Pirezidaantii US ta'uuf ammayyuu abdii hin kutanne - Kamaalaa Haaris

Bulchiinsa Joo Baayidan jalatti Pirezidaantii Itaantuu US kan turte Kamaalaa Haaris irra deebin pirezidaantummaaf dorgomuu akka dandeessu BBCtti himte.
Tiraamp wajjin filannoo pirezidaantummaa US bara 2024 dorgomtee Tiraampiin kan mo'amte Kamaalaa Haaris US guyyaa tokko pirezidaantii dubartii taate akka qabaattufi ishees ta'uu akka danda'u abdii qabdu himte.
Filannoo bara darbeerratti Tiraampiin mo'amtus filannoo US bara 2028 gaggeeffamurratti dorgomtuu cimtuu taatee dhiyaachuuf akka jirtu afaan guuttee dubbatte.
Joo Baayidan sababa umuriifi rakkoo fayyaan dhumarratti pirezidaantummaaf dorgomuu keessaa erga bahee booda, Paartiin Dimokiraatotaa Pirezidaantii Ittaantuu US kan turte Kamaalaa Haaris kaadhimamtuu godhee dhiyeessee ture.
Garee Tiraamp sagalee caalmaa hedduun mo'atee pirezidaantii US ta'ee filame.
Paartiin Dimokiraatotaa sagalee caalmadhaan mo'amuusaaf pirezidaantii duraanii US Joo Baayidanitti quba qabe. Sababni dhiyaate ammoo Kamaalaa Haaris yeroo bal'aa akka argattuuf dafee kaadhimamummaa keessaa of baasuu dhiisuu isaati.
Gama biraan ammoo Kamaalaa Haarisis yeroo argattetti duula filannoo sirnaan hin gaggeessine, karoora uummata UStiif qabdus sirnaan hin dhiyeessine jedhamuun komatamuurraa hin oolle.
Kamaalaa Haaris turtii BBC waliin taasifteen, filannoo pirezidaantummaa US dhufurratti hirmaachuu akka dandeessu akeekun, ofii yoo milkaa'uu baattellee dhaloonni dhufu pirezidaantii US dubartii taate akka argan abdii akka qabdu himte,
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Siyaasa US keessaa akka hin baane, pirezidaantummaaf dorgomuuf ammallee abdii akka hin kutanneefi garuummoo murtoo dhumaarra akka hin geenye dubbatte.
"Abdii hin kutanne, guutummaa jireenya koo akka jireenya tajaajilaatti waanan dabarseef nama tajaajiluun lafee koo keessa jira," jette Kamaalaa Haaris.
Kamaalaa Haaris hiddi dhalootashee Hindiirraa ta'uusheerraa kan ka'e, filannoo pirezidaantummaa US irratti hin milkaa'in hafte kanneen jedhan danuudha.
Waa'ee kanaa kan gaafatamte Kamaalaan, sababa akkasii dhiyaatuf gurra akka hin qabdne ibsite.
Yeroo Tiraamp waliin dorgomaa turte duula filannoo gaggeessite irratti Tiraamp "abbaa irreeti" jechuun ibsaa turte.
Waanti waa'ee isaa yeroo sana akeekkachiisaa turte dhugaa ta'ee akka argame amanti.
Doonaald Tiraamp mootummaa abbaa irreeti jettee kan ibsitu Kamaalaa Haaris, dhaabbilee US akka meeshatti itti fayyadamaa akka jiru ibsite.
"Ministiira Haqaa akka meeshatti akka fayyadamu [Tiraamp] dubbatee ture- waanuma dubbate sana hojiirra oolchee jira," jechuun dubbate.















