Adabbiin du'aa waggoota 10 darban keessa addunyaa irratti maaliif akkaan dabale?

Amnestii Internaashinaal bara 2024'tti lakkoofsi namoota addunyaa guutuutti adabbii du'aan ajjeefamanii haalaan dabaluu beeksiseera.

Akka gabaasa dhaabbanni kun dhiheenya murtii du'aa fi ajjeechaa raawwatame ilaalchisee baaseetti, bara 2024tti lakkoofsi biyyoota adabbii du'aa hojiirra oolchan xiqqoo gadi bu'us, walumaa galatti namoonni 1,518 ajjeefamaniiru.

Kunis kan bara 2023 waliin walbira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 32 dabaleera.

Ragaan Amnestiin akka agarsiisutti, lakkoofsi namoota du'anii bara darbe (2024) galmaa'e bara 2015 irraa eegalee isa olaanaadha.

Haata'uu malee, lakkoofsi biyyoota dhimma kana ifatti raawwatanii 16 irraa gara 15'tti gadi bu'eera.

Biyyi addunyaa irratti haala kanaan namoota baay'ee ajjeesti jedhamtu Chaayinaa yoo taatu, biyyattii keessatti garuu ajjeechaa galmaa'eef lakkoofsi qabatamaan ofishaalii beekamu hinjiru.

Ragaan qabatamaan dhabamuun, Chaayinaan istaatiksii kana akka iccitii mootummaatti ilaalti jedha Amnestiin.

Veetnaam fi Kooriyaan Kaabaas biyyoota adabbii du'aa kana bal'inaan akka raawwatan lama dabalataan yoo ta'an, garuu baay'inni ajjeechaa isaan raawwatanii hin ibsamne.

Adabbii du'aa beekamaa

Iraan gama Adabbii du'aa beekamaa ta'een addunyaa dursaa jirti.

"Ajjeechaa, sarbama mirga namoomaa fi adabbiui du'aa qoricha sammuu namaa hadoochuu fi shororkeessummaatiin wal qabatee darbuun beekamaa ta'e keessaa dhibbeentaa 91 ol biyyootni raawwatan Iraan, Iraaq fi Sa'uudii Arabiyaadha," jedhan Barreessaan Olaanaa Amnestii Internaashinaal Ajnes Kolmardi.

Iraan keessatti bara 2024 qofa keessaa dubartoota 30 dabalate, yoo xiqqaate namoonni 972 ajjeefamaniiru jedha gabaasni kun.

Bara 2023tti lakkoofsi namoota haala walfakkatan ajjeefamanii 853 ture.

Falmitoonni mirga namoomaa daballiin ajjeechaa Iraan kun tasgabbii dhabuu siyaasaa keessoo irraa kan madde ta'uu ibsu.

"Mormii gurguddaa hordofee fi tasgabbiin mirkanaa'uu dhabuu keessatti lakkoofsi ajjeechaa dabaluu argineerra," jedhan Iraan keessatti daayreektarri olaanaa Giddugala Mirgoota Namoomaa Aborrahman Borowumand.

Bororumandi akka jedhetti bara 2022 dubartootni 12, bara 2023 ammoo 25 ajjeefamaniiru.

Isaan keessaa gariin yakka qoricha sammuu namaa hadoochu waliin walqabatee yakkamaa ta'an. Kaan ammoo qeeqxotai sirna mootummaa biyyaatti waan ta'aniif qofa kana irratti xiyyeefatame akka ta'an himti,

''Aktivistootni dubartootaa hedduun du'aan adabamaniiru -Kun dubartoota Iraan Borowumandi BBC'tti himaniiru.

Biyyi ollaa Iraan, Saa'ud Arabiyaan namoota 345 yoo ajjeeftu, Iraaq ammoo namoota 63 ajjeesuun walitti aananii biyyota akka addunyaatti bara 2024 nama ajjesanidha.

Amnestiin akka jedhetti Iraanii fi Somaaliyaan tokkoon tokkoon isaanii namoota umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta'e afur afur ajjeesaniiru.

Iraan fi Afgaanistaan ​​biyyoota lamaan bara 2024tti ajjeechaa umataaf ifa ta'e olaanaa raawwataniidha.

'Ajjeechaa hedduu..'

Garuu lakkoofsi Amnestiin kenne of eeggannoo guddaa qaba.

"Ragaan addunyaa keenya bara 2024 ajjeechaa fi murtii du'aa kumaatamaan lakkaa'aman ammallee Chaayinaa keessatti raawwatamaa jira jennee amannu hin ammanne," jechuun ogeettiin adabbii du'aa Amnestii Internashinaal Chiyaaraa Sangiyorgihoo gaaffii fi deebii BBC waliin taasisaniin ibsaniiru.

"Ragaan adabbii du'aa biyyota tokko tokko keessatti akka iccitii mootummaatti ilaalama waan ta'eef odeeffannoo akkasii sana dabalatee waan dhugaa walitti qabuu dhabuun hiika guutuu hin kennu,'' jedhan.

Amnestiin Chaayinaan yakka akka malaammaltummaa fi daldala qoricha sammuu namaa hadoochu irratti adabbii du'aa murteessaa jirti jechuun falma, kunis murtii Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii adabbiin du'aa ''yakkoota ciccimoo'' qofa irratti daangeffamuu qaba jedhu kan faallessudha jedhe.

Koreen Mirga Namoomaa DBG kun yakka yakkoonni kallattiifi itti yaadanii du'a hin raawwanne, qoricha sammuu namaa hadoochuu fi yakka saalqunnamtii dabalatee ulaagaa kana hin guutan jedha.

"Akkasumas aanga'oonni ajjeechaa akka mala to'annoo mootummaatti iiti fayyadamaa akka jiran argineerra. Kana jechuun yakki fi mormiin akka hin obsamne ergaa dabarsuu isaaniiti," jechuun Sangihorgiyoon yaada kennaniiru.

Chaayinaan adabbii du'aa fayyadamuun seenaa dheeraa qabdi.

Bara 1983 imaammata "strike hard" jedhu hojiirra oolcheera, kunis gareewwan yakkamtootaa irratti kan xiyyeeffatedha.

Gabaasni miidiyaalee akka mul'isutti ajjeechaan tokko tokko yakka adabbii du'aan hin hordofsiifne kan akka loon ykn konkolaataa hatuu irratti raawwatameera.

Keessattuu daldaltoota fi daddabarsitoota qoricha sammuu namaa hadoochu irratti xiyyeeffannoon adfdaa kennameera.

Amnestiin akka gabaasetti bara 1996 wayita "Guyyaan Farra qoricha sammuu namaa hadoochu idil-addunyaa Waxabajjii 26 magaalota hedduu keessatti kabajamu guyyaa tokkotti namoota 230 ol ajjeefamuun kabajame.

Adabbiin Du'aa Hir'achaa Jiraa?

Yunivarsiitii Chaayinaa Hoong Koong irraa Piroofeesar Misheel Miyaho waggoota dhiyoo asitti wantoota murtii du'aa baay'inaan kennisiisan adda addaa qorataniiru.

Gaaffii fi deebii BBC waliin taasifteen qorannoo isheefi ajjeechaa haala kanaan Chaayinaa keessatti rawwatamu qoratanii baasuun maaliif salphaa akka hin taane ibsiteetti.

''Akka biyyota ajjeechaa raawwatan kaanii Chaayinaanis waa'ee ajjeechaa irratti ragaa bal'aa hin baaftu."

Qorannoon koo akka agarsiisutti, iccitiin duubasaa jiru haala imaammata biyyatti fi iccitiin raawwatamu irraa madduu kan agarsiisu," jette Piroofeesar Mihayon

Qorannoo isheef Chaayinaa keessatti abbootii murtii 40 fi abukaatota ittisaa lakkoofsaan walqixa ta'an waliin af-gaaffii taasifteetti. Argannoon ishee murtii adabbii du'aa irratti kan wal hin simne ta'uu fi bu'uura seeraa keessattillee ifa ta'uu dhabuu mul'ise.

"Seerri Yakkaa murtiin du'aa hojiirra ooluu kan qabu yeroo akkamii akka ta'u ibsameera garuu, abbootiin murtii Chaayinaa barbaachisummaa kana murteessuuf ulaagaa akkamii fayyadamuu isa jedhutti irra caalan deebii wal fakkataa kennuu hin dandeenye.

Akka dhaabbati mirga namoomaa Ameerikaa keessatti argamu Duhi Huwa jedhutti, tilmaamni lakkoofsi ajjeechaa Chaayinaa keessatti bara 2002tti 12,000 ture bara 2018tti tilmaamaan 2,000tti gadi bu'eera.

Haata'uu malee, waggoota itti aananiif ibsi dabalataa hin argamne. Dhabbatichiis haala yeroo Chaayinaa ilaalchisee yaada dabalataa BBC'f hin kennine.

Amma yakkamtoonni ol'iyyannoo tokko osoo hin taane lama qabaachuu akka danda'an kan hayyamu yoo ta'u, seerri adabbii Chaayinaa jalqaba bara 1979 yakka du'aa 74 tarreessu irraa, bara 2011 fi 2015'tti lakkoofsa kana hir'isuuf seerri fooyya'eera.

Yeroo ammaa yakkoonni murtii du'aa qaqqabsiisu danda'an 46 ta'aniiru.

"Ajjeechaa fi yakki qoricha sammuu namaa hadoochu waliin walqabatee raawwatamu yakkoota gurguddoo lamaan adabbii du'aa fidandhas," jette.

Jijjiiramni ariifataan gama teeknooloojii, seera ittisaa kabachiisuu fi sadarkaa jireenyaa fooyya'uu waliin Chaayinaa keessatti yakka akka hir'isu waan amantuuf waggoota dhufan irratti halonni kun alkka fooyya'u abdii guddaa qabdi.

"Dhimmoonni yakka qoricha sammuu namaa hadoochu waliin walqabatan - kan akka daldala, seeraan alaa, omishaa fi geejjibaa akkasumas ajjeechaan hir'achuu isaanii fi carraan adeemsi kun itti fufuu isaa yoo ilaalle, waggoota dhufan keessatti ajjeechaa waliigalaa hir'isuu danda'a jennee eeguu dandeenya."jedhan.

Hanga Yakkaa

Manneen murtii Chaayinaa dhimmoota baay'ee kan ilaalan yoo ta'u, saffisni murtiin itti murtaa'us baay'ee ol'aanaadha.

Gabaasni Duhi Huwa irraa bahe akka mul'isutti bara 2022tti "himatamtoota 1,431,585 keessaa 631 qofatu manneen murtiin bilisa ba'e".

Piroofeesar Mihayoon sadarkaan murtii adabbii olka'aa ta'e sababa adeemsi qorannoo cimaa ta'eef ta'uu ibsu.

Adeemsa haqaa yakkaa Chaayinaa keessatti dhimmoonni dhaddachaafi raawwii hojii abbootiin alangaa dhimmoota heddu keessumeessuun waan madaalamuuf qorannoo fi ragaa bal'aa malee haalli itti murtiin kennamu akka jiru ibsiti.

"Dhaddacha akkasirratti dhimmoota adabbii du'aa qofa osoo hin taane akka waliigalaatti dhimmoota yakkaa gurguddoo jedhamanii akka hordofan kan ilaallatudha,"jette.

Sadarkaan murtii akkasii yoo ilaalle, fakkeenyota murtii dogoggoraa tilmaamamuu akka danda'amu eerti.

Bara 2016tti qondaaltonni 27 dargaggeessa gudeeddii fi ajjeechaatiin himatame dogoggoraan ajjeesuu isaaniitiin kan adabaman yoo ta'u, boodarra warra dargaggeessa ganna 18 kanaaf beenyaan kaffalameera.

Chaayinaa keessatti irra deddeebiin ajjeechaa raawwatamu ilaalchisee addunyaa irratti sodaan jiraatus, Piroofeesar Mihayoon miirri ummataa biyyattii keessatti mul'atu adabbii du'aa baay'inaan akka fayyadu hubatu.