Kutaan bulchiinsa Naayijeeriyaa tibba sooma Ramadaanaa namoota addabaabaayii irratti nyaatan hidhaan adabuuf

Madda suuraa, AFP
Kutaan bulchiinsa Naayijeeriyaa Kaanoo jedhamtu ji'a Ramadaanaa keessa akkaataa itti nyaatan dabalatee, namoota qajeeltoowwan cabsan hidhaan akka adabdu akeekkachiifte.
Kana kan to'atu ammoo Poolisoota Islaamummaa kutaan bulchiisattii hundeessite.
Humni poolisii amantii Isbaah jedhamuun beekamu Kamisa ibsa baaseen, ji'a Ramdaanaa qulqulluu keessa duudhaa hawaasaa cabsuun namoonni yakka raawwatan akka adabaman akeekkachiisu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
"Tibba soomaa ijoollee ol adeemoo addabaabaayii irratti nyaatanillee taanaan adabbiitu isaan eeggata," jechuun ajajaan Boordichaa Haruun Ibinuu Siinaa dubbataniiru.
Waqtiin soomaa Kamisa jalqabame kunis haala nageenyi isaa eegameen akka gaggeeffamu Boordichi poolisoota gara masgiidotaatti bobbaasuu isaa ajajaan kun dabaluun dabbataniiru.
Kutaan bulchiinsaa Naayijeeriyaa Kaanoo jedhamtu kun harka caalaa hordoftoonni amantii Islaamaa kan keessa jiran yoo ta'u, seera Islaamummaas hordofti.
Seera kana hojiirra kan oolchu ykn akka kabajamu kan godhu ammoo Isbaah Boord kan jedhamudha.
Musliimonni addunyaarratti Biliyoona lamatti siqan torban darbe kana gaafa Kamisaa sooma Ramadaanaa jalqabaniiru.
Waqtii soomaa kanatti amantoonni ganama barii irraa kaasanii hanga halkaniitti nyaataafi dhugaatiirraa of fageessu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hordoftoota amantii Islaamaa biratti baatiin Ramaadaanaa qulqulluun yeroo itti waliif dhiisan, waliif toluufi qajeelummaan itti mul'atu, akkasumas jireenyi Rabbi eebbisu ni jajjabeeffama.
Ji'a kana keessa biyyoota lakkoofsa hordoftoota amantii Islaamaa guddaa qaban keessatti sochiiwwan magaalaa keessatti taasifaman ni qabbanaa'u. Biyyoonni tokko tokko ammoo tibba Ramadaanaa keessa turistoota simannaa kan dhaaban yoo ta'u, kanneen kaan ammoo seera adda ta'e baasu.
Morookoo keessatti waqtii sooma Ramadaanaa keessa hordoftoota amantii Isalaamaa ta'uu baatanis addabaabaayii irratti osoo nyaataniif dhuganii argamanii qabamnaan hanga hidhaa ji'a ja'aatti adabsiisa.
Kun ammoo Heera biyyattii keessatti tumamee kan jiru yoo ta'u, bara darbe namoonni shan osoo addabaabaayii irratti nyaatanii dhugaa jiranii qabamanii qabamanii adabamanii ture.
Morookoo qofaa osoo hin taane, biyyoota Arabaa baayyee keessatti seera wal fakkaatuti hojiirra oola.
Sa'ud Arabiyaan ammoo kanarrayyu dabartee nama Musiliima hin taaneyyu addabaabaayii irratti osoo nyaatuufi dhuguu arginaan biyyaan baasa labsii jedhu baasuun ishee dubbii falmisiisaa ta'ee ture.












