksiseera.

MM Abiy TPLF tartiiba kanaan ala kora kan gaggeessu yoo ta’e wanta uumamuu danda’u bakka-bu’oota paartilee mormituuf ibsaniiru.

“[TPLF] sana gochuu yoo baate, anis barbaade barbaaduu baadhe Boordiin Filannoo fudhachuu baannaan gatii hin qabu, TPLF paartii seera-qabeessadha jechuu baatee jennaan filannoo keessatti hirmaachuu hin danda’u, mootummaas ta’uu hin danda’u. Kana jechuun maal jechuudha, deebinee ammoo waraana keessa galla jecuudha,” jechuun akeekkachiisaniiru MM Dr. Abiy.

TPLF seera-qabeessummaan isaa murtee siyaasaatiin akka deebiyuuf malee akka haaraatti galmaa’uu akka hin barbaadne dubbi-himaan paartichaa Obbo Amaanu’eel Asaffaa BBCtti dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Obbo Amaanu’eel, fooyya’iinsi ji’a Caamsaa darbe seera filannoorratti taasifame, “seera-qabeessummaa [TPLF] haqame deebisuu kan dandeessisu osoo hin taane haala adda ta’een akka haaraatti galmaa’uudhaaf kan dandeessisudha,” jedhaniiru.