Gannat Margaa: Barattuun qabxii 579 fidde oolmaa harmeesheef maaliif bakka addaa kennite?

Madda suuraa, EBC
Barattuu Gannat Margaa magaalaa Asaasaatti maatii harka qalleeyyii keessaa dhalattus, sammuunshee garuu warra Finfinnee fi magaalota fooyyee qaban keessa jiraatan bira darbeera.
Bara kana Itoophiyaatti barattoota qormaata kutaa 12ffaa (seensa yuniversitii) qoraman kuma 530 keessaa kuma 48 fi 920 qofatu darban. Barattoonni qabxii olaanaan darban manneen barnootaa bultii addaa (Special Boarding Schools) Oromiyaa keessa jiran keessatti heddummaatu.
Akka shamarraniitti barattuu Gannat Margaa fi barattuu Haayimaanot Yohaannis qabxii walfakkaataa 579 fiduun tokkoffaa qabataniiru.
Qabxiin kun akka waliigalaatti qabxii bara kanaa biyyattii keessatti isa lammaffaarratti argamudha.
Barattuu Gannat Margaa gosa barnootaa qoramte keessaa Afaan Ingilizii 95, Herrega 100, Fiiziksii 100, Keemistirii 93, Baayooloojii 98, Aptiitiyuudii 93 fidde.
Barattuu Haayimaanot Yohaannis ammoo Afaan Ingilizii 94, Herrega 98, Fiiziksii 96, Keemistirii 98, Baayooloojii 97, Aptiitiyuudii 96 fidde.
Qabxii olaanaan kan galmaa'e dhiiraani. Barataa Kaalid Bashir Mana Barumsaa Bultii Addaa Ifa Boruu Dodolaa irraa qabxii 600 keessaa 591 fiduun akka biyyaatti tokkoffaadha.
Barataa Caalaa Garramaa ammoo mana barumsa bultii addaa Ifa Boruu Amboo irraa saayinsii hawaasaatiin 600 keessaa 562 fiduun sadarkaa duraa qabate.
Ammoo barattuu Gannat Margaa, kan akka shamarraniitti qabxii olaanaa akka biyyaatti ammoo qabxii lammaffaa ta'e fiddes manuma barumsaa kanarraati.
Barattuun kun qabxii kana fiduutti miirri addaa akka itti dhagahame himte. ''600 keessaa 579 qabxii baayyee guddaadha. Anillee baayyeen gammade.''
Jalqaba wayita qabxii ilaallatu amanuun akka itti ulfaatee fi rifattee akka turte himte. Sababa isaas akkanaan ibsite.
''Qabxiin kun kan Haayimaanot [barattuu Finfinneerraa qabxii 579 fidde] faana walfakkaata. Dogoggora jedheen yaade. Baayyee na shakkisiise.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barattuu Gannat Margaa iccitiin milkaa'inashee yeroosheetti sirnaan fayyadamuun ala waan biraa akka hin taane ibsite.
''Yeroo kiyya sirriittan fayyadama. Bakka adda addaattin yeroon balleessu hin jiru. Qo'annaarrattin dabarsa. Kitaabota garaagaraa nan dubbisa. Viidiyoowwan barnoota dabarsanis YouTube irraa nan ilaala.''
Manneen barnootaa bultii Oromiyaa keessa jiran barattoota dandeettii qaban dorgomsiisee kan fudhatu yoo ta'u manneen barnootaa kaan waliin yoo walbira qabamu barnoota qulqullina qabu kennuun beekama.
Meeshaalee deeggarsa barnootaa, manneen kitaabaa, laaboraatorii akkasumas barsiisota ga'umsa qabaniin dabaalamee barnooti barattoonni argatan daran akka dandeettiisaaniitti fayyadaman isaan taasiseera.
Barattuu Gannat Margaas kanarraa fayyadamuu ibsite.
''Barsiisonni kiyyas baayyee ciccimoodha. Barsiisota ciccimoodhaanin baradhe. Waan baayeedhaan nu gargaaraa turan. Yeroo barnootaan alatti qabiyyeewwan barnootaa hedduurratti dokumentiiwwan baayyee nu fayyadan nuuf dhiheessuun nu qo'achiisaa turan. Isa kanatu baayyee na gargaare.''
Akka barattuun kun jettutti qabxii olaanaan kun ifaajeeshee qofa osoo hin taane bu'aa ga'umsa barsiisota isheetis.
''Maatiin koo na gargaaru kan haadhakoo garuu adda''
Maatiin barattuu Gannat Margaa harka qalleeyyiidha, garuu rakkinnisaanii shamarree kana hiriyootashee biraa hin hambisne- kutannoo guddaa qabu jetti.
Akkuma hiriyootashee umriishee waggaa 7tti daree barnootaa tokko jettee eegalte, umriishee waggaa 18tti amma akka biyyaatti beekamteetti.
Kutaa gadiirraa eegaltee sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa keessa ba'aa turte. Wayita Dodolaatti mana barumsaa sadarkaa lammaffaa barataa turtes akkasuma.
Barattoota walakkaa miiliyoonaan dorgomtee barataa tokko qofaan caalamte, kun waan salphaa miti.
Barattuu Gannat Margaa milkaa'ina kanaaf maatii ishee daran galateeffateetti.
''Maatiin koo baayyee na gargaaru. Osoo ofii hin baratin na barsiisan. Anillee kaayyoosaanii kan isaan barbaadan sana galmaan ga'uun isaan boonsuun barbaada.''
Namuu barataa ykn barattuu qabxii olaanaa akkanaa galmeessise ykn galmeessite wayita argu maatiin namoota fooyyee qaban akka ta'anitti tilmaamuu danda'a. Yeroo baayyee barattoota collee akkasii maatii hojjettoota mootummaa ta'aniin walqabsiisu.
Maatiin barattuu Gannat Margaa garuu akkas miti. Hojjettoota mootummaas qonnaan bultootas miti.
''Maatii harka qalleessa, maatii hojjetee na barsiisedha. Keessattuu na faana dhaabbattee kan na barsiiste harmee kooti,'' jette.
Maatiin barattuu Gannat Margaa, haatis abbaanis yoona ga'anii milkaa'ina intalaasaanii argattuu guddoo gammadaniiru. Walbira jiraachuu baatanis garuu akka kutannoon ishee bira dhaabbataa turan himte.
''Hojii guyyuuti kan isaan hojjetan. Abbaan koos na garaagra garuu yeroo ammaatti haadha koo faana walbira hin jiran. Garuu haati koo hojii guyyuu hojjettuun na utubaa turte.''
Barattuun kun barnootasheen erga milkooftee amma booda duubatti deebi'uu hin barbaaddu, kanaaf ammoo gargaarsa feeti.
''Osoon gargaarsa argadhee biyyoota alaatti Scholarship argadhee baradhee natti tola. Gara fuulduraatti maatii koo kana caalaa boonsuu waanan barbaaduuf gargaarsa argadheen osoon biyya alaatti barnoota koo baradhee natti tola.''
Barattuu Gannat Margaa damee barnootaa saayinsii uumamaa kan baratte yoo ta'u fuuldurattis barnoota fayyaan walqabatan irratti xiyyeeffachuu akka barbaaddu himte.
Hawaasa ishee rakkoo fayyaa adda addaaf saaxilamuu argaa guddatte kanaaf furmaata fiduuf damee fayyaa irratti akka fuulleffatte dubbatte.
Barattuun kun yeroo Itoophiyaatti qabxiin barattoota akka malee gadi bu'etti qabxii baayyee olaanaa ta'e fidde.
Kanaafis barattootaaf gorsa qabdi. ''Yeroosaaniitti sirnaan yoo fayyadaman wanti hundinuu ni milkaa'a. Milkaa'inni jabaatanii qo'achuudhaan dhufa. Jabaadhaa qo'adhaa! Yeroo keessan sirnaan fayyadamaan jedhaan.''












