Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhukkuboota saal-qunnamtiin dadarban cimoo fi wal'aansaa isaanii
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti, dhukkuboonni saal-qunnamtiin namarraa namatti dadarban addunyaarratti rakkoo fayyaa ijoo qaqqabsisu.
Guyyaa guyyaatti namoonni miliyoona tokkoo ol dhukkuba saal-quunamtii wal'aanamuu danda'aniin qabamuu jedha jaarmiyaan kun.
Dhibeewwan kunneen karaa saal-qunnamtiin daddarbuun rakkoo fayyaa hamaa hordofsiisu.
Isaan keessaayis dhukkuboota saal-qunnamtiin daddarbuun miidhaa cimaa geessisan shanii fi akkaataa itti yaalaman gabaabaatti akkasiin qindeessineera.
HUBACHIISA: Odeeffannoon kun barnootaaf qofaaf kan ooludha. Gorsaa fi walaansaaf ogeeyyii fayyaa qunnamaa.
1. HIV/AIDS
AIDSn dhukkuba sirna ittisa qaamaa hubuun lubbuu namoota danuu galaafachuun beekamu. Dhibeen kun vaayirasii dandeettii qaamaa dadhabsiisun balaaf nama saaxila.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa HIV'n sirna ittisa qaamaa miidhuunii fi madinummaa qaamaa dhukkubsataa kan mancaasu ta'uu eere.
Vaayirasiin HIV dhiigaa fi dhangala'aa qaama saalaa nama dhukkuba kanaan faalame tuttuquun namarraa namatti daddarba.
Qorichi HIV/AIDS guutummaatti fayyisu gabaarra hin oolle, garuu qorichi dhukkuba kana to'achuuf oolu jira.
Namoonni HIV qaban muraasni erga vaayirasichaan qabaman torban 2 hanga 4 booda mallattoon dhukkuba qufaa fakkaatu agarsiisu.
Namoonni qoricha farra HIV fudhatan waggootaaf mallattoolee biroo qabaachuu dhiisuu danda'u.
Vaayirasii HIV qaama keessatti yoo baay'atee seelii ittisa qaamaa balleessa. Mallattoon akka gubaatii qaamaa, dadhabbii fi dhiita'uu xannaachoota mul'achuu danda'a.
Namni HIV'n qabame osoo hin yaalamne yoo ture waggaa 8 hanga 10tti gara sadarkaa AIDStti kan guddatu yoo ta'u, qaamnisaas dhukkuboota biroo haalaa salphaan akka saaxilamu taasisa.
Wal'aansa
Qorichi HIV/AIDS guutummaatti fayyisu gabaarra hin jiru, garuu qorichi farra HIV vayirasitti gara AIDtti akka hin guddanne to'achuuf gargaaru jira.
Ameerikaatti namoonni HIV waliin jiraatan irra caalaan isaanii vaayiraasichi gara AIDS'tti hin ce'u.
2. Dhukkuba tiruu heppatayitiis B fi C
Dhukkubni tiruu (Heppatayitiis) B fi C dhukkuboota vaayirasiin namootarraa gara namootaatti darban yoo ta'u, tiruun akka gubatu taasisa.
Lamanuu dhiigaan kan darbu yoo ta'u, heppatayitiis B'n garuu karaa dhangala'aa qaamaa saalaa fa'aatiinis darbuu danda'a.
Dhukkuboonni lamaan infekshinii tiruu yeroo gabaabaafi yeroo dheeraa fiduu danda'u.
Dhukkubni tiruu B fi C yeroo dheeraaf namarra ture rakkoo tiruu hamaa siroosiis jedhamuu fi kaansarii tiruu fiduu danda'a.
Dhukkubni kun yeroo da'umsaa haadha irraa gara daa'imaatti daddarbuu danda'a. Akkasumas, karaa walqunnamtii saalaatiin fi nama tokkoo ol waliin meeshaalee akka lilmoo gargaaramuun darbuu danda'a.
Wal'aansa
Dhukkuba tiruu B'f qorichi yeroo dheeraa hin jiru, garuu qorichi farra vaayirasii infekshinii kana to'achuuf gargaaruu fi carraa miidhaa tiruurra gahu hir'isuu danda'a.
Heppataayitis B ittisuuf talaalliin ni jira, namoonni akka fudhatanillee ogeeyyiin ni gorsu.
3. Dhibee afaan Ingiliziitiin 'Herpes' jedhamu
Vaayirasiin herpes simplex (HSV) vaayirasii qaama saalaa ykn afaan madeessuu qaqabsiisuudha. Vaayirasiin herpes simplex (HSV), herpes jedhamuun kan beekamu kunis, infekshinii cimaa fi dhukkubbii malaa godhatu ykn madaa haalan nama dhukkubu fiduu danda'a.
Adda durummaan gogaa fi gogaadhaan wal tutuquudhaan namarraa gara namaatti dadarba. Dhibeen kunis yaalamuu danda'a garuu irraa fayyuun hin danda'amu.
Vaayirasiin 'herpes simplex' jedhamu kunis gosa lama qaba.
Gosti 1ffaan (HSV-1) yeroo baayyee afaaniin wal tuttuquun kan dadarbu yoo ta'u, afaan keessaa ykn naannoo afaanii madeessa.
Akkasumas naannoo qaama saalaa madeessuu danda'a. Namoonni ga'eeyyiin hedduun HSV-1n ni qabamu.
Gosti 2ffaan (HSV-2) walqunnamtii saalaatiin kan dadarbu yoo ta'u, qaama saalaa madeessa.
Wal'aansa
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhutti, yeroo baay'ee qorichi dhibichaa ykn mallattoolee dhibichaa hordofanii mudatan yaaluuf ni gargaaru.
Tarkaanfiin kun turtii fi cimina mallattoolee dhibee kanaa hir'isuu danda'anis infekshinicha fayyisuu garuu hin danda'u.
Mallattoolee dhibichaa mul'ataniif yaaliin baay'ee bu'a qabeessa kan ta'u mallattoon dhukkubaa erga jalqabee sa'aatii 48 keessatti yoo jalqabamedha.
Qorichootni farra vaayirasii yeroo baay'ee ajajaman 'acyclovir', 'famciclovir' fi 'valacyclovir' kan jedhamanidha.
Guyyaa guyyaan qoricha kana keessaa tokko doosiin xiqqaa ta'e fudhachuun irra deddeebiin mallattoolee mul'atan hir'isuu danda'a.
Akka WHO jedhutti, yeroo baay'ee dhukkubsatan ykn dhukkubbiin addan hin cinnee isaan mudatu ykn carraa dhukkuba gara nama biraatti tamsa'uu hir'isuu barbaadaniif yaaliin guyyaa guyyaan ni gorfama.
4. Dhukkuba fanxoo
Dhukkubni fanxoo dhukkuba baakteeriyaa darbu yoo ta'u, qaama saalaa ykn afaan madessuu kan danda'a. Dhibeen kun yoo hin yaalamne gara kutaalee qaamaa biroottis babal'achuu danda'a.
Dhukkubni saal-qunnamtiin daddarbu kun kan ittifamuu fi yaalamuu danda'uudha. Yoo hin yaalamne rakkoo fayyaa hamaa fiduu danda'a.
Namoonni dhukkuba kanaan qaban hedduun mallattoo tokkollee hin qaban ykn ofirratti hin beekan. Fanxoon yeroo ulfaa miciree ajjeesa, daa'imman yeroo dhalataniis sababa dhibee kanaan du'uu malu.
Yeroo saal-qunnamtii kondomii sirnaan gargaaramuun dhukkuba kana ittisuun ni danda'ama. Qorannoodhaan saffisaan dhibichaan qabamuufi dhiisuun adda baasuun ni danda'ama.
Wal'aansa
Dhukkubni fannxoo qoricha qaba. Namoonni dhukkuba qabaachuun mala jedhanii of shakkan ogeeyyiii fayyaa waliin haasa'uu qabu.
Dhukkubni kun sadarkaa jalqabaarratti qoricha 'benzathine penicillin (BPG)' jedhamu lilmoodhaan kennama.
5. Kilaamidiyaa (Chlamydia)
Kilaamidiyaan dhibee walqunnamtii saalaa, baakteeriyaa Kilaamidiyaa tiraakomaatis jedhamuun daddarbu.
Dhibeen kun qoricha farra baakteeriyaatiin yaalamuu kan danda'u yoo ta'u, yoo otoo hin yaalamne hafe garuu rakkoo fayyaa hamaa fida, keessattuu dubartoota irratti.
Dhukkubni kun karaa dhangala'oo qaama saalaa dhiiraa fi dubartiin daddarba.
Yeroo baayyee kilaamidiyaan mallattoo waan hin agarsiifneef adda baasuun rakkisaadha.
Haata'u malee, mallattoon dhukkubichaa yeroo mul'atu, dhangala'aan qaama saalaa ykn ujummoo fincaanii keessaa dhangala'u kan dabalate ta'u mala.
Kana malees yeroo finca'aan dhukkubuu, yeroo tokko tokko immoo dhukkubbii garaa gadii ykn cidhaanii kan dabalatu ta'uu danda'a.
Wal'aansa
Akka WHO jedhutti, Kilaamidiyaa qoricha qaba. Kilaamidiyaan yoo garmalee walxaxaa hin taane, qorichhoota doksiisaayikiliinii ykn azithromycin dabalatee dawaa farra baakteeriyaa biroon ni yaalama.
Dhibichi deebi'ee mudatu yoo nama dhukkuba kana qabu waliin kondomii malee saal-qunnamtiin raawwatame fa'aati.
Daa'imman reefuu dhalatan kanneen ijji dhukkubu fi kilamidiyaa (conjunctivitis) qaban dawaa 'azithromycin' jedhamuun yaalamu.
Namoonni dhibee kanaan qabaman saalqunnamtii raawwachu dura dawaa kana erga fudhatanii guyyaa 7 eeguu qabu ykn yoo sun hin danda'amne kondomii sirritti fayyadamuu qabu.
Namni dhibee kanaan qabamuu of shakkan qoratamuu fi jaalalleesaanii beeksisuu qabu. Odeeffannoon kun maddoota Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) irraa fudhatame.