Naannoo Amaaraa Kaaba Wallootti lolli hammaachuu ICRC beeksise

Deeggarsa Dhaabbata Fannoo Diimaa Idila Addunyaa

Madda suuraa, ICRC

Koreen Fannoo Diimaa Idil Addunyaa walakkeessa baatii Fulbaanaarraa eegalee naannoo Amaaraa, keessattuu Godina Kaaba Walloo keessatti humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti lolli cimee akka jiru gabaase.

Hidhattootni Faannoo duula qindaa'aa banuufi kanaanis injifannoo argachaa akka jiran gabaasu. Bulchiinsi naannichaa ammoo walitti bu'iinsi akka uumame eeruun ''akka gabaafamaa jiru miti'' jechuun BBCtti hime.

Magaalaa guddoo Godina Walloo Kaabaa, Woldiyaa qabachuuf qabsoon guyyoota hedduu akka ture jiraattonni BBCtti himaniiru.

Torban darbe Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanif xalayaa barreesse keessatti, Eertiraan fi TPLF lola Waldiyaa qabachuuf godhame keessatti Fannoo deeggaruun kallattiin hirmaataniiru jechuun himate.

Ibsi Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa Jimaata Onkololessa 10, 2025 bahe, gadi fageenya walitti bu'iinsa naannoo sanaa fi miidhaa qaqqabsiisu agarsiisa.

Gareen Fannoo Diimaa magaalota gurguddoo fi naannolee godina Wolloo Kaabaa, lolli kun torban tokkoof itti cimee turetti hordoffii taasiseen namootni hedduun du'uu, baayyoliin booji'amuufi miidhaa namoomaa hamaa ta'e qaqqabuu hubachuu gabaaseera.

Koreen kun waldhabdee kanaan kan miidhaman namoota nagaa haata'uu qaamolee waraanaa adda baasuun ifa hin goone.

"Guyyoota darban keessa kaaba Wollotti namoonni hedduun ajjeefamaniiru ykn madaa'aniiru," jedhan garee koree kanaa Lalibelaatti kan hoogganan Maartiin Taalmaan.

Kan kan jedhan naannoolee "hamaa" miidhaman Kulmeskii fi Mujaa irraa yeroo deebi'aniidha.

"Hojjetoonni fayyaa loltootaa fi namoota nagaa madaa'anii meeshaalee muraasaan wal'aansa kennaa jiru. Hidhamtoonni akka malee miidhaman 16 hatattamaan baqaqsanii hodhuudhaaf kan baafaman yoo ta'u, isaan keessaa shan lubbuusaanii baraaruuf sa'aatii muraasatu hafeef," jechuun hamma miidhaan irra gahe ibsaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbilee fayyaa Lalibalaa, Woldiyaa fi naannawa ishee jiran jahaaf dhiyeessii yaalaa hatattamaa kennuusaa kan beeksise koreen kun, namoota 250 haalaan miidhamaniif deeggarsa baqaqsanii hodhuu fi yaalaa gahaa kennuuf galtee dandeessisu dhiyeessuu himeera.

ALI Fulbaana 28/2018 namoota yaala baqaqsanii hodhuu hatattamaa barbaachisuun 16 gara dhaabbilee yaalaatti geejjibsiisuu isaa ibseera.

Madoon kun loltoota mootummaa ta'uu isaanii akeekeera. Miidhamtootni kun humnoota mootummaa Waldiyaatti dabarfamuu isaaniis beeksiseera.

Guyyaa itti aanu, hojjettootni Fannoo Diimaa "hidhamtoota" humnoota Faannoon kaaba Wallootti qabaman daawwataniiru.

Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) jila ja'a gara Hidhattoota Faannoo erguun haala loltoota mootummaa booji'amanii hordofuus ibseera.

"Hawaasni walitti bu'iinsa kanaan baay'ee miidhame dagatamuu hin qabu. Namoonni hedduun tajaajila fayyaa, gabaa fi qonna isaanii argachuu hin dandeenye," jedhan Maartiin Taalmaan.

Qaamoleen waldhabdee naannoo Amaaraa keessatti hirmaatan seera namoomaa idil-addunyaa kan booji'amtoota waraanaa fi madaa'an [loltootaas ta'e lammiilee nagaa] walitti bu'iinsa kana irratti hin hirmaanne eeguu kan dabalatu akka kabajan Koreen kun dhaameera.