Gamtaan Awurooppaa Itoophiyaaf deeggarsa bajataa kennuu eegale

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Gamtaan Awurooppaa deeggarsa baajataa Itoophiyaaf kennu deebisee jalqabuu beeksise.

Gamtichatti koomishinariin michooma idil addunyaa Jooseef Sikeelaa Foramii Daldalaa EU-Itoophiyaa kaleessa 20,2026 Finfinneetti jalqabeen deeggarsi kuni deebi'e akka kennamu eegale himan.

Dhaabbatichi waggaa shan dura waraana Kaaba Itoophiyaatti adeemaa tureen yaaddoo dhiittaa mirga namoomaa waan qabaachaa tureefi deeggarsa addaan kute.

Seektaroota dursi kennameef deeggarsi Yuroo miiliyoona 140 akka ramadames gamtichi beeksiseera.

Jooseef Sikeelaan deeggarsi kuni marsaa sadiin akka kaffalamus beeksisanii jiru.

Ministarri Hajaa Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiyoos haasaa Jooseef Sikeelaa waliin waajira isaanitti taasisaniin waloomni biyyoota lameenii seektara aannisaa haaromsamuufi kaanirratti cimee akka itti fufu himan.

Bara 2020 yeroo waraanni Tigraayi jalqabe deeggarsa bajataa fayyaafi geejibaaf tahu Yuuroo miiliyoona 90 tahutu addaan cite.

Mootummaan Itoophiyaa yeroo ammaa kana haaromsa hojjechaa jiruufi michooma gamtichi biyyattii waliin barbaaduun deeggarsi kuni deebi'ee jalqabuu danda'eera.

Akkuma EU, US illee Itoophiyaa irraa deeggarsa kuttee turte. AGOA keessaas baaste hamma deeggarsa deebistee hin jalqabne.

Murteen Gamtaa Awurooppaa miilanaa hariiroon biyyoota gamtichaa fi Itoophiyaa fooyya'aa akka jiru akeeka.

Gamtaan Awurooppaa waggaa shan dura yeroo deeggarsa bajataa addaan kutu sagantaalee deeggarsa namoomaa Gamtaa Awurooppaa yeroos jiraniifi hojii misoomaa gamtichi irratti hirmaatuurratti dhiibbaa hin qabu jechuun qondaalli gamtichaa BBC'tti himanii turan.

Bara 2020 yeroo gamtichi deeggarsa addaan kutu dubbiihimaa ministeera hajaa alaa kan turan Diinaa Muftii Itoophiyaan gamtichaa waliin hariiroo istiraatejikii uumuu fedhii qabaachuu himuun waan biyya keessa adeemaa jiru sirriitti hubachuu dhabuurraan deeggarsa adda akka kutan akeekanii ture.