Torban murteessaa Piriimer Liigii: Tilmaama Maan Siitii V Arsenaal fi kaan

Waancaan Piriimer Liigii maal akka ta'u murteessuu keessatti taphni murteessaa ta'e Dilbata Maanchester Siitii fi Arsenaal gidduutti Iitihaaditti gaggeeffama.
Sababa kanarraa kan ka'een taphni kun hawwii guddaan eegamaa jira.
Maanchester Yunaayitid ammoo gara Landan Kaabaa deemee Chelsii waliin taphata.
Darbiin Marsiisaayid Everten fi Liiverpuul walitti fidus kanneen eegaman keessaati.
iinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan kanneen dabalatee taphoota kaan tilmaameera.
Sambata
Bireentifoord v Fuulhaam
Tapha marsaa duraatiin Fuulhaam ture kan mo'ate.
Bireentifoord gama isaatiin taphoota darban arfan qaxi ba'uun xumure.
Gareen kun bara dorgommii itti aanu carraan Shaampiyoons Liigii Awurooppaa keessatti hirmaachuu jiraatus tapha kanas qabxii wal qixaan xumura,
Tilmaama: 1 - 1
Liids V Wolvis
Liids Wixata darbe Maanchester Yunaayitidiin qabxii 2 fi 1 oliin mo'achuu danda'ayyu ture.
Dominiik Kaalvert- Lewiin carraa goolii lama lakkoofsisuu argatee ture.
Woolvis sa'aatii dhumaa gooliin irratti lakkaa'ameera.
Taphni kun cimaa ta'ulleen, Liidis qabxii sadan isaa akka milkeeffatun tilmaama.
Tilmaama፡ 2 - 1
Niwukasil Yunaayitid v Barnimaawoz
Niiwukasil gahumsi isaa gadi bu'aa kan dhufe yoo ta'u, Sanderlaandiifi Kiristaal Palaasiin mo'ameera.
Leenjisaan Niwukasil Edii Haawu garee isaa duraanii Bornimaawoz si'a sagala morkatullee tapha tokkollee mo'achuu hin dandeenye.
Bornimaawoz ga'umsa gaariirra jiraachuurra darbee torban darbe Arsenaal mo'achuu danda'eera.
Tapha kanaan garuu Niiwukasil akka mo'atun tilmaama.
Tilmaama፡ 2 - 1
Tootemhaam v Biraayitan
Barri dorgommii kun Tootenhaam waan gaarii tokkollee raawwachuu hin dandeenye.
Taphoota 14 darban mo'ameera. Gareen kun Biraayiteniin mo'atee qabxii sadii ni argata jedhee hin yaadu.
Biraayiten taphoota ja'a darban keessaa imala taphoota sadii mo'atan itti fufsiisu jedheen yaada.
Tilmaama፡ 0 - 1
Cheslii v Maanchester Yunaayitid

Yunaayitid tapha Liids waliin taphateen kaka'umsa hin argarsiifne ture.
Chelsiin ammoo erga mo'achuurraa fagaachuu jalqabee bubbuleera.
Gareen kun Enzoo Fernaandeeziin sababa tapha Maanchester Siitiirraa dhorkeef na hin amansiifne.
Gareen kun Shaampiyoons Liigii Awurooppaa keessatti hirmaachuu qaba. Yunaayitid akka yeroo darbee laafee yoo dhiyaate injifannoon kan Chelsii akka ta'un yaada.
Tilmaama፡ 2 - 1
Dilbata
Aston Viilaa v Sanderlaand
Tapha marsaa duraatiin Sanderlaand taphattoota 10 qabatee tokko wal qixa addaan ba'e.
Torban darbe tapha Tootenhaam waliin taphaterrateen Sanderlaand garee ijaarameeru ta'uu mul'iseera.
Taphni kun dorgommiin cimaan kan irratti mul'atu ta'ulleen, Aston Viilaan dirreesaarratti mo'atee carraa Shaampiyoons Liigii Awurooppaatti hirmaachuu isaa akka bal'ifatan nan tilmaama.
Tilmaama፡ 1 - 0
Everten v Liiverpuul

Liiverpull Shaampiyoons Liigii Awuroopaa irratti PSG waliin tapha gaarii agarsiisullee bu'a qabeessa hin taane. Gareen kun bara itti aanutti qabxii Shampiyoons Liigii keessatti hirmaachuu isa dandeessisu argachuuf mo'achuu qaba.
Taphni kun wal qixaan xumurama.
Tilmaama: 1 -1
Notingihaam Forest v Barnilee
Kun Forestiif tapha guddaa bara kanaa ta'aaf.
qabxii sadii milkeessuuf carraa gaarii ta'ulleen, tapha muddamni baayyeen mudatu ta'a.
Barnileen Liigicha kessaa ba'uun isaa waan hin oolle waan ta'eef bilisummaan waan taphatuuf Forestiif qormaata akka ta'un eega.
Tilmaama፡ 1 - 0
Maanchester Siitii v Arsenaal
Arsenaal tapha Shaampiyoons Liigii Awuroopaa Ispoorting Lisban waliin taphaterratti sarara ittisaa isaa cimaa ta'ulleen, rakkoon goolii lakkoofsisuu isa mudateera.
Gareen kun taphattoota kubbaaakka gatan gochuufi gurmaa'ee taphachuu akka danda'u agarsiisullee sararri isaa fuula duraa qaawwa qaba.
Sababa kanaan Siitiin tapha kana ni mo'ata jechuun danda'amulleen Arsenaal qixa ba'uun isaaf gahaadha.
Kun ammoo Arsenaal haleelaafi itisaa madaallii isaa eegee taphachuuf isa gargaara.
Siitiin tapha kana olaantummaan akka xumuru yaadulleen morkii jabaatu isa eeggata.
Tphattoonni warri akka Zhermii Dokuu fi Antoonii Semeeniyuu dandeettii tapha kana jijjiiruu qabu.
Tilmaama፡ 1 - 0
Wixata
Kiristaal Palaas v West Haam
West Haam tapha kana yeroo taphatu kufaatiirraa ooluuf taphatatu.
Palaas saatii dhumerratti Niwukail mo'atee taphoota sadii keessaa qabii torba argatee ga'umsa gaarii agarsiiseera.
Taphni kun muddamni baayyeenkan irratti uumamu ta'us qabxii walqixaan xumurama
Tilmaama፡ 1 - 1











![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)
