Seerri yunivarsiitii qabduu harmaa malee qormaata fudhachuu dhorku 'no-bra, no-exam' jedhu mufii kaase

Madda suuraa, Getty Images
Viidiyoon osoo yunivarsiitii Naayijeeriyaa tokko keessatti barattoonni shamarranii qormaata irratti hirmaachuu isaaniitiin dura qabduu harmaa uffachuu isaanii ilaaluuf qaamnisaanii sakkata'amu agarsiisu miidiyaa hawaasaarratti erga garmalee qoodameen booda aarii guddaa kaaseera.
Viidiyicha irratti hojjettuun dubartii tokko wayita barattoota shamarran Yunivarsiitii Olaabisi Onaabaanjo kan kibba-lixa Bulchiinsa Oguun keessatti argaman, gara galma qormaataa seenuuf hiriira galanii jiran lapheesaanii yoo tuxuqxu mul'ata.
Yunivarsiitichi viidiyoo kana irratti hanga ammaatti yaada hin kennine. Haata'u malee, hogganaan barattootaa tokko garuu imaammata qabduu harmaa qaama koodii uffannaa dhaabbatichaa kan "yaada namaa hin hirmane gargaaruu irraa kiyyeeffate" ta'uu isaa falmeera.
Haata'u malee, imaammata qeeqxonni kan saalqunnamtii fi miidhaa saalaa wajjin wal fakkeessanii balaaleffatan ta'u amanuudhaan, hojiirra oolchuuf karaaleen biroo akka barbaachisu kaasan.
Qondaalli olaanaan garee duula filannoo Neetworkii Humaan Raayitis BBC'tti akka himanitti, barattoonni yunivarsiitichaa mirgisaanii sarbamuun himachuu danda'u.
"Qaama nama biraa haala sirrii hin taaneen hayyama malee tuquun sarbama seeraa waan ta'eef tarkaanfii seeraa fudhachuutti geessuu danda'a. Yuunivarsiitichi safuu uffannaa safuu eegsiisuuf mala kana hordofuun isaa dogoggora," jetti Haarunaa Ayaagi.
Barattuun maqaanshee akka dhahamne hin barbaanne tokko BBC'tti akka himteetti, yuunivarsitichi dhaabbata amantaa ta'uu baatus seera naamusaa cimaa kabachiiseera.
Uffanni isaanii yeroo hunda sakatta'amaa akka jiru dubbatti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aarii ka'eef deebii kennuudhaaf, pirezidantiin gamataa barattoota yunivarsitichaa, Muuz Olaatunjiin, toora X isaarratti yunivarsitichi ''imaammaa koodii uffataa kabajaan guutamee uumuu, naannoo jeequmsarraa bilisa ta'e, barattoonni akka haala sirrii ta'ee fi kan dudhaawwan yunivarsitichaa waliin deemu akka uffatan jajjabeessuu irratti xiyyeeffate'' jajjabeessa jedheera.
Itti dabaluunis, imaamatichi haaraa akka hin taanee fi gamtichi ''dhaabbaticha waliin ta'uun mala filannoo uffannaa safuu hin qabne furuuf, walqunnamtii kabajaa fi kabajaa barattootaa fi hojjettoota gidduutti taasifamuu irratti xiyyeeffate irratti hirmaadhe," jedheera.
Akkasumas seera uffannaa kanas maxxanseera, kunis uffata kamiyyuu "saala walfakkaataa ykn faallaa ta'e haala safuu hin qabneen barattuu akka hawwu gochuu danda'u" dhorkuu kan dabalatudha.
Yuunivarsiitichi bara 1982 yeroo Olabisi Onabanjo bulchaa kutaa biyyattii turetti Yunivarsiitii Naannoo Ogun jedhamuun hundeeffame. Bara 2001tti maqaa isaatiin moggaafame..
Odeessaalee ijoo addunyaa maraa argachuuf gara Marsariitii BBC Afaan Oromoo dhaqaa.
Akkasumas WhatsApp Chanaalii keenya, akkasumas Facebook keenyaa irratti nu hordofaa, odeessaalee guutuu argatu. Odeessaalee viidiyoon argachuuf ammoo YouTube BBC Afaan Oromoo irraa argachu dandeessu.












